Tuesday, November 10, 2009

Heddummaachuun Jaarmayootaa Qabsoo Saba Oromoo Hin Gargaaru; Kutaa dhumaa

Kun kan agarsiisu akka namootni yaadanitti jaarmayaan heddumaachuun ummata akka oromoo bilisummaaf qabsaawu kanaaf fafa tahuu fi gurmuu qabsaawotaa facaasuu irratti qooda guddaa qabaachuu isaa ti.

3. Heddumminni jaarmayootaa xiyyeeffannaan jaarmayootni qaban of jiraachisuu fi humna namaa fi diinagdeetiin jaarmayoota biraa caaluu qofa irratti akka deebi'an taasisuun ija isaanii kaayyoo ykn diina irraa akka buqqifatan godha. Gaaffii, isin hundi erga ummata tokkoo fi kaayyoo tokkoof dhaabbattanii maaltu tokko tahuu isin dhoorka jedhu jalaa milquuf garaa garummaa hin jirre akka himatan taasisa. Kan dhugoomsuuf [prove] kanneen akeeka fakkaataa qaban, humna namaa fi diinagdee ittin socho'an isaan irraa hirmaatan busheessuu fi irratti akka bobba'an dirqa. Kanaaf fakkeenya gaariin hariiroo ABO fi jaarmayoota biraa gidduu turee dha. Jaarmayotni Oromoo irra wayyabni kan ABO irraa bahan yommuu tahu ABO waliin nagaa buusuuf danqaan himachaa turan, hoogganni ABO of tuulaa tahuu, jaarmayota biraa tuffatuu fi kaayyoo bilisummaa saba Oromoo araaraaf /nagotiation/ dhiheessuu isaa ti jedhu. Kanuma irratti hundaa'uun ULFO keessa akka darbatamu godhan. Gaaffiin guddaan garuu kanneen kaayyoo xaliila bilisummaa Oromoo haasaaf hin dhiheessinu jedhu hordofan, jaarmayootni shanii ol tahan kun maaliif akka waliif galuu hanqatanii dha?. Dabalees kan gaafatamuu qabu kanneen barootaaf nuti ABO hin jibbine, rakkoon keenya hooggana dandeetti qabsoo hoogganuu irratti ir'ina qabuu fi daba namootaa ti jedhaa turan, ABO yakka isaan irratti tarreessan sana fudhatee yeroo nu humdi akka nama qabsoo Oromoo keessaa wal qixa qooda qabuutti waan ummataaf tahu irratti mari'annee walitti haa dhufnuu yoo jedhamu maaliif deebii qajeelaa kennuu dadhaban?. Haala kana irraa xumurri /conclussion/ irra gahuu dandeenyu wanni afaaniin haasawamu irra caalaan fakkeessaaf kan godhamu tahuu isaa ti.

4. Jaarmayootni heddummaachuun jaalala kaayyoo xiqqeessee jaalalti jaarmayaa akka dagaagu godhuun kaayyoon dhaadataniin akka dagatamu godha. Kana malees aadaa itti gaafatamaa fi waadaa ummataaf seenan irraanfachuu dagaagsa. Jaarmayoota xixiqoo ummata Oromoo keessatti dagaagan yoo ilaalle hedduun isaanii walgahii godhanii dhimma Oromoo irratti saba mari'achiisuu erga dhiisanii bara lakkaawatu. Yeroo ijaaraman, haasaanis tahe barruu isaanii irraa kan argaa turre, jaarmayoota isaan dura turan kan "qabsoo qancarsan" jedhanii himatan caalaa ummata Oromoof akka hojjatanii dha. Fedhii isaaniitiin Oromoo rakkoo gabrummaa jalaa baasuuf waadaa seenan jechuu dha. Ummatni Oromoo guyya irraa guyyatti boolla salphinaa gadi fagoo fi bal'oo gabrummaan qotteef keessa gadi fagaataa jiru osoo ija banee isaan eeggatuu, saboontotni hedduun osoo isaan abdatan itti gaafatama fedhii isaaniitiin of irratti fe'an kana maaliif dhagatan?. Yoo qabsoo sabaa gaggeessuu hin dandeenne maaliif ummata dhiphina keessa jiru kana buddeena yoomiyyuu hin bilchaanne afeeru?. Maaliif yoo jaarmayoota biroo irra hojjachuu hin dandeenne sabboontota qofatti qabeenya dhuunfaa godhatanii akka kanneen hafan isaan irra wayyaa tahan /hojiinis tahuu baatu lakkoobsaan/ akka itti hin dabalamne danqaa uumu?. Maddi haala, kanaa kanneen hafanis homaa hin hojjannee maaliif nu qofti itti rakkana kan jedhu fakkaata. Kana jechuun hojiidhaan dorgamanii caaluu osoo hin taane, isaanis namoota hanga tokkoo of jalatti qabatanii, warri hafan akka guddachuu hin dandeenne agarsiisuu ala hikkaa biraa hin kennu.

