Wednesday, August 5, 2009

Shaneen Video WBO Maaliif Arguu Jibbite?

Gara biyya America dhufuu mataa Shanee fi Kora Atlanta irraa Oromoo kan eegaa ture, waldhabbii mooraa qabsoo keessatti dhalateef furmaatni ni bu'a kan jedhu ture. Karoorri hojii shaneen itti bobbaate garuu Oromoo gidduutti kan araara buusuu osoo hin taane akkuma baroota hedduu itti dalagaa turan jibbaa fi diigumsa Oromoo gidduutti babal'isuu tahe. Seenaa bara dheeraa keessatti hooggana shanee irraa kan argine, ilmaan Oromoo oromummaa irratti ijaaruun bilisummaa sabaaf duulchisuu osoo hin taane jibbaa walii irratti ijaaruu dha. Hojiidhaan wanni ummata Oromootti mul'ifamu waan hin jirreef yaada Oromoo ittiin facaasuuf yeroo hunda ABOn diina uumuu qaba. Yeroo barbaachise ilmaan Oromoo lammummaa jijjiiranii Amaara godhuun, kanneen akkaataa dhaabni itti hojjataa ture irraa gaaffii qaban ergamtoota diinaa godhuun, kanneen dhaaba keessatti dhibdee jiruuf furmaata sirrii akka argatu gaafataa turan badii hin jirreen yakkuun qabsaawota facaasuun aadaa bara dheeraa murni amma shanee ofiin jedhu hordofaa turee dha.

Dhihoo tana beeksisa Video WBO TV Kenya baasee fi jireenya WBO mormuuudhaan ibsi murni shanee baase hunda caalaa eenyummaa isaanii kan saaxilu fi farra bilisummaa Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Duad Ibsa ABO sadarka dur inni ture irraa akka maqaan isaa dhokotu taasise. 1992 WBO mooraatti galchee diinaan akka rukutamu godhuu irra dabre diinagdee Waraanni hidhannoo fi jireenyaaf itti dhimma bahu sassaabee diinaaf kennuu kan hafe ammoo biyya ollaa Suudaannii fi Kenya keessatti jalee isaa waliin itti jiraachaa ture. Irra deddeebi'ee waraana qorannoo tokko karaa biyya ollaa bobbaasuun osoo biyya hin seenne dangaa Suudanii fi Somaaleetti rasaasa diinaatiin akka baalaa mukaa akka harca'an taasisan. Fakkeenyaaf humni 2500 gahu 2006 keessa Somaalee seene osoo hidhannoo guutuu qabu akka hiikkatee ganda keessa taa'uu fi ittisa tokko malee humni Tigree ganda keessaa walitti qabee akka fixuu fi mana hidhaatti guuru maaliif taasifame? Osoo dhugaan diina Oromoo dura dhaabbatuu fi waraana biyyaaf lolu ijaaruu fedhiin jiraate humni sun biyya sana keessatti kanneen yeroo sana Tigree lolanitti golgaa galee of ittisuu irrada dabre muuxannoo dirree waranaa bilchaatuu danda'a ture. 2005 Jaal Irreessaan akkaataan itti wareegame kan hanga ar'aa adda hin bahinii fi harki Daud Ibsaa wareegama isaa keessa akka jiru kan shakkamuu dha. yeroo inni wareegamu odeessi ture humni J. Irreessaa /Temesgen Caalaa/ hoogganamu karaa Suudaniin biyya seenaa akka jiru kan hime nama SPLA yeroo sanatti Eritrea ture jedhama. Garuu kun waan dhugaa irraa fagaatee fi harki shanee keessa jiruu dha. Shaneen maaliif Col. Irreessaan akka harka diinaatiin wareegamu barbaadde? Sababni isaas hanga yeroo sanaatti namoota seenaa keessatti WBO-tti dabalaman keessaa nama Saayinsii waraanatiindandeettii guddaa qabu, fi nama dirree bahaa keessatti humna jajjabii diinaa sodaatamaa turte leenjisee dha. Hooggaanni ABO Asmaraatti galee qabsoo irraa fagaachuutti hedduu nama gubatee fi shanee halkanii guyyaa akka hoogganni biyyatti deebi'u nama taa'umsa dhoorke ture. Kun ajandaa Murni Daud Ibsaa WBo dhabamsiisuuf qabuun kan wal mormu waan taheef Col. Irreessaa murtii du'aa irratti muran.

