Bara keessa jiru kana keessa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti nagaya buusuu fi tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf barruu Dr. Geetachoo Jigii facaasanii fi haasaya isaaniis hedduun keenya dhagahaa turre. Qabsaawota Oromoo giddutti nagaan bu'uun gaaffii yeroo fi hawwii ummata keenya hundaa ti. Haa tahu malee dhibdee mooraa qabsoo saba Oromoo keessatti dhalatte furuun madda dhibdee kanaa sirriitti hubachuu fi waa'ee nagayaa dubbachuun dura, aakkasumas kan biraas fudhachiisuuf ofii qulqulluu tahanii argamuun barbaachisaa dha. Keessattuu namni araara namoota, murna ykn hawaasa keessatti buusuuf manguddoo tahee dhihaatuu tokko nama guutuu guututti waldhabbii sana irraa walaba tahee argamuu qabu. Haasaya Dr. Geetachoo irraa garuu yaadni isaan adeemsisanii fi jechootni dabree dabree dubbii isaanii keessatti calaqqisan akeeka yaada isaanii irratti akka shakkiin natti bulu na taasise. Yaada isaanii sirriitti baruuf gaaffiilee armaa gadii kana dhiheessuu barbaade.
1. Dr. Geetachoo Jigii waldhabbii mooraa qabsoo bilisummaa ABO keessatti 2008 dhalatte irraa hangam walaba? Gaaffii kana kan kaaseef yeroo biyya bahanitti roorroo TPLF saba Oromoo irraan gahu balaaleffatanii ABOtti akka dabalaman SBO dhageenne. Kan hanga ammaa hin dhagahin garuu waldhabbii 2008 tahe keessatti isaan gama murna kamiitu akka hin dhaabbatinii fi walaba tahuu isaanii ti. Kanaaf Dr. Geetachoon hangam walaba dhibdee kana irraa?
2. Haasaya isaanii guyyaa 08/30/09 mana Paltalk keessatti godhan irratti kan, warri Diaspora yeroo fedhii isaanii guutattan ABO akka bakkuma jirutti gatanii biraa deemanii fi biyya alaa jiraattotni Oromoo qabsoof homaa akka godhuu hin dandeenye dubbatan. Kana malees qabsoon kan hoogganamuu qabdu biyya keessa qofaa akka tahe, namootni biyya alaa jiraatan rakkoo Oromoo keessa jiru gonkumaa waan hubachuu hin dandeenneef qabsoo deeggaruu ala waan isaan hin ilaalle keessa seenanii bocoluu hin qaban yaada jedhu darbatan. Namoota biyya alaa jiran ABO ganuu yakkan. Egaa gaaffiin isaan deeisuu qaban, ABO isaan jedhan "Diasporan" gane kami inni? kan Dhugaasaa Bakakkoo, G/Kamaal Galchuu moo Daud Ibsaan hoogganamu? Gaaffii kana kan gaafadhuuf namni akka jaarsaatti ilmaan Oromoo walitti fiduuf carraaqu dursee kan hubatuu qabu warri maqaa ABOn deeman 3 gahuu isaanii ti. Yoo yaadni warri Diaspora ABO gane jechuun kanneen jijjiirama labsanii hooggana dur jala deemaa turan of irraa mulqan ilaala tahe, Dr. Geetaachoon araara dubbatuuf dursanii hunda walqixa ilaaluun akka irra jiru hubachuu qaban jedha. Kana malees kanneen biyya alaa jiran, university gara garaa keessa jiran ABO amanamaa akka hin tahan jedhan. Nagaa buusna jechaa, Oromoo kun qabsoof gaarii dha, kuun ammo gaarii miti /categorizing into good and bad/ hangam nagaya buusuu kana gargaara?.