5. Jaarmayootni hedduumaachuun abbaa irrummaa babal'isee kanneen hooggana jedhanii filaman yookan qooda akkasii ofiif kennan fedhii ummataa fi yaadaa miseensota isaanii akka ugguran haala aanjessa. Ar'a Oromoo keessa jaarmayota erga uumamanii hooggana tokko qofaan masakamantu jira. Kun kan agarsiisu jaarmaya sana keessa guddinna akka hin jirree fi waan hojjatamu irratti gamaaggamni akka hin godhamne agarsiisa. Osoo guddinni jiraate hoogganoota hedduu fi humna haaraya agarra turre. Osoo adeemsa jaaramaya isaanii gamaggamuun jiraatee, hoogganni gadaa hangana dheeratu keessatti jaaramayaa isaa milkeessuu hin dandahin aangoo irra turuuf hiree hin qabaatu. Kun kan agarsiisu kanneen bakka hoogganaa jiraatan abbaa irree tahauun guddina jaarmayaa isaanii fi qabsoon saba Oromoo fuula dura furga'uu osoo hin taane bakka isaan jaaramaya keessatti qabaniif akka hojjatan, kanneen isaan abdatanii akka hoogganaatti isaan fudhatanii fi ummata Oromoofis kabajaan isaan qaban xinnaa tahuu nu barsiisa. ABO keessatti barootaaf yeroo rakkoon keessaa ka'u, warri nurraa bahe hundi eessayyu hin geenne, barbaaddan isaanitti dabalamaa fi akkaataa dhaabni kun itti hoogganamuu fi qabsoon keenya itti deemus nuuf tolee yaadni jedhu calaqqisaa ture. Namni biyyaa yaadu tokko waan an dadhabe, waan an hin argin kan ana caalaa argu jiraachuu mala, dhimmi kun kiyya qofaa miti, kan lammii qabsootti amanu hundaa ti, mee karaa biraatiin haa ilaalluu, ykn wal haa gargaarruu jedha. Jaarmayoota hedduu biratti hoogganoota irraa kan mul'atu isaanii ala ummata Oromoof caalchisee kan yaadu akka hin jirree dha. Yaada kanatti amanuu jechuun ammoo qabsoo Oromoo nama hagoon qofaan kan jiraatu, yoo isaan dura hin teenye ummatni Oromoo hundi dukkana keessatti akka kufutti yaaduu fakkaata. Yaada akkanaa kanatti kan amanan ammoo qabsoo sabaa keessatti murteessan qooda lammii tahuu waan hin hubanneef qooda ummataa fi qabsaawotni kennuu qaban dura dhaabbatu.

6. Heddummaachuun jaarmayotaa ummata akka Oromoo hooggana qaroo lammii bilisummaa leellisu hunda of jala hiriirse duulchisuuf hawwan hooggana dhabsiisa. Kanneen hoogganoota jaarmayaa fi dandeettii nama ijaaruu fi murtiilee tarsiimoo qabsoo fuul-dura tarkaanfachiisu fudhachuu irratti qooda fudhachuu danda’an adda faca’uun hooggana tokko jalatti itituun hafee, akkuma walitti dhihaannuun hooggan murnaa fi gandaa qofatti akka hafnu nu godha. Kun haala yoo hoogganni tokko gamana goree jedhe cinaan keenya faallaa akka deemnu haala aanjessee akka sabaatti wal dhagahuun akka dhabamuu haala aanjessa.

Kanaaf haala kana irra aanuuf madda rakkoo adda nu baasanii kana keessa deebinee ilaallee furmaatu argamsiisuu qabna. Haala kana irra dhaabbachuun sababoota madda faca’aa tahanii fi furmaata isaa tokko tokkoon akka waliin ilaallu dubbiftoota afeera.

