Friday, August 7, 2009

Yeroo Gabroomfataa fi "Bilisa Baasaan" tokko tahu.

Video WBO tv biyya Kenya-tti agarsiifama jiru irratti murni lama waliif galteen akka hojjataa jiru dhagahama. Murni tokko kan lammii Oromoo lafa irraa duguuguu fi haala fedhe keessatti saba Oromo hidhamaa Empaayera Etoophiyaa taasisee tursiisuu barbaadu yommuu tahu, tokko ammoo murna SH-G-ABO ofiin jedhu kan "bilisummaa"saba Oromoof falma jedhaa turee dha. Kun akkamitti akka tahu Oromoof salphaatti kan hubatamu tahuu baatus, gadi-fageenyaan kan ilaaleef murna kana lameen jidduu garaa garummaan jiruu fi ture maqaa qofa akka tahe hubachuun nama hin dhibu.Fagoo osoo hin deemin Shaneen media addunyaa irratti bahuu falmaa sabni Oromoo godhu dura dhaabbachuun qofti bilisummaan saba Oromoo kan isaan yaaddessuu fi akeeka biroo maqaa Oromootiin gaggeessan akka jiraachuu agarsiisa. Dhaabni wareegamni gootota ilmaan Oromootiin baroota dheeraaf jiraate ar'a farreen ummataatiin dhuunfatamee mooraa qabsoo keessatti shiraa fi kaayyoon diinaa akka gaggeeffamu tahuun kan hedduu nama gaddisiisuu dha.

Barruu shaneen maaliif Video WBO arguu Jibbite jedhu kaleessa maxxanse irratti murna amma shanee gaggeessu yakka hedduu qabsoo bilisummaa irratti raawwachaa tureef sodaa guyyaa tokko seeraan gaafatamna jedhuun mataan hidhame akkuma gabroomfattuu Habashaa bilisummaa Oromoo irraa yaaddoo qabaachuu isaa ti. Sababni biroo murni shanee murna dantaa dhuunfaatiin ijaa jaame, tuffii guddaa saba oromoo irraa qabuu tahuu hubachuun barbaachisaa dha. Kana malees ilmaan Oromoo biyya isaaniif falmatuuf hayyama shanee malee akka mirga hin qabneetti kan yaaduu fi walqixxummaa ilmaan Oromootti kan hin amannee dha. Waldhabbii bara dabre mooraa ABO keessatti mudatee fi olola murni kun oofaa ture irra deebi'anii ilaaluun eenyummaa murna kanaa fi ilaalchi isaanii dhukkubsataa tahuu hubatuun ni danda'ama. Murna shanee keessatti ol'aantummaaf waldorgoman, Murna Tamaam Yuusuf, Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa yoo ilaalle isaan hunduu Oromoo naannoo isaanii kan biraa akka caalu fi isaaniin hoogganamuu fi eebbifamu malee mirga an Oromoo dha jedhee of yaamuuyyuu akka hin qabnetti hubatu. Akkaataa itti nama ijaaraa turan yoo ilaalle;

A. Murni Tamaam Yuusuf naannoo inni itti dhalatetti Oromoon dhalate akka qabsoo kanaaf oromoo hunda caalaa wareegama baase, kan isaan irraa hafe hambaa Oromoo namni biroo qabsaawee Oromoo isaa taasisu akka taheetti hubata. Kana irraa kan ka'e ganda keessa bobba'uun qabsoo isin wareegama itti baaftan kanneen hanga nuti hayyamnutti Oromummaa qabaachuu hin mallee isin irraa fudhataa jirti jechuun ummata jibbaa diinaa osoo hin taane jibbaa lammii irratti ijaara.