Kana irra dabrees oromoon hoogganummaa Daud Ibsaa fi hariiroo inni diina waliin qabu irra deebi'ee qorachuu qaba. Bara 1981 dirree Dhihaatti Daud ibsaa summii nyaatee akka harka diinaa bu'ee fi waggaa 8 hidhame haasa'amaa ture. Namni kun jaallan waliin turan akkamitti dhumanii inni hafuu danda'e? Mana Hidhaatii akkamitti bahuu danda'e? Mana hidhaatii bahee osoo waggaa tokko hin turin akkamitti Waajjira Siyaasaa tahee filamee damee tikaa/ intelligence/ akka hoogganu ramadame? gaaffiileen jedhan hanga ammaa hin deebine. Kana malees 1992 irraa kaasee hanga 1998 dirreetti akka deebi'u yeroo dheeraa gaafatamee yeroo WBO biyya keessaa dhiibamee Somaaliyaatti bahu maaliif Waraanatti deebi'e? Ergaan diinaa keessa jiraa? waan jedhan gaafatuun barbaachisaa dha. 1993 Daud Ibsaa yeroo Nairobi turetti nama embassy Etoopiyaatti deddeebi'u tokko akka of irraa eegan itti himame. Namni nama miseensa dhaabaa turee fi 1991-92 humna tikaa waajjira Finfinnee keessa turee dha. Odeessa argatan kanaan jala bu'anii Pasport Etoophiyaa boorsaa isaa keessatti argama. Nama kana qorachuu fi hariiroo inni diinaan qabu adda baafachuu irraa ajajaa humna naannoo Horroo bobbaatuu godhanii biyyatti deebisan. Namni akkuma Daud Ibsaa dhalootaan nama naannoo sanaa ti. Biyyatti deebi'ee humna akka gaariitti ummata keessatti of ijaare, hoogganoota ciccimoo horate yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti akka diigamu taasise. Nmni kun erga humni diigame booda Finfinneetti akka deebi'u godhamee maadhee dhaabaa magaalaa tokko tokkoon mancaasisee ofii Kenyaatti deebi'e. Ummatni magaalaa Diina waliin akka namtichi kun hojjataa ture osoo gabaasuu Daud Ibsaa 1998 bakka bu'aa dhaabaa godhee magaalaa Nairobitti ramade. egaa kana hundaa irraa wanni barru murna shanee ar'aa kana keessa harki diinaa caasaa diriirfatee akka jiruu dha.

Gaaffiin amma deebi'uu qabu garuu yeroo ammaa kanatti shaneen Video WBO media adda addaa irratti bahu maaliif balaaleffatu? namni murni shanee kibba keessaa humna qabdu ykn mootummaan Kenya osoo yakka tokko isaan irratti hin dhiheessin maaltuu isaan waccisiise?. Yaada armaa olitti dhihaate kana irraa kan hubatnu murni shanee kun yakka bara dheeraa WBO irratti hojjataa tureen gaafa tokko akka itti gaafatamu waan beekuuf jireenyaa fi jabeenna WBO akka hin barbaadne tahuu isaa ti. Biyya keessa keessatti humna dirree Dhihaa keessatti diinaan salphifame deebi'ee Abbaa Caalaa fi Daud arguu akka hin dandeenne argu ammoo akka tarkaanffii maayyii irratti fudhatu kanneen naannoo dhihaa beekan sirriitti hubatu. Oromoon naannoo dhibii dur hin beekne ar'a murni shanee kun murna farra WBO fi ummata Oromoo tahuu isaa siriitti hubata. Murni kun diina qabsoo bilisummaa fi murna tokkummaa Oromoo booressuuf, akkasumas guyyaa bilisummaa Oromoo fageessuuf socho'u tahuu Oromoon hubatee dura muratnoon dura dhaabbatuun yeroon isaa amma tahuu qaba.

Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

Roobaa Bultum

Kanneen Oromoo Diiguu Akeeka Godhatan Irraa ijaarsa hin eegnu

Akeekni ABO ummata Oromoo cunqursaa bifa hundaa jalaa baasuu fi Oromiyaa walaba taate ijaaruu dha. kaayyoon kun kaayyoo xaliilaa fi wabii jireenya ummata Oromoo ti. Haa tahu malee Ummata Oromoo salphina gabrummaa wagaa dhibba jala ture keessaa baasuun kaayyoo xaliila qabaachuu ol gaafata. Hunda dura ummata tokko ta'e, biyya tokko qabuu fi hireen isaa walitti hidhamte kana deebisanii ijaaruu fi akka nama tokkootti akeeka tokko bakkaan gahuuf akka warraaqu gochuu feesisa. Tokkummaan sabaa waan hojjannu hunda dursa.Waa'ee Bilisummaa Oromoo tokkummaa Oromoo malee dubbachuun nama dhiba. Tokkummaan Oromoo osoo hin argamin bilisummaan dhugaa fi fedhii saba Oromoo bakkaan gahu jiraatuu hin danda'u. Dhugaan kun lammii Oromoo bilisummaa hawwu hunda biratti ifaa dha. Dhugaa kana kanneen maqaa bilisummaa Oromootiin socha'an ni wallaalan jechuun nama dhiba. Garuu barootaaf mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti shira tokkummaa Oromoo fi gurmuu qabsaawota Oromoo diiguuf xaxamaa ture yoo ilaalle kanneen maqaa Oromoo himatan keessattuu murni SH-G-ABO farra tokkoffaa tokkummaa Oromoo tahee mul'ata.

Beeksisa Video WBO maqaa "inside the rebel teritory" jedhuun dhiheenya kana bahe ilaalchisee ololli murni Shanee oofaa jiru farra warraaqsa Oromoo fi booressitoota tokkummaa saba Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Seenaa bara dheeraa keessa deebinee yoo ilaalle ABO kaayyoo xaliila tokkummaa Oromoo mirkaneessuu fi bilisummaa sabaa argamsiisuuf gootota ilmaan Oromoon ijaarame farroota diina tokkummaa fi bilisummaa Oromoon guututti akka dhuunfatame hubachuun ni danda'ama. Kanaaf seenaa diiggaa fi farrummaa murna shanee sirriitti hubachuuf muuxannoo baroota hedduuf dhaaba kana keessaa qooda fudhachuun qabu dubbiftootni barruu kanaa xiinxala mataa isaanii irra akka gahan bifa armaa gadiitiin dhiheessa. Muuxannoo kiyya irraa ka'ee murni farra warraaqsa Oromoo fi tokkummaa akka tahe ragaa waliin dhiheessa.

1. Waldhabbii murna shanee fi Qaama Cehumsaa gidduutti dhalate; Waldhabbii murna kanaa fi Shanee gidduutti tahe irraa deebinee yoo ilaalle eenyummaa murna shanee hubachuun nama hin dhibu. Jalqabuma irraa kaasanii rakkoo qabsaawota gidduutti dhalate furuu osoo hin taane facaasuu irratti bobba'an. Osoo murni Dhugaasaa Bakakkootiin hoogganamu dhaaba keessa jiru harka lafa jalaatiin, ijoolleen naannoo Naqqamtee dhaaba irratti finciluu barbaadu ololli jedhu harka lafa jalaatiin oofamuu eegale. Kanatti dabalees ijooleen naannoo sanaa [Naqqamtee] hundi qabsootti amantee osoo hin taane Galaasaa qofa of duratti ilaaluun qofa akka miseensota dhaaba kanaa tahan lallabuu jalqaban. Hunda caalaa kan nama dinqu garuu kanneen barootaaf qabsoo keessa turan goobanticha Morodaa Bakaree Oromoo ganee Minilikitti harka keenne waliin walitti hidhuuf tattaafachuu ture. kana irra dabramees hoogganni dhaabaa ol'aanaan osoo hin hafin Murni Galaasaa Dilboo akka TPLF waliin harka lafa jalaatiin hojjachaa ture walgahii miseensotaa irratti himan.Rakkoon kun akka furmaata dhugaa hin arganne, namoota madeessuun akka daran hadhaawu gochuu fi qabsaawotaa fi Oromoota naannoo adda addaa gidduu akka wal shakkiin dagaagu shira xaxuu itti fufan. Kanneen dhugaa kana hin beekne ifatti bahanii qabsaawota kaleessa waliin kufanii kuffisaa turan akka diinaatti ilaaluun maqaa xureessuun itti fufee diigamni 2001 dhalate. Sababa kanaan ilmaan Oromoo hedduun ABO irraa akka bahan jaallewwan isaanii dura akka dhaabbatan akkasumas akka abdii kutatanii manatti galan taasifame. Dhibdeen kun caasaa ABO bira dabree akka hariiroo hawaasummaa ilmaan Oromoo gidduu jiru boorahu godhe.