Madda Dhibdee

a]. Jaaramayaa fi hooggana jabaa dhibdee mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhalatan bilchinaan furu dhabamuu; Haala jaarmaya ABO irraa wanni agarruu jaarmaya cimaan hojiilee siyaasaa, taligaa, waraanaa, qaruutummaa fi jaaramayaa gaggeessu cimaan dhabamuun ifee mul'ata. Yeroo gara bosonaa bahamutti biyya keessatti jaarmayaan ummataa jabaan hin turre. Waraana mootummaa habashaa ilmaan Oromoo harka 70% gahu jedhamuu fi humna tikaa keessaatti ABOn ijaarsa hin qabu ture. Dirree waraanaa itti bahame kan dhihaa fi bahaa keessatti haalla qubsuma naannoo ir'ina kana kan nama guutachiisu hin turre. Ijaarsi ummataa jabaa dhabuun of boodatti dhiisuu dadhabuun magaalota irraa kutamuutti dabalamee erga dirreetti bahamees jaarmaya cimaa diriirsuun hin danda'amne. Haala mooraa humnoota aanga'ootti dhimma bahuun mararfannoo horachuun dadhabamee ABOn humna tikfattee fi qotee bulaa naannoo daangaa jiraatan keessatti akka liqimfamee jireenya isaa mirkaneessuu qofa irratti baroota dabarsu tahe. Hayyootni siyaasaa fi waraanaa dhaaba kana gabbisanii rakkoo kana keessaa isa baasan itti dabalamuun hafe kan humni of duratti ilaalaa ture wareegaman haphatee ABO hooggana gahoo/ able/ malee akka hafu taasise. Haalli kun of irratti abdii hooggana dhoorkatee yaada dhaaba keessaa burqu hinda akka yaada diinatti fudhatuu fi shakkuu bira dabree kanneen hooggana irraa abdii dhaban fi rakkoo himatan sirna keessaatiin furmaatni dhabamuun faca'a fide. Hoogganni waan hunda shakku /vulnerable/ kanneen isa irraa haala adda addaa bahan kan fuula duraa ilaaluu dhabee hanga lafeetti kanneen isaan irraa bahan madeessuutti bobba'e. Haalli kun jibbaa araaraan dhumuuf rakkisaa tahee fi hafuura wal dhabamsiisuu dagaagsee kaayyoon akka irraanfatamu godhe.

b]. Wal dhabbii uumamaa turan keessatti qabsaawotni daangaa malee wal madeessuu fi afuurri "haaluu bahuu" dagaaguu; Akkuma dursee tuqe wal dhabbiin dhalate hunda qaamaan jaarmaya tokko keessa jiraachuu wal dhoorkuu irra dabree akka hanga hawaasa keessaatti namootni wal adamsanii fi jireenya wal dhoorkan godhe. Kun kanneen namootni isaan "qabsaawaa" dha jedhanii of duratti ilaalan tuqamuun hunda daran isaan aarsuu fi jeequun kanneen qabsaawaa fi namoota nu of duratti ilaallutti duulan jedhan hammeenyaan ilaaluu irra dabree akka dhimma Oromoo dhiisanii maqaa namootaa tiksuuf hiriiran godhe. Kan kanneen dhaaba irraa bahan onnachiisee jaarmayoota biqilchuu fi yaadota hawaasa keessatti jeequmsaa wal diddaa dagaagsan akka babal'atan godhe. Hojiin sagantaa siyaasaa jaarmayootaa irra jiru hafee "hanga jara kana jilbeenfachiifnuu" yaadni jedhu hafuura nuti baafannuu fi fudhannu tahe.

Qabxii kanaa olitti tuqame kana sirriitti hubachuuf wal dhabbii ABO keessatti 2008 tahe ilaaluun gahaa dha. Miseensotaa fi hoogganootni shanee yeroo dubbatan, jijjiirama nu hundi itti amanna, garuu jarri kun /Jijjiiramni/ hoogganaa fi ABO irratti duuluu isaaniittu nu dallanse jedhu. Hedduun ifa baafatanii, namoota ganda keenyaa qabsoo keessatti umrii isaanii dabarsan abaartan, salphiftan jedhu. Adeemsa qabsoo ABOn durfamu akka karaa sirrii irra hin jirre osoo amanan, yaadni kanneen dhaabaa fi hooggana kana qeeqan akkuma qabsoon kun jabaatuufi yaadni jedhu jalaa dhokate. Kan silaa qabsaawotaa fi ummatni Oromoo irratti mari'achuu qabu qabsoon keenya maaliif fuula dura tarkaanfatuu hanqattee osoo hin taane, maaliif "namni kiyya" qeeqamaa tahe. Ummata keenyaaf anaannatuun hafee, kanneen takkaa qabsoof gummaacha hin godhin hundi " namoota keenya" salphina irraa hambisuu qabnaan eeboo guurratanii akka fiigan tahe.

