Saturday, August 15, 2009

ILaalcha jaarraa 19ffaatiin ummata jaarraa 21ffaa keessa jiru hoogganuun hin danda'amu.

Haasaa hayyu Duree shanee Obboo Daud Ibsaa Seattle-tti godhe dhageeffadhee hedduu gadde. Kan na gaddisiise baroota dheeraa maqaa qabsoo Oromootiin balleessee rakkoo jaarmayaa qabsoon Oromoo mudatee furuuf dandeettii horachuu dadhabuu isaa ti. Yeroma hundaa ilmi namaa dogoggora dalageef sababa tarreessuu nama hin dhibu. Badii dalagame garuu sababa dhiheessuun haquu akka hin dandeenye hubachuu dadhabuun ir'ina guddina sammuu nama sanaa agarsiisa. Haasaa Obboo Daud ibsaa irraa wanni bare ammas bara 2009 keessa jiraatus akkaataan addunyaa itti ilaalu 1970-ta bira dabruu dadhabuu isaa ti. Gaaffii mana keessaa haala amma ilmaan Oromoo jaarmayota wal-morman bira dabranii gosaan wal arrabsan arrabsan ilaalchisee deebiin obboo Daud deebisee jaarmyaan isaan hogganan akka ir'inoota barootaa irraa gonkumaa barachuu hin dandeenne akka aduu ibse. Haalli jaarmayaan isaanii keessa jiru jecha qurxummiin mataa irraa gad tortora jedhaniin na harkaa wal fakkaate.

Akkuma bara dheeraa dhagahaa turre, barattoota university, loltootaa fi ogeeyyii waraanaa, hojjataa, qotee bulaa, hayyoota Oromoo fi walumaa galatti lammii Oromoo ABO jala hiriire qabsoo saba isaa irraa qooda fudhachuuf laga qaxamuraa ture, jiraataa biyya alaa fi biyya keessaa matii isaa facaasee bakka baqaa dhaabni kun jirutti itti makamaa ture leenjii barbaachisuun cuuphanii qooda kennisiisuu dadhabuun rakkoo dhaaba isaan isaan hooggananii fi rakkoo guddaa qabsoo saba oromoo tahuu Obboo Daud hanga ar'aatti hin hubatan. Qabsaawota Oromoo dhaaba kanatti dabalaman, jireenya dhuunfaa wareegamanii saba isaanii walaboomsuuf dhaaba kana jala hiriiranii qabsaawaa turan bara irra baratti facaasuun, dhaaba isaan waggaa 10 oliif hoogganaa jiran waldhabbii keessaa qabsaawoota gidduutti dhalatuuf waltajjiin itti furatan dhabuu hanga ar'aatti qabsoo Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuu irratti dhibdee inni uume sammuun hoogganaa shanee hubachuu hin danda'u. Hunda caalaa Oromoon waa hubatu hooggana shaneef kabajaa akka dhabu kan taasisu garuu, ar'a yeroon Oromoo sadarkaa ofii waraana wal irratti banuu gahe kanatti kan murna shanee yaaddessuu fi anaannachiisu hoogganni dhaabaa isaanii qeeqamuu qofa.Yeroo hunda kan yaaddoon guddaan isaan irraa dhagahamu boorahiinsa tokkummaa qabsaawotaa fi saba Oromoo osoo hin taane hayyu dureen shanee Kora Sabaatiin "filame" akka isaan jedhanitti "abaaramuu" dha. Kora sabaa sana barootaaf irratti hojjatanii caasaa gandaa fi kanneen akka gabraa "maal ajajamnu" qofa beekan lakkoobsa wayyabaan qopheeffachuun osoo filmaatni hin godhamin akka of filan maaliif akka dagatan naaf hin galu. Dhaabni Oromoon akka qaroo ija isaatti ilaalaa ture kun jiraachuuf sababa kan tahe ummata Oromoo mataa isaa tahuun akkamitti wallaalama?. Dhaabni maqaa Oromootiin socho'u kan dhugama dhaaba ummataa ofiin jedhu yoo hunda dura tokkummaa Oromoo tiksuu hin dandeenne, jireenya isaa kan saba addaan kan faacaasu yoo tahe barbaachisummaan maqaa dhaaba akkanaatiif tokkummaa fi fuul-dureen saba Oromoo itti wareegamuuf namaa galuu hin dandahu.