2. Waldhabbii 2008

Waldhabbii kanaaf sababni guddaan dhibdee qabsoo bilisummaa saba Oromoo mudatte furuu irratti garaa garummaa yaadaa dhalate ture. Murni tokko [kanneen amma Jijjiiramaan bekkaman] xiinxala godhame irratti laamsha'uu qabsoo Oromootiif sababni guddaan aadaa dhaabaa keessatti karoorri bahu hojii irra ooluu dhabuu fi kanaafis sababni aadaan namni hojiin itti madaalamu jiraachuu dhabuu, hoogganni jiru dhibdee qabsoo Oromoo mudatteef furmaata qormaata dhugaa irratti hundaa'e dhiheessuu dandeetti akka hin qabne hubatan. Kana malees hoogganni ture ilmaan Oromoo dhaabatti dabalaman leenjisee hojii isaaniin malutti ramaduu dadhabuu, ganna kudhanii ol baqattummaa keessa jiraatuun haala ummatni Oromoo keessa jiru kan quba hin qabnee fi qabsoo saba Oromoo hoogganuuf hamileen akka ir'atu yaada kanneen shaneen mormaan dhiheessan ture. Gama murna shanee irraa kan dhihaate, qabsoon saba Oromoo waggaa 10 ol hooggana dhabuun rakkoo akka hin tahin, rakkoon ture namni waliif ajajamuu dhabuu fi gandummaa dha yaada jedhu ykn xiinxala jedhu irra gahan. Xiinxala jaamaa kana irraa dhaabbatuun tattaaffii hooggana biyyatti deeisuu fi humna waraanaa ijaaruu dura dhaabbatan. Ajaja Waraanaa addatti ijaarame akka karoora lafa kaayametti diinagdee hojiif barbaadamu dhorkachuu fi biyyoota ollaa irraa qaadhimamtoota dirree leenjisaatti dhihaachuu qaban karaa itti cufan. Waldhabbiin jabaataa dhuftee kanneen dhaaba keessa jiraanii fi fagoo arganis rakkoon kun karaa nagayaatiin akka furamu osoo tattaafatan miseensotaa fi hoogganoota dhibdee ABO sakaaleef furmaata barbaadan olola irratti oofuu jalqaban. Osoo dhaaba keessa jiran SBO-tti gargaaramuun warra "mana barnootaa OPDO" irraa bahe jedhaniin. Bakka hundatti caasaa dhaabaa yaada keenya hin fudhatu jedhaniin diiguu eegalan. ilmaan Oromoo barootaaf wal-amantiin waliin qabsaawaa turan guyyama tokkotti diina walitti taasisan. Bar murni kun OPDO waliin hojjataa, ganda akkasii ijaara jechuu jalqaban. Ifatti jaallan isaanii akka hoogganaatti waliin dalagan kora sabaatiin filaman barruu maqaa xureessii irratti facaasuu eegalan. Akkuma 2001 ammas ABO bakka lamatti facaasuu itti milkaayan. Akkuma 2001 murna QC OPDO fi farra qabsoo godhanii dhiheessan, olola dharaatiin miseensota shira isaanii hin hubatne walitti duulchisan dhaloota naannoo Arsii fi Baaletti dhalate hunda OPDO fi leelliftoota Juneeydii Saaddoo godhan. Loqoda nama naannoo Arsii fi Baalee hunda loqoda OPDO godhan. Gootoa naannoo kanatti dhalatan kanneen lubbuun hin jirre hunda abaaruu itti fufan. Ololli diiggaan kun hanga ar'aatti itti fufee jira.