c]. Ilaalchi nan miidhame /victim hood mentality/ fi an sirrii dha jedhu dagaaguu; Waldhabbii mooraa qabsoo Oromoo keessatti babal'ate kan furuu irra wal moggeessuu fi wal abaaruun itti fufee kan balleessee fi kan itti balleessanis miidhamtoota of taasisuun namni coqorsa hiixatu akka dhabamu godhe. Ilaalchu kun waan afaan keenyaan dubbannu tahuu irra cehe amala baranne /learned behaviour/ tahee furmaataaf yaaduu irra yeroo hunda hammeenya namoota biroo anaannatuu qofa irratti ilmaan Oromoo hambise. Hunda caalaa ammalli nutuu miidhame jedhu kan qaamaa fi sammuu qabsaawotaa dhuunfatee yeroo araara haa buufnuu fi fuul duree saba keenyaa irratti haa xiyyeeffannuu jedhamus mataa keessaa kan isaan iyyu "akkas na godhan" kan jedhu qofa tahe.

d]. Kanneen hanga ammaatti jaarmayota Oromoo hoogganan dogoggora dabre irraa barachuu dadhabuun rakkoo guddaa qabsoon saba Oromoo mudattee dha. Wal irratti duuluu fi wal madeessuun sababa diigmaya qabsaawotaa tahe ar'as itti fufee maqaa hin jirre walitti maxxansuu fi akkaataa itti hojjachaa turan ykn ummata Oromoof maal akka gummaachan of gaafachuun dadhabuun hanga ammaatti itti fufee jira. Jaarmayootni hooggana ykn murna akkasiitti nu miidhe ykn qabsoo keessaa nu dhiibe jedhan hanga ar'aatti kanneen nutti balleessan jedhan dura dhaabbachuu malee nuti maal hojjanne jedhanii of gaafachuu dhabuun hanqina guddaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa jiruu dha.

Haala armaa olii irraa ifatti kan agarru jaarmayootni heddumaachuun gurmuu Oromoo akka sharafee fi jaarmayoota dadhaboo jedhaniin hojiin dorgomanii of mul'isuu osoo hin taane markaba bishaan liqimsaa jiru irra hunduu akka koranii taa'an agarre. Maaliif yoo jenne gurmuu qabsaawotaa sharafuu fi wal facaasuu laafina gara dhabamaa nama oofutti waan nama oofuuf. Kanaaf markaba kana irraa buunee dirree nu hunda walitti qabutti yaanee walitti dhufuu qofaan rakkoo kana injifachuu irra aanuu akka dandeennu hubannee harka araaraa fi tokkummaa hiixachuu qabna.

Tokkummaa fi Araarri hawwamu kun akkamitti argama?

Qabxiin kun kan lammiin Oromoo qabsoo keessaa qooda qabaachaa turee fi kaayyoo bilisummaatti amanan hundi itti yaaduu qabanii dha. Badii jaarmayota irra kaayyuu osoo hin taanee kanneen maqaa ummata Oromoof qabsoofna jedhan hundi haala qabsoon keenya yeroo ammaa keessa jirtuun ofitti qaanfatuu qabna. Deeggartootaa fi miseensotni Oromoo hundi faffaca'insaa fi ofii wal nyaachaa jiraachuun daran nu hundaa akka kuffisu fi walitti dhufuun jaarmayota hunda qaanyii amma keessa jirru kana keessaa akka nu hundaa baasu itti amanuu feesisa.

Kanaaf Miseensotaa fi deeggartootni dhaabbota Oromoo hundi;

1. Hoogganoota isaanii maal hojjachaa akka jiranii fi kaayyoo ijaaramaniif bakkaan gahuuf hudhama amma qabsoon Oromoo keessa jirtu kanaaf furmaatni qaban maal akka tahe gaafachuu feesisa. Qofaa jaarmayaan kamuu qabsoo saba oromoo fuula dura tarkaanfachiisuu akka hin dandeenne namuu irratti walii gala. Dhugaa kana irra dhaabbannee jaarmayoota Oromoo maaltuu akka walitti dhufuu isaan dhoorge gaafachuu qabna. Waanuma hoogganni ofii qofti jedhu dhagahuu osoo hin taane jaarmayoota biroottis dhihaachuun dhibdeen walitti qabsaawota Oromoo fiduu dhorke kana maal akka tahe baramuu qaba. Kanneen jaalala jaarmayaa dhibdee ummatni keenya keessa jiru caalchisanii maqaa qofa qabatanii baduu barbaadan kaayyoo sagantaa Siyaasaa isaanii irratti barreeffame deebi'anii akka dubbisanii fi itti gaafatama seenaa kan ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuu bakkaan gahuutti ilaalcha isaanii akka deebifatan dhiibbaa irratti godhuun gaaffii yeroo hin kenninee dha.

