Baroota dabran kanneen jaarmayootni Oromoo heddummaachuun ummataaf jaarmaya isaaniif sirriitti hojjatu akka filatan carraa bana kan jedhan dhagahaa turre. Hanga ammaattis kan akkanumatti yaadan ni dhabaman jechuu hin dandeennu. Anis yeroon yaada kana leellisuu baadhus akka waan hammeenya hin qabneetti ilaale ni ture. Garuu galmee seenaa qabsoo ummatoota addunyaa keessa deebinee yoo ilaalle ummata tokko keessatti jaarmayootni akeeka tokko qabaatan heddummaachuun bu'aa akka hin qabnee fi inumaa hoongi isaan fidan akka caalu hubachuun nama hin dhibu. Biyyoota ykn ummatoota mirgaaf lolaa turan kanneen ar'a mirga isaanii argachuun seenaa boonsaa gonfatan yoo ilaalle injifatnoo kan dhaqaban hooggana jaarmayaa tokkoo qofaa jalatti. Yaada kana irraa ka'uu dhaan ilaalchi jaarmayoota maqaa qabsootiin ummata keessatti heddummaatan akka bu'aa baraneetti [as a result of modern trends in politics or the freedom to organize -multi party system] ilaaluun fafa inni qabu ilaalla.
Jaarmayootni heddumaachuun bu'aa hin qabu waanni jedhu waan hunda ibsuu akka hin dandeenye ni hubatama. heddummini jaarmayootaa maaliif qabsoo keenya miidha? waan jedhu bal'ifnee haa ilaallu.
1. Sababni guddaan jaarmayootni akeeka tokko qaban ummata sochii mirgaa godhu tokko keessatti heddummaachuun bu'aa hin qabneef hundi isaanii ummatni isaan ijaaruuf itti xiyyeeffatan, qabsoo godhaniif deeggarsa humna namaa fi qabeenyaa irraa barbaadan tokko tahuu dha. Kanaaf qabeenyaa fi humni silaa qabsoof ooluu malu jaarmayota kana gidduutti waan qoodamuuf jaarmaya cimaa tokko utubuun ni ulfaata. Humnaa fi qabeenya jaarmayoota gidduutti qoqqoodamu kun jaarmayootni hundi akka ir'uu tahan godhuun humna dhabsiisa.
Kana irratti kanneen ummatni kan isaa tahu [jaarmaya isaaniif tahu] filachuu waan danda'aniif rakkoon hin jiru jedhan jiraachuu malu. Kun akka yaadaatti dhihaachuu danda'us yaada nama quubsuu miti. Sababni kun tahuu hin dandeenneef kanneen jaarmaya ijaaran hedduun namoota ummata keessatti dhageettii qabanii fi sabboonummaan beekkaman waan tahuuf sadarkaan isaanii wal caalus hordoftoota hin dhaban. Hunda caalaa kan jaarmayootni kun adda qoodatan ummata dammaqe jedhamu waan taheef qabsoo ummata tokkoo boodatti harkisuu irratti qooda qabaata.
2. ilmaan namaa uumamaan amala wal dorgomuu qabaatu. Keessattuu ammalli ani "eenyuu gadi jira" jedhu karaa faallaatti fudhatamee namootni hojiin wal dorgomuu caalaa wal dura dhaabbatuun yeroon itti babal'atee mul'atu hedduu dha. Siyaasaa keessatti murnootni ykn jaarmayootni hawwii ummata hunda jaarmaya isaanii jala hiriirsuuf qaban irraa nuti dhibdee ummata furuu danda'a waan jedhutti dirqamaan waan dhiibamaniif ummataaf hojjachuu irra wal dorgommii wal caaluu akka dagaagu karaa bana. Kana irra dabre jaarmayootni hafanis yaada ana qofaatu dhiibdee ummataa furuu danda'a jedhu kana faallessuuf jaarmayoota wal dorgoman jala deemuun laafina isaanii guddisanii dhiheessuun ummata keessatti akka shakkiin babal'atu godhu. Wanni jalqaba dhaabbataniif hafee qabsoon qabsoo namootaa fi jaarmayoota gidduutti gad buuti jechuu dha. kun afanfaajjii uumee namootni "mee ni hubanna" jedhanii akka sochii ummataa kana irraa of qusatanii fi takkaahuu hanga tokko keessaa hojiin ol bahutti ni ilaalla yaada jedhu akka fudhatan godha. Osoo Oromoon wal nyaattu eessaahu gahuu hin dand'amu, maaliif yeroo keenya balleessina yaadni jedhu akka babal'atu taha jechuu dha.
No comments:
Post a Comment