Thursday, November 5, 2009

Haa gahu J. Dawud Ibsaaf



Hunda dura wareegama qabsoo saba Oromootiif waggoota 30 oliif baasaa turtaniif seenaan isin haa yaadatu jedha. Nu hindinuu ni dabarra, seenaan garuu yoggahuu ni tura. Faaruu kiyya irra faaruu seenaattu caala,

Xalayaa kana akka isiniif barreessu kan na dirqe ilaalchi rakkoo amma mooraa qabsoo Oromoo keessatti uumamteef furmaata argamsiisuu irratti qooda guddaa akka laachuu dandeessan abdiin waan natti buleefi. Yaada kiyya akka qalbiin hordoftanii kaayyoo barootaaf itti dhamaatan, lubbuu ilmaan Oromoo qabsoo kana irratti aarsaa taatee fi ummata Oromoo afaan qawwee jalatti ba'aan salphinaa guyyaa hundaa akka fe'aatti itti dabalamuuf jettanii furmaata dhugaa argamsiisuuf taarkaanfii malu akka fudhattan nan abdadha. Yaada furmaata jedhutti dabruu dura rakkoo barootaaf mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mul'atu kanaaf sababni maali waan jedhu akka waliin ilaalu barbaada.

I. Dhibdeelee Haala amma keessa jiru kana uuman

1. Rakkoon duraa ABO 1992 booda akka hundi keenya hawwinutti injifatnoolee ummata Oromoo abdachiisanii fi Oromoo humna taasisan gonfachuu dhabuun kufaatii mudate irratti namootni ilaalcha adda addaa akka qabaatan godhe. Namootni hanga tokkoo ABO akka jaarmayaatti yemoo balaalefftanii fi tuffatan kanneen hafan ammoo ir'ina mul'ateef hooggana keessaa nama hanga tokkoo irratti itti gaafatamaa godhanii fudhatan. Akkuma dubbiin bubbultee, dhibdeen ABO keessa jiru daran xaxamaa fi kan furmaata argatuu hin dandeenye tahee mul'atu rakkoo kanaaf namoota irra dabranii kanneen ganda hunda yakkan hin dabamne.

Rakkoon dhugaan namni dhaaba kana keessa isaa qorate hubachuu dandahu kuffaatii keenyaaf sababni guddaan jaarmaya cimaa dhabuu isaa ti. Osoo jaarmaya cimaan qabaannee kufaatii 1992 keessa nu irra gahe irraa dandamachuu ni dandeenya ture. 1992 yeroo chaartaraa baanutti humni nuti qabnu kan diina madaalu hin turre. Leenjisaa fi akaakuunis diinaa fi isa gidduu garaa garummaan ture waaqaa lafa jechuu nan danda'a. Yeroo 1991-2 ummatatti baanetti osoo humnaa fi dandeettii qabnu hunda humna riphee lolaan diina dura dhaabbachuu danda'u ijaaruu irratti bobbaanee haalli amma keessa jiru kun hin dhalatu ture. kun tahuu dhabuun kan agarsiisu akka humna riphee lolaa tokkotti humna keenyaa fi kan diinaa, waan ar'a tahuu fi boru itti aanu tilmaamuuf dandeettiin keenya akka ir'uu tahe agarsiisa. Hunda caalaa ir'inni ture kan murna ykn nama tokkoo lamaa osoo hin taane kan hooggana waloo akka tahe ragaa baha.Waan chaartara booda dhalachuuf deemu hoogganni tokkooyyuu tilmaamuu hin dandeenye. Hunda hooggana dhaabaa beekuu kiyya irraa dhugaa kana tolcheen beeka.

2. Inni itti aanu gaaga'ama 1992 tahe irraa dandamachuuf hoogganni ture tarkaanfii sirreessii fudhachuu dadhabuu isaa ti. Hanga 1998 gahutti hooggana dirreetti hoogganni bakka tokkotti deebi'ee waliin haasa'uu hin dandeenye. Adeemsa baroota dabree irraa barachuun wayyaanee humna isa gitu /tooftaan/ ijaaruun qabsoo bifa haarayaan deebifnee ijaaruu hin dandeenne. Akkaataa ummata itti ijaarru bifa jaarmaya wayyaanee gituun hin diriirsine. Kan biraa hafnaan biyyoota ollaa hoogganni keenya qaamaa keessa jiraataa turetti, daandii "logistic" diriirsuun humna hidhachiisuu fi leenjima waraanaa baraneen hin kennamneef. Bakka hundatti humna waraanaa nutti dabalamaa tureeef barruulee tooftaa waraanaa irraa barsiifamu qopheessuun hin danda'amne.