2. Hoogganootni jaarmayota gara garaa ofii seenaa mataa ofii barreeffachuutti dhoraman /busy/ seenaa ummata keenyaa xuriin gabrummaa gurraachessite bilisummaan qulqulleessuun seenaa isaanii seenaaf dhiisuu qabu. Murna akkanaattu na yakkee, warra akkanaa kana dhabamsiisuu qabnaa akeeka dadhabuu jedhu irratti humna ijaarrachuu osoo hin taanee, hooggana tahuu isaanitiin gaafatamuun, qeeqamuu fi abaaramuun akka jiru hubatuun seenaa isaaniitti yaadda'uu irra milkii ummata Oromoo argamsiisuu irratti fuula deebifatuu barbaachisa. Hoogganni gadaa isaa jalatti gurmuun sabaa diigamee fi qabsaawotni faca'anii, hamileenqabsoof ummatni isaa qabu bu'e hooggana xurii seenaa uffaatu akka tahe sirriitti hubatuun irra jira. Osoo gar malee itti duulamee fi gaariin hojjatame argamuu dhabe illee dirqamni hooggana sabaa inni duraa fi olaanaan seenaa isaa barreeffachuu osoo hin taahe seenaa sabaa barreessuu akka tahe dagatuu hin qabu. Yeroo hunda hoogganni seenaa keessatti ifee mul'atu hooggan ofii ummataa isaaf arrabsamee, miidhamee fi wareegama kabajaa fi lubbuus baasee tokkummaa ummata isaa ijaaree, akeeka sabaa bakkaan gahe qofa. Hoogganaaf xiqqeenyi guddaan bakka itti eegan irraa gadi of buusee, jette jettee himachuun lammii isaatti aaaru, waan guddaa baheef /bilisummaa sabaa/ dagatee Oromoof mooyatamuu fi Oromoo moo'achiisuu dagatee Oromoo injifachuuf lola banuu caalaa hoogganni seenaa keessatti xiqqaatu hin jiru.

Kanaaf hammeenyi saba keenya irra gahaa jiruu fi guyyaan bilisummaa dheerattee fuul dureen ummata keenyaa gaaffii keessa galuun kan nutti dhagahamu hundi qabsoo saba keenyaa bakkaan gahuu kan dandeenyu mooraa Oromoo keessatti nagaya buusuu qofaan akka tahe hubannee waan xixiqqoo anaatu miidhamee fi nama an jaaladhu irratti duulamee bira dabarree hafuura tokkummaa haa dagaagsinuu. Rakkoon keenya Shanee, jijjiirmaa, QC, FIDO, OPLF, Gumii fi kkf ykn ammoo namoota osoo hin taane qabsoon saba Oromoo sakaalamuu dha. Kanneen ar'a gamaa gamana gorree walitti duullu jibbaan dhaabbataan nu gidduu hin jiru. Jibbaan amma agaru hedduun kan ofii mataa keessatti uumne malee Oromoo kamuu kutaa ykn amantiin hamaa tahee miti. Kan arguu dadhabne waan addaan nu faageessu irra wanni walitti nu fiduu yeroo kumaatama akka caalu wallaallee garaa garummaa dhaadheessuu fi ir’ina akka nama tokkoo fi murnaa/ jaarmayaa/-tti qabnu fudhachuu dadhabuu dha. Dhugaa kana hubannee qabsaawota murnaa fi namootaa tahuu dhiifnee qabsaawota mirga sabaaf duulu haa taanuun of haarayoomsuun gaaffii yeroo ti. Osoo guddaa godhuun dandahamu, saanduqa xixinnoo ofitti cufnee, guddina irra xiqqeenya fudhannee taa’uun lammii Oromoo saba isaatiif qabsaawu, waa nan hubadha jedhuuf qaanyii guddaa dha. Kanaaf dhimma namootaa fi keenya bira dabarree loltoota bilisummaa, kabajsiiftoota mirga lammii haa taanuu. Tahuu akka dandeenyu yoo jibbaa onnee keenya qaqaa offiifte nagayaaf harka laachuun dhiqannee wanni hundi ifee nutti mul’ata. Onnee keenya banaa, garaa keenya bal’aa haa goonuu lammii Oromoo.

Na Hofkalchaa

Gadaan Gadaa Tokkummaa ti!

Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

Roobaa Bultum

Qunnamtiif- shigido@gmail.com

No comments:

Post a Comment