3. Kan biroo dhibdee qabsoo bilisummaa keessatti dhalate Dr. dhibdee naannummaa fi shira diinaa godhanii dhiheessu. An fi xinnaantu Oromoon walakkaan akkaan yaadutti dhibdeen siyaasaa qabsaawota Oromoota gidduutti ar'a mul'atu kan gandummaa fi harki diinaa keessa seenee hafarfamuu osoo hin taane rakkoo hawwiin keenya dhugoomuu dhabuu fi kanneen qabsoo keenya hoogganuun milkiin nu gahan jennee abdataa turre dirqama kana bahuuf dandeetti dhabuudhaa ti. Wal komiin jiru hoogganni ture abdii irraa qabaachaa ture hanqisee dha, yaadni gama tokkoon jiru. Seena baroota dheeraa qabsoo keenyaas of duuba deebinee yoo ilaalle gandummaan dhibdee hin turre. Diinnis akkasuma takkaa dhaaba Oromoo keessa lixuu bakka alamatti baqaqsee hin beeku.
Waldhabbii 2008 ABO keessatti dhalateef madda waldhabbii ilaalchisee yaadni lamaa murna waldide gidduu jiru ammo;
3.1 Gama murna Shaneetiin warri isaan irra bahe seera dhaabaa cabse, harka diinaattu keessa jiraa fi yakki gosaan wal ijaaran jedhu ni dhagahama
3.2 Gama Jijjiiramaatiin ammoo rakkoon jiru rakkoo hoogganni dur ture/shaneen qabsoo biyya keessaa baasuu, kanneen dhaabatti dabalaman itti gargaaramuu dhabuu, Seeraa ol of godhuun waldhabbii dhaaba keessatti uumame seeraan furuu diduu, yaada miseensotaatti karaa cufuu ykn ammo dhagahuu diduu fi hooggana talisa mul'ata hin qabnee fi walumaa galatti ABO taliguu fi qabsoo ummata Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuuf dandeetti dhabuu dha jedhu. Dhugaan jiru qabsoon Oromoo bara baraan gadi deemuu fi dadhabuu dha. Kanneen dhaabatti dabalamaa turan haala bulchiinsaa fi bu'aa argamsiisu dhaba ABO irraa abdii kutatanii qabsoo ala tahuu dha kan agarre. Harka diina waan jedhu hanga ammaa mallattoon hin jiru. Warri akka jaarmayaatti hooggana shanee mormu tokkoonuu TPLF waliin hariiroo hin qabu. Kana malee ofii rakkoo ofii furachuu dadhabuu fi ir'ina dhalateef itti gaafatama fudhachuu diduun ammoo rakkoon kun fuula dura akka hin furamne godhe. Egaa gaaffiin jiru, Dr. Geetachoon akka murna shanee kan qabsaawota adda diigaa jiru harka diinaa nu keessa lixe fi gandummaa kan jedhan yoo tahe akkamitti walaba tahuu danda'u? Maaliif yoo jenne yakki dur ABO bara kana ammo shanee irratti dhihaataa jiru kanneen yaadaa isaan irraa tahan hunda, ati gandummaa leelliftaa fi diina waliin hojjatta jechuun yakkaa turuu isaanii ti. As irratti kan hubatamuu qabu yaadni biroo ammoo rakkoo akkana xaxaa tahe kana furuun qorannaa guddaa barbaachisuu isaa ti. Yoo kana hin tahin mataa nama dhukkubuuf dawaa garaa kennuu taha. egaa gaaffiin kiyya maaltu akka mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo, keessattu ABO akka qabsaawota facaasu, tokkummaa osoo hin taane waldhabbii akka babal'isu godhe? madda dhibdee kanaa qoratanii jiruu? Yoo qoratanii hin jirre ammoo akkamiin furmaata akeekuu danda'u.
