Ijoolleen xixinnoon ati eenyu yemmuu jedhaniin deebiftee ati hoo eenyu namaan jetti, gaaffii deebisuu diddaaf. Ykn ammoo nama keessummaa kanatti maqaa kiyya nan hima moo hin himuuf murteessuu yemmuu dhabdu. Barruun Obboo Hordofaa Dhugaa mata duree "Shanee dhabamsiifne jachuun Abjuu fi Abdii kutannatti yeroo jijjiiramu " jedhu jalatti barruu ani asiin dura barreessee bilisummaa.com irratt maxxamfamteef deebii kennuuf yaale keessatti akeeka yaada daa'immanii tuqne kanaan walfakkaatuun yaada an dhiheesseef deebii kennuu yommuu itti rakkatuu fi waan jedhu irratti mataan murtii kennuu dadhabee akka nama bishaan fudhatee hoomacha qaqqabatu agarra. Eegaa dhaaba isaa, Obboo Odaa Xasee fi kanneen barruu kiyya keessatti maqaa tuttuqe bakka bu'ee falmuufii yoo barbaade, dhugaa ittiin falmuun qabaatu obboo yakka isaan irratti dhihaateef deebii qubsaa, amanuus tahe haaluu ifatti dubbiftoota hubachiisuu qaba. Barruun kiyya kan hundaa'e dhugaa qabatamaa fi beekkomsa bara dheeraa irratti. Akkuma jedhu, Obboo Odaa Xasee dogoggoraan, shira kanneen waliin hojjatan irratti dalaganii fi lammiiwwan Oromoo naannoo biroo akkamitti dhaaba keessaa akka qulqulleessan itti yaada waldabarfatan jiraachuun dhugaa addunyaan hundi haasawee dadhabee dha.
Gama birootii Abbaa Calaa fi Daud Ibsaa gidduu waldhabbiin jiru kan hedduu ture, bara dabre yeroo ABOn bakka lamatti adda bahu nama USA irraa Asmaraatti bobba'ee akka araarri isaan gidduutti bu'e, maadheelee naannummaa irratti ijaaranii barootaaf toohataa jiraatan walitti fidanii bifa waalta'een dhaabaaf bu'aa argamsiisuu irratti akka wal-dhabbii qaban ifaatti kan dhagahamuu dha. Kanaaf dhibdee kana jijjiirama yakkuu dhaan furuun hin danda'amu.
Fuula lammafaa barruu kanaa yakka obboo murna "jijjiiramaa" fi kanneen diinatti yakku irratti dhiheesseef deebii kennuuf wareega. kanuma waliin ammoo an jijjiiramaaf dubbataa akka hin tahinii fi dubbatuufis fedhii akka hin qabne gama kaniin ammoo siyaasaa Oromoo keessatti ilaalcha bilisa mataa kiyyaa irra ijjadhee daba Oromoo keessatti hojjatamu falmuuf ejjannaa qabu irraa barruu Obboo Hordofaa Dhugaa deebii kenna.
A. Obboo " Hordofaa Dhugaa"Barruu isaa irraa akka argutti, ABO keessa barootaaf diinaaf kan hojjatan akka turan,. karoora hoogganni dhaabaa baasaa ture akka hojii irra hin oole akka godhanii dha. Oduu kana ganna tokkoof wallakkaa ol dhageenyus olola diigaa fi badii ofii haguuguuf murni shanee facaasaa ture ala dhugaa akka hin tahin agarra. Dhaabni kun bara 1992 booda hoogganni isaa irra jiroon ummataa fi WBO baqatee biyya ambaatti kan goodane, erga WBOn biyyaa dhiibamee bahe booda aangoo barbaacha qofa kan an hooggana ABO jedhee of ibsee dha. Namoota amma murna shanee hoogganan kanneen "umrii isaanii irra caalaa qabsoo Oromoof oolchan" jedhamanii dhageennu kun 1992 humna WBO dirree dhihaa facaasanii diina jalatti dhiisanii kan biraa deemanii fi barootaaf hoogganni dirree ture [dirree bahaa] yeroo akka hoogganni dirree qabsootti akka deebi'u gaafatan finciluun alatti jireenya oowifatan, 1998 WBOn hooggana isaa kan haqaa fi gootota hedduu dhabee yeroo biyya Somaaliyaatti dhiibamu irratti abbaa tahuu shaanxaa guurratanii Somaaliyaatti godaanan. Kora hatattamaa godhame irratti bakki qoodameefii deebi'anii humna diinaaf waggaa jaha dura kennan irratti hooggana tahan. Yeroo kana booda waldhabbii Ethiopia fi Eritrea gidduutti dhalatetti gargaaramuun humni waraanaa 2000 gahu leenjifamee biyyatti