3. Hawaasa Oromoo dhiiguu; Biyya hundaa keessatti murni shanee ijaarsa hawaasa Oromoo hunda dhuunfachuuf tattaaffiin godhaa ture bakka hundatti ijaarsi Hawaasa Oromoo akka boora'u taasise. Jaarmaya hawaasaa dhuunfachuuf qofa kanneen hooggana ABO fi adeemsa qabsoo irratti quufa hin qabne, gaaffiilee haqaa qaban hunda akka diinaatti adda baasanii itti duuluu eegalan. Dhaadannoo ABO jechuun ummata Oromoo ti, Oromoo jechuun ABO jedhu irratti hundaa'uudhaan kanneen walaba tahan hunda diina Oromoo fi qabsoo bilsummaa godhanii dhiheessuun akka ummataan jibbaman duula wal irraa hin citne irratti gaggeessan. Maqaa namootni hin qabne itti maxxansuun namootni hedduun bakka Oromoon itti walgeette akka lagatanii fi Oromummaa irraa abdii kutatan taasisan. Jaarmaya keessatti ilaalchi gandummaa akka babal'atu gochuudhaan Oromoo akka wal-shakkuu fi Oromummaan osoo hin taane eenyuu keenyatu achi keessa jira yaada jedhuun akka walitti dhufu dirqan. Minesota keessatti hawaasa bara dheeraaf ititaa ture, namni murni shanee ittiin hawaasa toohatuu barbaadu filmaata keessaa hafuu qofaan ilmaan Oromoo baroota dheeraaf hafuura obbolummaan waliin jiraataa turan diina walitti godhan. Kanneen baroota dheeraa qabsoof of wareegaa turan guyyama akkaataa dhaabni qabsoo Oromoo itti gaggeessu irratti gaaffii dhiheessan, kun Amaara, OPDOf hojjata fi olola kkf fakkaatuun maqaa xureessun ilmaan Oromoo danuu waltajii hawaasaa irraa ari'uutti milkaayan.

4. Murni Shanee Yeroo adda addaatti kanneen bifa jaarmaya siyaasatiin of ijaaran irratti olola tokkummaa Oromoo booressu oofaa tureef haalli FIDO, AWO, GUMI fi ibsoon keessa dabran ragaa guddaa dha. Barootaaf imaammatni murni shanee ilmaan Oromoo gar-gar faacaasuuf hordofaa ture ar'a sadarkaa nama gosa keenyaa malee kan biroo dhagahuu nu hanqisuu fi kan keenya jennuun malee kan hafe hundi akka diina walii tahetti Oromoon fudhattu irraan saba Oromoo gahan.Yeroo ar'a adda faca'uu hawaasa Oromoo irraa kan ka'e kan Oromoon akka hoogganaatti ilaaltu hin jiru. Kan jiru hooggana gandaa malee hooggana Oromoo miti. Haala 1992 keessa turre yoo ilaalle hangam akka hawaasni Oromoo diigamee hubachuun nama hin dhibu. 1992 Oromoo kutaa Oromootti dhalate hunda xinnaatu harki 90% hooggana ABO akka hooggana biyyaatti /National Leader/ ilaala ture. Amma haalli keessa jirru fokkisaa fi fuula dura deemuu ykn kaayyoo ummata tokko, biyya tokkoo fi hiree takka jettu san irraa akka fagaataa jirru mul'isa.

