Wednesday, September 2, 2009

Hoogganni Ni Qeeqama, Ni Faarfamas



Yeroo ammaa kana hunda caalaa hoogganoota jaarmayaa fi miseensota isaanii kan aarsaa jiru "abaaramne kan jedhuu dha. Keessattuu hooggana/hayyuu duree irraa kaasee murni shanee anaannatee kan dubbatan hoogganni dhaaba keenyaa abaarame, itti duulame waan jedhu. Irra dabraniis dhaaba irratti duulame, diinaatuu ummata Oromoo hoogganaa fi dhaaba haqaa dhabsiisuuf duula nurratti oofa jedhu. Kun ammoo duula biyyoota addunyaa 3ffaa keessatti kanneen mootummaa cunqursaan mormanii fi mirga ilma namaatiif falman irratti gaggeeffamu fakkaata. Biyyoota abbaa irreen bulan keessatti kanneen "mormituu" jedhaman maqaa fedhan itti maxxansanii ummata biratti akka jibbaman godhuu fi dhabamsiisuufis itti duuluun dhugaa ifa jiru.

Hunda caalaa kan hubatamuu qabu, namni akka hoogganaatti fudhatame kamuu guyyaa waan gaarii godhe akka goota biyyaatti faarfamuun, abdii ummatni irratti qabu ir'isanii waan akeekkatan bakkaan gahuu yeroo dadhaban ammoo akka itti duulamu ni beekna. Faarfamuu fi abaaramuun qondaalota siyaasaa waliin deema. Uffataa fi nyaata isaanii ti jechuun ni danda'ama. Hireen ummatni Oromoo jaarraa tokkoo oliif mudate kan salphinaa fi diinaan dhiitamuu ti. Bara irraa baratti gabrummaa qaanessituu fi salphiftuu biyya isaa keessatti hidhamaa isa taasifte jalaa bahuuf tattaaffiin ummatni Oromoo godhe osoo bakka hin gahin hafuun, hedduun keenya sila teenya tun maaluma, rabbiitu nutti dallanee fi ebaluutu akkas godhe jechuun hin oolle. Ar'a komiin hooggana ABO bara dheeraa gaggeessaa ture irratti xiyyeeffachuun kan jibbaa qaama tokkoo ykn namootaa irraa madde osoo hin taane, ir'ina qabsoo saba Oromoo keessatti mul'ateef sababa biroo dhabuu irraa kan dhufe fakkaata. Kanneen hoogganaa ABO akka qaama Oromoon deemuu tokkotti ilaalaa turan, WBO keessatti ilmaanii fi obboleeyyan akkasumas firoota itti dhaban dadhabiinsa mul'ateef kan isaan of duratti ilaalanii fi kan dhugaanis komatamuu qaba hooganuma ABO warra ture. Komiin kun dhugaadha moo dogoggora wanni jedhu ammatti bakka hin qabu.

Dhugaan jirus kan agarsiisu, keessattuu waggoota 18 dabran keessa qabsoon ummatni Oromoo ABOn durfamuun gaggeessaa ture yarataa adeemuun, ummataa fi biyya keessaa hoogganni dhaaba kanaa baqatee bahuun qabsoon keenya fuula dura akka deemaa hin jirree, tarkaanfiin nuti fudhachaa jirru kan of duubaa akka tahe agarsiisa. Akkuma dhukkuba gurraa irratti hinxilif jedhan, dhaabni ummatni Oromoo irratti abdataa ture laamsha'uu fi qabsoon ummata Oromoo dhokachuu irra dabree tokkummaan ummata keenyaa boora'aa jiraachuu arguun kan hedduu nama yaachisuu dha. Bara irraa baratti kanneen qabsoo keessaa qooda fudhataa turan adda faca'anii arguun kan lammii Oromoo hunda gaddisiisuu dha.
Silaa ar'a dhaabaa fi hoogganni keenya tuqamee irra kanneen Oromoo hoogganna jedhan irraa yaaddoon dhagahamuu qabu kan bara irraa baratti diigamuu qabsaawotaa fi boora'uu tokkummaa Oromoo, akkasumas yarataa addeemuu qabsoo goota meeqa irratti dhabnee ture. Furmaatni waliin barbaaduu qabnus akkamitti Oromoo walii fi hooggana isaa, akkasumas qabsoo irraa abdii kutataa jiru akkamitti akka abdachiifnaa dha.

Kun hunduu hafee Hayyu Dureen shanee osoo hin hafin, maqaa kiyyaatu tuqame, kan nu qeequ hunda harka diinaattu keessa jiraa fi gantootaa yaadni jedhu itti gaafatama waan jedhu wallaaluu agarsiisa. Qabsoo teenya biyya keessaa baate, miseensota ABO faca'anii fi gaaga'ama tokkummaa Oromoo irra gahee fi gahaa jiruuf eenyuutu itti gaafatama?. Kan Oromoo gaafatuu qabu mootummaan jira natti hin fakkaatu. Mootummaan waggaa dhibbaa as Oromoon qabdu hooggana isaanii qofa. Kan isaan irraa eeggamu, nuti isinitti balleesse, bakka isin itti nu yaaddan hanqanne jechuun haqa kaneen ABO hooggataa turan irraa Oromoon argatuu qabu ture. Beekaan bakka hin galleetti hin lola jedhama. Osoo beekkumsa qabaatanii kanneen hooggana ABO turan diina nuun jedhan, warri akkanaa fi akkasii diina jedhanii Oromoo hadheessuu irra dhiifama saba Oromoo gaafatanii, kan fuula duraa irratti akka tokkummaan sochoonu nuu akeekan ture. Hunda caalaa ammoo kan na gaddisiisu, miseensotni jaarmayaa, salphina ummatni Oromoo keessa jiru irraanfatanii, jaalala ummata Oromoo osoo hin taane, jaala nama gandaa fi hoogganaatiin machaawanii obboleeyyan isaanii akkuma isaanii dheebuu bilisummaa bahuu dadhabanii aariin dubbatan diina godhachuu irra taa'anii wal dhagahuu fi waliin furmaata barbaaduu dadhabuu isaanii ti. Kanneen ar'a hooggana keenya tuqamuu hin qaban jennee lola labsinu kun bor ni darbu. Ummatni Oromoo garuu, gabra tahee tokkummaan isaaf diigamee jiraatuu hin qabu. Hoogganni waan gaarii hojjateef akka faarfamu, kan balleesseef ammoo akka qeeqamu ykn akka abaaramu dursinee beekuun badii amma keessa jirru irraa nu oolcha ture. Kanneen hooggana keenya, tuqaman jennuunii fi ummata keenyas kan salphise dhaabni isaan hoogganan kaayyoo ka'eef galmaan gahuu hanqachuu isaa ti. Dhaabni keenya abaarame jennee nuti ilmaan Oromoo irratti duuluuf sababa godhannu kun, osoo Oromiyaan bilisoomte tahee mootummaa Oromoo ture. Kanaaf mee dursinee ummata Oromoo haa yaadnu. Sirba bahanii orma hin qaanfatan akkuma jedhan kanneen hooggana ofiin jedhan qeeqni akka jirus haa beekanii. Yoo gaaffiin ummataa deebi'e ammoo faaruu malee abaarsi akka hin jirre hubannee ummata Oromoo walitti fidnee milkiif haa hojjannuu.

Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

Hordofaa Elemoo Qilxuu

www.barraaqa.blogspot.com