B. Murni lameen hafan murna Oromoo hafan hundi lammummaan sadarkaa nama naannoo isaanii dhalatee gadi akka tahan, ummata yoo namootni biroo itti himan malee Oromummaan maal akka taate hin beekne, ummata barnoota hin qabne kan doofummaa keessa jiraatu waan ta'eef waan nuti itti himnee ala bahu diina Oromoo jedhamuu qaba jedhu. Yeroo tokko tokko tuuta titisaatin walfakkeessu. Yeroo tokko tokko loon namni hayyisu jedhuun.Ilaalchi isaanii nafxanyaan walfakkaatas. Nafxanyaan ilaalcha nafxanyummaa irratti jaarmaya Amaara qofaan ijaarameen kan nama toophiyaa hunda bakka bu'u jedhaan. Kanneen bifa fakkaatan lammii isaanii ijaaran mirgaaf dubbatan ammoo dhiphoo dha Nafxanyoota biratti. Maqaa tokkummaatiin Nafxanyummaa dagaagsu. Murni shanee Abbaa Caalaa fi Daudiin durfamu kunis akkuma murna Toophiyaa sana gartuu isaan hoogganan irraa kan hafe ilmaan Oromoo naannoo hundaa osoo keessatti qooda fudhatan illee murna gandaa jedhaan.Kan ilaalamu maal irratti ijaaramanii osoo hin taane eenyutu hoogganaa dha. Egaa walumaa gala, akka murni kun yaadutti Oromoonni isaan irraa hafan uumamaan badhaafamanii naannoo isaaniitti hin dhalatin
'doofaa" namni waan hojjatan itti himuu qabu waan tahaniif waan mataa isaanii fi saba isaaniis dubbachuu hin danda'an, maqaa Oromoos dhahuun hin hayyamamuuf hanga murna "qaroo, barate" kana irraa eebba fudhatanitti. Akka ilaalcha murna kanaatti Oromoon hundi walqixxaa'uu kan danda'u uumamaan osoo hin taane erga isaan kunuunsanii, Oromummaa hafuura qulqulluun erga itti guutan booda taha. Gabaabaatti ilaalchi murna kanaa Oromoo uumamaan osoo hin taane ilaalcha dhiphoo irraa ka'anii ibsu ykn /define/ godhu.

yaada armaa olii kana irraa wanti hubatamu murni lameenuu wal qixxummaa ilmaan Oromoo uumamaa fi Oromummaan waa'ee Oromoo irratti qaban murna hin fudhanne murna booddeessaa fedhii Oromootiin mormuu dha. Ilaalchaan boodatti hafaa tahuu isaanii irraa osoo hin hubatin tarree cunqursaa dhaabbatu. Kan walqixxummaa ilma namaatti hin amanne bilisummaa sabaatiif falmuu hin danda'u. Hanga oromoo hundi qabsoo keessatti qooda walfakkaataa akka qabu hin hubannetti isaan hoogganuu fi qooda barbaachisu kennisiisuuf ilaalchi jallataan mataa isaanii keessatti uumame isaan dhoorka. ilaalcha jallataa isaan qaban kanatu Oromootti akka hinaafan, diina kaayyoo dhiisanii akka Oromoo irratti duulan, maayyii irratti akka gurmuu saba oromoo diiganii fi tokkummaa qabsaawotaa booressan kan isaan godhe.

Hunda caalaa farruumaa murna shanee kan ibsu, WBO arguuf jibbansa isaan gidduu kana agarsiisaa jiranii dha. Videon mul'atu humna keenya diinaaf saaxila yaadni jedhu kan hin tuffatamne tahus naannoo sanatti humni keenya bal'inaan socho'uu diinni dur irraa akka beeku namuu ni hubata. Kana irraa ka'anii humni TPLF fi Homaan waraanaa mootummaa Kenyaa sakattaa waliin qindeeffataa akka turan iccitii tahuu hin qabu. Kanaaf sochiin WBOn naannoo sanatti godha ture iccitii miti. Kana irra dabrees humna kun Video irratti afaan inni dubbatu Oromoo tahuu osoo argan humna Turkaanaa, Somaalee fi kkf jechuun isaanii akkuma duratti jedhe Oromoonni naannoo tokko tokko qubatan kanneen hafan irraa gadi- ilaalchi jedhu akka mataa isaanii xaxee ija isaani jaamse ragaa taha. Falmaa siyaasaa fi waraanaa keessatti bakki ololaa fi sochii ofii addunyaa irratti beeksisu qabu guddaa akka tahe namuu ni hubata. Murni shanee dhugaa kana Osoo beeku WBO dura dhaabbatee akkuma Wayyaanee mormuun ajandaa biroo akka qabu, bilisummaan saba Oromoo irraa yaaddoo akka qabu agarsiisa.

Kaleessa Video NTV irratti dabre dhaabuuf mootummaan TPLF tattaaffii guddaa akka godhe dhageenne. garuu kun diina keenya irraa dhufuun nama dinquu hin qabu. Kan Oromoon gaafatuu qabuu fi Murni shanee deebisuu qabu garuu maaliif WBO dura akka dhaabbatan, ijjannaa bilisummaa saba Oromoo irratti qaban, akkasumas obbolummaa TPLF waliin horatan maal irraa akka maddee dha. Akka an yaadutti Murni shanee WBO dura dhaabbachuun murtii tooftaa kan humna jijjiiramaa mormuu osoo hin taane imaammata blisummaa saba Oromoo dura dhaabbachuu isaan qaban irraa madda. Ummatni Oromoos kan tolchee hubatuun qabsoo isaa leelliftoota kaayyoo Habashaa maqaa "bilisummaa" saba Oromootiin gaggeessan irraa tikfachuu qaba.


Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

Roobaa Bultum