Kuni maaliif tahe jennee of gaafachuun barbaachisaa dha. Xiinxala kiyya irraa haalli armaa olii saba Oromoo mudachuun amala farrummaa murni Shanee agarsiisaa ture irraa kan maddee fi qabsoo Oromoo hoogganuu dadhabuu irraa sababa dhiheessan barbaaduu irraa kan dhufe. Yeroo murni QC dhaaba irraa bahetti fi sana boodas sochiin dhaabaa laafachuuf sababni dhihaataa ture, Hayyuu Duree dhaabaa kan ture Galaasaa Dilboo fi murni isaa qabsoo hoogganuu dadhabuu dha jedhame. Biyya ambaa keessatti jaarmaya ummataa cimaa ijaaruu fi miseensota hedduu ABOn akka hin horanne kan godhe dadhabina Shanee osoo hin taane akka murni kun jedhutti kanneen "OPDO, Amaara, ykn farra" qabsoo bilisummaa tahanii dha. Akka isaan jedhanitti hooggana Daud Ibsaa jalatti ABOn humna Waraanaa akka hin ijaarree fi hin bobbaafne godhe murna amma "Jijjiirama" jedhaniin kana jedhu. Hooggana shanee akka biyya keessatti deebi'ee ummata isaa waliin qabsoo hin goone kan dhoorke muratnoo dhabuu isaanii osoo hin taane, kanneen isaan dadhabbii isaanii dhoksuuf akka diinaatti uuman tahuu qabu. Ganna diigdama dura yeroo dhaaba kanatti dabalamu haala keessa dabre irra deebi'ee akka yaadadhu na godhe. Dirree waraanaa seenee leenjisa waraanaa fi siyaasaa fudhe. Akka nama haaraa qabsootti dabalameetti seenaa dhaabaa fi haala inni keessa dabre, maaliif ummata Oromoo dhaqqabuun ijaaruu akka hanqate, jaarmayoota ummatoota naannoo TPLF fi EPLF duubatti akka ABOn hafe gaafachaa ture. Guyya irraa guyyatti kan natti himamaa turee fi anis bara dheeraaf ilmaan Oromoo na duubaan dhaaba kanatti dabalamanitti himaa ture akkamitti qabsoo tana bakkaan gahuu akka dandeeny osoo hin taane, akkamitti ayyaan laallattotni, gantootni, seera dhablootni, kanneen Amaara tahanii nu keessa seenaanii fi kkf akka qabsoo sakaalan ture. Eegaa dhaabni Oromoon waan guddaa irraa eegaa ture, dhibdee gabrummaa akka hiibboottii hiikkachuu dadhabeef deebiin hoogganni shanee kennuuf leenjii guddaa itti qabu akkamitti diina akka of irraa faccisan osoo hin tahin ilmaan Oromoo" gantoota, Amaara, goobana, OPDO" fi kkf maqaan jedhamu kennameef irratti akka duulu, akkasumas hunda akka ija shakkiitiin ilaalu qofa jechuun ni dandayama.

Dhiheenya kana hoogganaan Shanee obboo Daud Ibsaa biyya America dhufuu waliin haala dabre irraa baratee Oromoo gidduutti akka nagaan bu'u Oromoo irratti duuluun akka dhaabbatu hordoftoota isaatiif dhaamsa dabarsa hawwii jedhu qabaachaa ture. Kanneen Oromoo diiguu akeeka godhatan irraa araara Oromoo dhagahuun akka hin danda'amne yemmuun deebi'ee hubadhu hamileen na caphe. Kora Atlaantaa booda abdii kutadhe. Guyyama Korri Atlanta dhumateen video "inside the rebel teritory" jedhu sababa godhachuun duulli Oromoo adda facaasuun gaggeeffamaa ture haarayoomfamee itti fufe. Haala gurri oromoo dhagahuu hin dandeenneen ilmaan Oromoo sabaaf jedhanii lubbuu isaanii wareeguuf qophaa'an Oromoo miti, takka ammoo waraana osoo hin taane ganda keessaa ijoollee walitti qabanii video kaasan jedhuu irra dabranii video sun gochaa Wayyaanee ti, barruu jedhuun gadi bahan. Qabsoo Oromoo waggaa kudhanii ol hooggana dhabdee fi WBO bilisummaa Oromoo raadaara irraa bade miidiyaa addunyaa irratti bahuun aariin bobahuun murna shanee farra qabsoo Oromoo akka tahan kan ragaa bahuu dha. Olola diiggaa waggaa tokkoof oromoo keessatti deemaa ture qabaneessuuf qooda taphachuu irra hayyuu dureen shanee duula marraa lammafaaf hordoftoota isaa bobbaasuun tokkummaan Oromoo daran akka boora'u gochuun diina tokkummaa Oromoo irraa sodaa qabu tahuu murna shanee saaxila. Duula diiggaa ilmaan Oromoo gidduutti qabsiifame kana hoogganni Shanee ol'aanaan akka keessa jiru raagaan guddaan barruu maqaa "Ijoo Dubbii ABO" jedhuun Gaashuu Lammeessaa facaase ilaaluun ni gaha. Gaashuu Lammeessaa harkaa mirgaa Daud Ibsaa fi nama 1992 qarshii Miliyoona shan Baankii Dambi Doolloo irraa WBOn booji'e wayyaanee kennee gama biyya Suudaan ittin cehuuf visa argatee dha. Kanneen akkanaa kanatu ar'a WBO zoonii Kibbaa irratti duula. Silaafuu kanneen Oromoo diiguu akeeka godhatan irraa waan Oromoo ijaaruu eeguun hin tahu.

Itti fufa

Dhiibaa Garbii