Hunda caalaa qaanessaan propagandaa murni kun hundee jireenyaa godhate fi aadaa booddessaa hoogganni shanee ir'inoota mudachaa turan kamiifuu itti gaafatama qabaachuu of irratti beekuu dhabuu dha. Akka murni kun yaadutti Rakkoolee hanga ammaatti gurmuu qabsaawotaa facaasaa turan, ABOn sadarkaa akka muka goggogee qoola fixateetti akka dhaabbatu hoogganni isa taasise itti gaafatama qabaachuu of irratti hin beeku.Akka obboo Daud jedhanitti itti gaafatamaan isaan osoo hin taane diina. ABOn jaaramaya cimaa tahee as bahuu dadhbuuf itti gaafataman jaarmaya Oromoo dammaqsee, duulchisee akka sabni Oromoo of irratti abdiidhaan socha'u godhuu dadhabuuf kan itti gaafatamu hooggana ABO osoo hin taane diina Oromoo, Dargii fi TPLF. Akka murni kun yaadUtti kan ABO hoogganaa turee fi jiru Oromoo fi hooggana ABO osoo hin taane diina isaan akka qur'aanaa fi Kitaaba qulqulluu yeroo hunda fakkeenya /refere/ fakkaata. Kan nama dhibu ammoo diinni kun gabroomftaa osoo hin taane lammii Oromoo tahuu isaa ti. Yoo isaan dhaaba kana hoogganan tahuu amanan silaa kan rakkinootni kun hundi hin uumamne, uumamanis akka furaman kan godhu isaanuma kanneen hooggana irra barootaaf turan tahuu qaba ture. Dirqamni hooggana jaarmaya tokkoo humni isaan hoogganan rakkoolee keesaa fi alaa mudatuuf furmaata kennuu, hojii irratti bobbaasuu fi akeeka dhaabbataniif bakkaan irratti akka fuula deebifatan godhuu beekuun haa hafuutii guutumatti dirqamni hoogganaa maal akka tahe mataan shanee hanga ar'aatti hin hubatu.

Mataan shanee rakkoo dhugaa murni isaanii fi jijjiirama gidduu jiru deebisuu irra haxxummaan irra dabruu barbaadan. TPLF osoo gaara jirtu hoogganni ABO dadhabaa dha, ummata Oromoo hoogganuu hin danda'u jedhaa turte, waldhabbiin murna isaanii fi jijjiirama gidduu jirus itti fufa olola diinaa kana akka tahe ummataaf himuu carraaqan. Murna jijjiiramaan diina jechuun kan agarsiisuu sammuun isaanii dalaguu dadhabuu ykn dhukkubni kijibuu hooggana jaarmaya isaanii dhahuu mul'isa. Bara irraa baratti Oromoota yaadaan adda bahan kan yakkaa turaniin diinummaa dha. Kun kijiba tahuuf ragaan Fottoqa Jaarraa Abbaa Gadaa Irraa kaasee hanga ammaatti kanneen wal-dhabbiihdaan ABO irraa bahan tokkoonuu diinatti galuu fi kaayyoo diinaa gaggeessanii argamuu dhabuu isaa ti. Kun obboo Daud tahe murni isaa badii dabre irraa barachuu akka hin dandeenne, Oromoo diina isaa kan kaayyoo irratti duulchisuu osoo hin taane, yakka dharaa fi shira diiggaa akka bishaan "xabalaa" ilmaan Oromoo irraan naanna'uun facaasuu ogummaa tokkichaa isaan qabsoo waggaa 30 irraa baratan akka tahe agarre. Hayyichi Africa Nelson Mandela yemmuu dubbatu "You can never have an impact on society if you have not changed yourself... Great peacemakers are all people of integrity, of honesty, but humility." jedha. ABOn ummata Oromoo keessatti jijjiirama fiduu kan dadhabeef hoogganni isaa of jijjiiruu dadhabuu dha. Nagaa buusuuf nama safuu qabu, nama dhugaa dubbachuu danda'uu fi sadarkaa ummata hoogganuutti gadi-of buusee yaaduu danda'e qofa. Hoogganni Shanee dhugaa kana baratee ummata Oromoof hooggana sirrii kennuuf deebi'ee dhalatuu akka isa gaafatu haasaan obboo Daud ragaa taha. Sodaan kiyya garuu hoogganni barayyuu deebi'ee dhalachuu waan hin dandeenneef humna jijjiiramaa fi itti baha agarsiisu osoo hin taane kan boodatti harkisuu fi sochii ummataa laaffisuu tahee hafuu isaa ti. Hunda caalaa gaddisiisaan ummatni Oromoo hooggana safuu hin beekne, hooggana bilchinaa fi qaroomaan osoo hin taane kijibaan gaggeessu jalatti yeroo dheeraa dabarsuu isaa ti.