bobba'uuf somaalee keessatti osoo qophiin irra jiruu eeggannoo barbaachisu gochuu fi humna dursanii biyya seensisuu didanii TPLF somaaleetti bobba'uun humna kana facaafte. Yeroo kanaaf hoogganni kun humna 2000 ol tahu dhiisee Asmaraatti akkuma 1992 sana baqate. Hoogganummaa isaan kennaniin goototni akka Caalaa Leencoo, Daddafaa, Turee Dhaddachoo kkf hedduun Baidowa irratt wareegaman. Sana boodaf waani tahaa ture hoogganni humni Oromoo gabrummaa loluuf leenjisa dabaree dabareen fudhatee bobba'e hunda qoratnoo gahaa malee bobbaasuun akka baalaa akka harca'u godhan. Ilmaan Oromoo kumaatamaan maqa dhaaba kanaatiin yeroo dhuman, University dhiisanii biyyoota lamaa sadi keessa qaxxaamuranii Asmaraa gahanii, osoo hooggana tokko hin argan gammoojii takkaa Oromoon argee hin beekne keessatti leenjisa xumuranii wareegamaaf gama biyyaa yommuu deebi'an hogganni isaan abdatanii jala hiriiran tokkoon isaa qabsoo biyyatti deebisuun kan Asmaaraa irraa dangaa Wallaggaa gahe hin jiru. Humna dabaree dabareen gama biyyaa ergame karaa kam irra akka qaxxaamuru, eessaa akka bishaan argatu, diinaan yoo waliitt bu'e eessattii madoo akka dhoksatuu hin beekan. Haala kanaan ilmaann Oromoo yeroo adda addatti gara biyyaa bobba'an hundi daangaa Somaalee fii Suudaan irratti harca'an. Hooggaanni issan bobbaase, eenyu eessatti akka wareegame fi eeny harka diinaa akka bu'e hanga ar'aatti hubanoo takka hin qaban. Egaa kun hundi yemmuu tahu kannaan ar'a jijjiirama hoogganaan ABO keessatti aangoo murtii dhaabaa kennuu fi waraana bobbaasuu akka hin qabne namuu ni beeka. Cinaan isaanii qaama hoogganaayyuu hin taane. Hedduun namoota ati yakkuu barbaaduu hooggana dhaaba kanaa kan tahan Kora 2004-5 tahe irratti. Dhaabni kun gidduu kan eessa akka turee fi qabsoo kana fuula dura oofuu, biyyatti deebi'ee ummata isaa waliin qabsaa'uu waan isaan dhoorke namni deebisu waan jiru natti hin fakkaatu.
B. Yakki biroo kanneen OPDO fi Wayyaaneef ergamanitti gargaaramuun dhaaba dadhabsiisuu fi kanneen yeroo WBO keessaa hangi tokko Boombiin of wareegu isaan diinatti harka kennachuun firoota OPDO keessa jiraniin akka qoratame godhamanii.............. fi kkf kan jedhu keessa jira.
Jalqaba wanni namuu irra deebi'ee yaadatuu qabu, kanneen OPDO keessa turan, Aaddee Almaaz Makkoo irraa kaasee hedduun isaanii akka mootummaa Tigreetti finciluun gama qabsoo Oromoo deebi'an kan ibsaa ture hoogganuma SHANEE kana ture. Yeroo humni Waraana Mootummaa Etophiyaa Asmaraa dhufee harka kennu kan barootaaf dhoksaan walqunnamnee akka sadarkaa kanatti mooraa diinaa onsanii isaan qabsoo Oromootti dabalaman godhe jedhee kan odeessaa ture Hayyuu Duree ABO kan ture obboo Daud Ibsaa ti. Kana qofa osoo hin taane, qooda jeneral Kamaal diinaa irratti hojjachuun qabaachaa tureen osoo inni mooraa diinaa keessa jiru akka miseensa Gumii Sabaatti Kora 3ffaa irratti akka filamu kan Kora amansiisee hooggana dhaabaatti dabale H. Duree yeroo sanaa Daud Ibsaa ti. Eegaa OPDOn jedhamu kanneen parlamaa keessa turan, miseensa OPDO turanii booda ABOtti warra dabalaman keessaa kan akka tahe ifaa miti. Kanneen kaleessa qabsaawota dhugaa diina keessa taa'anii ummataaf hojjatan jedhaman ar'a OPDO jedhanii dhiheessuun jeequmsa sammuu yoo hin taane maal akka tahe namaaf hin galu. Kanuma waliin klan tuqamu qabu, kanneen diinaa qabamanii warri jijjiiramaa fira OPDO waliin qabuun baase eenyufaadha? gaaffii jedhuu dha. Kanneen Hooggana ABO turan keessaa osoo