Hoogganni dhaabaa boolla dhaabni keessa lixaa jiru kana keessa dhaaba baasuuf dandeettii gahaa dhabuun kanneen haaraya dhaabatti dabalaman, kanneen halaalaa ilaalanii fi kanneen barootaaf dhaaba kana irratti cichaa turanii fi "irruma aanna" aadaa jedhu qaban hunda akka of duuba deebi'anii yaadanii fi dandeettii dhaabni kun rakkoo kana keessaa bahuu shakkan gahan. Haala dhaaba keenya kana gadi nyaatu kanaaf hoogganni jiru waloonis tahe nam-tokkeen, hojiinis tahe haasayaan furmaata akkamitti akka argamsiisuu danda'u agarsiisuu dhabuu fi osoo dhaabni kun miidhamaa jiru hoogganummaa irra taa'uun kanneen duraan jaallan kana akka uumama namaa oliitti ilaalan, akka hooggana isaanii ofiin qixxeessan haalli uumame. Kun inni maal narra jiraa qajeelfama natti kenna, waan hooggana isa godhu maal hojjachaa jira bakka jedhu irra gahamuu irra dabramee sadarkaa hoogganni ija tuffiitiin ilaalamu irra gahame. Haalli akkanaa yeroo dhalatutti dhaaba tokko hoogganuu fi hoogganamaa tahuunis ni ulfaata. Irra caalaa ilmaan namaa warraaqsa keessatti nama ilaalu. Waraanni tokko kan ajaja fudhatee du'aaf of kennuuf murtii ajajaan isaa kennu wareegamni jiraatus kan jaallan isaa injifachiisuu jedhee waan amanuufi. Miseensi hojii siyaasaaf magaalatti ergamu tokko osoo qabamee akka wareegamuu maluu fi diinaan dhiphinni irra gahu beeku kan ajaja hooggan isaa fudhatee bakka barbaadametti bobba'uuf murtiin hoogganni isaa fudhatu qabsoo inni of kenneef milkeessa jedhee waan amanuu fi. Hunda caalaa dandeettii hooggana isaaf waan kabajaa qabuufi. Namni gabrummaa jala waan jiraatuuf dirqiitti du'uu hin qabu. Lubbuun isaa waan gabrummaa irra wayyaa ni argamsiifti yoo tahe malee. Haalleen armaa olitti mul'atan kun hooggana irratti abdii ummataa fi miseensotni qaban daake. Kabaan hafte kan akka jaarmayaatti waliif qabamu tahuun hafee akka wal beekkomsaa fi walitti aananiin qofa tahe. Kanaaf egaa ar'a qabso irratti osoo hin taane namoota /hoogganoota keenya irratti wal lolla.

3. Jabinni nama tokkoo ykn murna tokkoo kan madaalamu hojii tokko irratti of kenniinsa inni/isaan qaban osoo hin taane hojjatanii waan mul'isaniini.Akkuma namuu beekutti kanneen ar'a isin waliin jiran hedduun kanneen qabsoo kanaaf wareegama guddaa baasanii fi barootaaf dhaaba keessa turanii dha. Haa tahu malee akka murnaatti hoogganni kun kan madaalamuun yeroo isaan dhaaba kana keessatti dabarsan osoo hin taane jijjiirma ykn guddina isaan dhaaba kana keessatti mul'isaniini. Namni tokko waggaa keessatti guyyaa 360 hojii irra jiraachuu osoo hin taane maal akka calleessee dha. Rakkoo dhaabni keenya 1990-ta keessa keessa ture irra dabree erga Eritreatti hoogganni keenya cehe booda haalli ture ni wayyata waan jedhuu hedduun abdate. Keessattuu 1991 booda yeroo jalqabaatiif tin'isa diplomaasii fi waraanaa waan arganneef. Haa tahu malee haalli mul'ate kan abdii nama kutachiisu malee kan abdii nama horachiisuu hin taane. 1992-96 yeroo dirree turretti, hoogganni namni hagoon jiruu fi osoo marfama keessa jirru, yeroo diinagdee fi galaan ala irraa hin argamne waan socho'aa turre socho'uu dadhabne. Tattaaffiin yeroo hedduu karaa Somalee, Sudaan, fi Keeniyaatiin biyya keessatti WBO gadi dhaabuuf godhame hundi firii dhabe.

Kanneen biyya keessatti fincilaa turan yeroo diinni biyya irraa buqqisu humna isaan ofitti fudhatee isaan hujoomsu dhabee biyya ollaa keessatti salphina baqattummaa uffatee akka jiraatu tahe. Kanneen carraa argatanii biyya ambaa bahan hedduun akka maraataa qofaa haasawutti hafan. Haala kana hundaa irraa kan argame hooggana dhaaba kanaan deemaa ture jalatti hiriiruu fi haala kana jijjiiruuf qooda kennuu osoo hin taane irraa dheessuu fide. Ilmi waan tokko karaa hedduun ilaalee yoo dadhabu abdii kutata. Akka dur hojjadhu sanatti hojjadhee nan milkaawa jedhee waan hin yaadneef waan biraa ilaala. Kana irraa ka'eetti qabsaawotni hedduun kan hoogganni kun eessanuu nu hin gahu yaada jedhu irra gahan. Kana booda addaan faffaca'uun uumame. Hoogganni dur akka utubaa hundaa kabajaa "Wajjirra" qabsaawotaa fi ummataa inni keessa taa'uun nama hunda waliiti harkisaa ture kabajaan sun laaffannaan kan walitti hafe waliif mararfannoo qofa tahe. Ammas irra deebi'ee kan Oromoo qabsoo akkamitti fuula dura tarkaanfachiifnaa osoo hin taane namoota irratti wal loltuuf kanaafi natti fakkaata.