4. Dr. Geetachoon namuu bakka ir'atetti qeeqa akka dhiheessuu danda'uu fi namootaa fi jaarmaya qeequu irra dabranii Oromoo gosaan qooduun ykn arrabsuun akka yakka tahe dubbatu. Kun yaada bareedaa dha. Garuu namni dhaaba isaa qeequu ni danda'a osoo jedhan deebi'anii kan ABO qeequ/abaaru diina jedhuun. Namni Abbaa caalaa qeequ diina jedhu. ABO fi lammii Oromoo kamuu abaaruun nam-tokkee fi qabsoo saba Oromootiif bu'aa kan hin qabne tahus, ummatni Oromoo bilisummaa hawwaa ture, bilisummaa isaatiif ABO fi hooggana isaa abdataa ture yoo abdii isaa sun hundi qilleensa irratti haftu, kan fira qabsoo kanatti dhabe, kan ilmi, abbaa, obboleettiin qabsoo irratti jalaa du'an kanneen qabsoo kana keessatti qooda ol'aanaan qaban, waa balleessuu fi tolchuus danda'anitti aaru, qeequ, abaaru, yaadni dadhabbii fi wareegaman keenya isaantuu akka firii hin godhanne taasise jedhu itti bulee aariin dubbatu akkamitti diina jedhama?. Dr. Geetaachoon quuqaa lammii Oromoo kanaa fi akka Oromootti mirga lammiin qabu sirriitti osoo hin hubatin akkamitti yaada araaraa buusuu danda'u? Akkuma addunyaa kana irratti agarru ummatni kan hiriire bahee filate gaafa inni hawwii isaa guutuu dadhabe hiriira bahee of irra darbuu fi aariin guutamee dallansuun hiriira itti bahu Oromoo hooggana ABO abdataa ture wanni eeggataa turan hanqannaan dallanuu akka malan hubachuun barbaachisaa dha. Kanneen aariin namoota ABO keessatti hooggana turan maqaa dhahanii qeequu fi abaaruunis aadaa dimookraasii keessatti diina nama hin goosiftuu.
5. Haasaya 08/30/09 mana paltalk keessatti godhan irratti Dr. Geetaachoon ala taa'anii qabsoo hoogganuun akka hin danda'amnee fi warri "diaspora" jedhaniin kun siyaasaa kana irraa xinnoo akka of qusatan dubbatan. Gama biraatiin isaan mataan isaanii ummata isaan file keessaa bahanii biyya alaa taa'anii waa'ee qabsoo dubbatu. Lammii Oromoo biyya isaa irraa buqqa'ee biyyatti deebi'uus hin dandeenye waa'ee lammii isaa biyya jiruu maaliif dubbachuu akka hin dandeenya osoo nuuf himanii bareeda. Dhugumaan yoo kanneen maqaa qabsootiin dubbatan hundi biyya keessa/ummata keenya cinaa jiraatuun qabsoo akka finiinsu godhuu qaban jedhan yoo tahe, hooggana shanee waggaa 10 caalaa biyya olaatti baqatee jiru, yoo Oromiyaatti deebitanii qabsoo gaggeessuu hin dandeenne maqaa qabsoo fi saba Oromootiin hin dubbatinaa jedhanii jiruu? Yoo kana hin godhin ammoo baqattoota Oromoo kan biroo maaliif siyaasaa keessa akka hin lixne wixii itti muruu barbaadu?
Akkuma ifatti mul'atu yaadotni armaa olitti calqqisan akeeka Dr. Geetaachoo shakkii keessa kan galchanii fi dhugumatti hundaaf walqixa tahuun mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuuf qooda kennuu ni danda'uu waan jedhu gaaffii keessa galchu. Akkuma jalqaba tuqe, balaa qabsaawota Oromoo walitti buusaa ture madda isaa baruu yoo hin dandeenne nagaa waaraa buusuun hafee yeroofis nama walitti fiduun ni ulfaata. Yaada Dr. Geetaachoo hubatnoon jala yoo bu'an ammoo dhibdee kana akkaataan itti hubachaa jiran, qorannaa mataa isaanii godhanii osoo hin taane, yakkuma gama tokkoo daddarbatamaa ture akka dhugaatti waan fudhatan fakkaata. Kanaaf waan isaan dubbataniin akka isaan fudhannu gaaffiilee kana deebisuu qabu jedha.
Dhuma irratti Dr. Geetachoof kabajaa guddaa akka qabu, ilmaa Oromoo qulqullaa nagummaa Oromootiif yaadan akka tahan hubannoo kiyya akka tahee fi barruun armaa olitti dubbifamu qooda isaan kennuu barbaadan irratti akka isaanii fi sabni keenyas milkaa'u yaadota shakkii uuman qulqulleessuu qofa irratti akka akeekkadhe akka naaf hubatamu yaadachiisa.
Hordofaa Elemoo