humna waliin bobba'an fi osoo lolchiisan kan diinaan dhuunfataman hedduu dha. Isaan keessaa J. Atoomsaa Kumsaa, Qilxuu Aadaa, Gaashuu Lameessaa fi kan biroo amma hojii dhaabaa keessaa ala tahan jiru. Isaan kana keessaa kamtu fira OPDO keessaa qabuun bahe. Akka beekkamutti Atoomsaa Kumsaa fi Gaashuu Lammeessaa akka hooggana Shanee tahan beekkamaa dha. Gaashuu Lammeessaa kan baheen firaan osoo hin tahin 1992 maallaqa Baankii Dambi Doolloo keessaa dhiiga WBOn booji'ame Tigreef kennuudhaani. Kanneen hafan hedduun akka itti bahan qorachuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Ilmi Oromoo kamuu mana hidhaa TPLF jiraachuu waan hin qabneef. Fira OPDO wanni jedhamu kan kitaaba ololaa shanee irraa yoggayyuu dubbifamu, yeroo tokko tokko gosa guutuu OPDO godhee dhiheessu dhukkuba guddaa hoogganni shanee fi kanneen isaan jala deeman irraa fayyuu qabanii dha. Kumootaan kan lakkaawaman, ar'a OPDOf hojjatan dhiigaan walitti akka nama tokkootti dhihaachuu bannus, Oromummaan firuma keenya hunda. Qubsumaan ebalu OPDO, ebalu ammoo qabsaawaa dha jechuun jeequmsa sammuu irraa waan maddu malee dhugaa tahuu hin danda,u.
C. Dhuma irratti kanneen eenyummaan isaanii hin qoratamin dhaaba keessatti aangoon itti keenamuun dhaaba kana akka dadhabsiisanitti olola hifatne irra deebi'ee dhagaha. Dhaaba kana keessatti kanneen filmaataaf dhihaatan miseensaa fi deeggartoota dhaabaa Kora sabaa irraa qooda fudhatan hundaa biratti kabajaa qabaniin kan dirqamni ulfaataan itti kennamee dha. Rakkoo guddaan ABO keessa ture kanneen Korri dirqama itti kenne ofitti fudhatanii hojjachiisuu dadhabuudhaan gurmuu hoogganaa laaffisuu dha. Namni dhaaba keessatti kan qoratamuu qabuun hojii inni hojjataa turee fi dirqama itti kenname raawwatee jijjiirama inni agarsiiseen tahuu qaba. Kan biyya alaa, jaarmaya alaa keessatti qooda gumaacheen xiinxalama. Kan waraanaa humna hoogganu duulchisuun jijjiirama gama hidhannootiin inni argamsiisetu ilaalama. Osoo dhaabaa fi qabsoo bilisummaa saba Oromootiif waan bu'a qabeessa hin dalagne baroota dheeraaf hooggana dhaabaa nama ture wanni jedhu dhukkuba qabsoo kana sakaalee, ABOn hooggana qaroon osoo hin taane hooggana jaamaan akka masakamu kan godhee dha.
D. Osoo bira hin dabre, waa'ee xalayaa maqaa miseensota qaama " Jijjiiramaa" Nairobi jiran jedhamuun barreeffame jedhan ilaalla. Akkuma nama kamuu barruu sana yeroo lammaffaaf argee jira. Miseensa dhaaba sanaa waan hin tahiniif dhugaa fi dhara tahuu irraa waan dubbadhu hin qabu. Garuu wanni osoo hin jedhin bira hin dabarre yoo jiraate, miseensi dhaaba tokkoo rakkoo isaa kan furatu sirnaa fi caasaa dhaabaatiinii. Kana irra dabranii rakkoo dhaaba keessaa ilaalatti bahanii diinaa fi fira keessatti hafarsuun farrummaa dha. Kanneen seera dhaabaa irra ejjatanii hooggana ofii irratti media-tti gargaaramuun olola oofan kan ilaalamuu qaban akkuma diinaatti. Kan sammuun isaa waa hubattu hundaaf barruun sun sirna dhaabaatiin rakkii himachuu fi furmaata gaafachuu osoo hin taane olola waan fakkaatuuf ankis akkasumatti fudhadha. Kan kana irraa hafe ilmaan Oromoo hundaa gidduutti araarri akka bu'i hawwa. Araarri ololaa keessa isaa duwwaa fi diinummaa calaqqisuun waan hin taaneef waan jedhamu irratti of qusannoon akka jiraatu osoo lammiiwwan koo ifatti waan mul'atu barreessanii fi dubbatan hin hubachiifne bira hin dabru.
Waaqni Haqa Oromoo Bira Haa Dhaabbatu.
Roobaa Bultum
Tuesday, June 30, 2009
Subscribe to:
Posts (Atom)