Ilaalchi dogoggoraan shaneen hordofaa turtee fi ammas hordofaa jirtu maal irraa madda jedhanii gaafachuu barbaachisaa dha. Maaliif humni 1970-ta keessa akka humna warraaqaatti ilaalamaa ture booddessaa achi aanu tahee as bahe gaaffii jedhuufis deebiin argamuu qaba. Akka an yaadutti dogoggorri shanee inni duraa ilaalcha akkaataa isaan itti of yaadan irraa maddu. Ilaalcha 1970-ta keessa ture ilaalcha leelliftootni sirna Marxism hordofan kan isaan qofti jaarmaya haqaa, kan kanneen hafan hundaa diinaa fi jallataa jedhu irraa madda. Akkaataa isaan yaadanitti yaadni hunda kan murna isaanii yoo hin tahin dogoggoraa dha. Kan yaada isaa qaban irraa adda qabu hundi dhabamuu qabu. Sababni isaas jireenya jaarmaya isaanii kan irratti hundaa'u caalaa hojjatee ummata amansiisuu osoo hin taane akka jechaa waaqaatti namni biraa shakkii irratti qabu jiraachuu dhabuu dha. ABO jechuun ummata Oromoo ti, ummata Oromoo jechuunis ABO dha, kan ABO ykn hooggana isaatiin mormu nama tokkos tahe ummata biyya guutuu tahu dhabamuu qaba. Obboo Daud haalla boora'iinsa tokkummaa biyya alaa keessatti calaqqisaa jiruu fi biyyatti hafuursaa jiru wanni isaa yaaddessuu dhabeef ilaalcha jallataa ABO jechuun Oromoo dha jedhu waan taheef, ddigmni saba Oromoo, wal-nyaachuudhaan bilisummaan isaa gufachuun isaaniif galuu hin danda'u. Oromoo caalaa kan tikfamuu qabu maqaa fi kabajaa hooggana Shanee ti. Rakkoon biroo murni kun qabu gadaa amma keessa aadaa wal-dhagahuu fi rakkoo jiru mariin fixatuu ti. Kanaaf haala amma deemaa jiru kana irraa sirriitti kan hubatnu hoogggaanni shanee ar'as ilaalcha yaadaatiin jaarra tokko ummata Oromoo booda jiraachuu isaa ti. Hoogganni Shanee kun hooggana lubbuun jiru, sammuun yaadu osoo hin taane shaneen hooggana ekeraa maqaa qofaan hafe, hooggana keessaahis hooggana laamshoo/dadhabaa jaarraa dabre keessa jiraatee dha. kanaafi kan hoogganni jaarraa 19ffaa ummata jaarraa 21ffaa jiraatu hoogganuu hin danda'u jedheef.

HORDOFAA ELEMOO QILXUU