4. Waldhabiin 2000 uumame murna QC dhale. Murna kana waliin qabsaawotni lakkoobsaan hin tuffatamne achi bahan. Qoodama dur ture irratti qoodama biroo dabalate. Rakkoo kana furuuf tattaaffiin hedduun godhamus rakkoon ar'a deebinee akka humna tokko hin taane nu godhe akkaataa dhibdeen sun itti qabamee dha. Keessatti kanneen dhaaba kana irraa achi bahan diina jedhanii yakkuun namootni akka daran madaawanii jaala isaanii diina godhatan godhe. An yeroo sanatti faallaa murna QC dhaabbadhee kan natti himamaa ture, murni kun TPLF waliin qunnamtii qaba, mallaaqa hedduu akka diina irraa fudhatan ragaa qabna kan jedhu ture. Dhugaasaa Bakakkoo nan beeka. Nama 1992 irraa kaasee hanga fottoqanitti WBO rakkoo sana hundaa jala qaxxaamursee dha. Xiqqaatu yeroo hamtuu sana humna diina jalatti gatee biyya ambaa hin baane. Jaala akkanaa jaallan isaa diina jedhanii yakkuun deebi'ee akka jaala jedhuu hin dandeenye godhu. Yeroo AWOn ijaaramte Amaan Kadiir fi kanneen isa waliin jiran akka diina waliin hojjatan dhageenne. Kana oduu karaa dabartu osoo hin taane hoogganootni keenya kanneen ABO bakka bu'an odeessa dabarsaa turanii dha. Osoo boruuf hin jedhin gadi baanee barruu fi afaaninis wal xiqqeessine. Diigamni itti fufe. Hunda caalaa haalli booressan 2008 kan dhalatee dha. Akkuma dhaaba keessatti wal dhabbiin mumul'achuu eegalteen ololli gandaan Oromoo walitti buusu eegale. Gadi bu'amee waan namni nyaatu bakka bulee fi oole, waan gaarii jireenya keessatti qabsoo kanaaf godhame hundi dagatamee hammeenyi daangaa dabre dagaage. Ar'a inumaa bira dabree walgahii jijjiiramaa irraa Abbaa Duulaa fi Juneeydiin qooda fudhatan kan jedhuutu jira. Kun cubbuu guddaa dha. Ummata sochii kana deeggaru tuffachuu dha.

Akkuma duratti tuqe, ABOn laaffachuun, dhaabni akka utubaa fi gaaddisaa qabsaawotni itti golgatan gaaddisa hiriyummaa fi gosaan bakka bu'e. Filmaatni dhabamee namuu of baasuu akka filatu dirqamae. Anis yoo waan hojjadhuun Oromoof bu'aa buusuu hin dandeenne kanuma filadha. Gabayaa maraataa keessatti kan maraataa tahu kan nama nagayaa tahuu barbaaduu dha.

Egaa kana irraa wanni an argu diigama keenya keessa alagaan akka hin jirree fi itti gaafatamaan numa qabsaawota tahuu dha. Dhaaba keessatti dhibdee keenya furachuu dadhabnee yeroo waggaa 10 hin geenne keessatti dhaabni sadi dagaagu nama biraa komachuu hin dandeennu. QC, AWO fi jijjiirama irraa kaasee kanneen diina waliin hojjatan akka hin jirre namuu ni beeka. Osoo kun dhugaa tahee silaa kkuma 2000 keessa nutti himame J. Galaasaa fi Dhugaasaan Finfinnee jiru ture. Silaa Amaan Kadiir faan Caffee
Oromiyaa keessa jiraatu. Kanaaf akka natti mul'atutti rakkoo kana kan facaase qabsaawota Oromoo ti, kan dagaagses numa.


II. Haala ammaa kanaan itti fufnu balaan dhufu maali?

Akka amma argaa jirru kanatti itti fufnu Oromoo keessattti namni wal dhagahu ni hafa. Ummata qabsoo bilisummaa bifa nuti gaggeessinuu kana keessa dabree nilkaaye keessaa hayyuu hedduutu burqa. Generaalota lammiin itti abdatuu fi ajaja isaanii fudhatee nagummaa ummata isaa tiksuuf du'a irraa hin deebinetu mul'ata. Jaarmaya akka keenyaa dhibdeen xaxamee horofa keessa seenee hunduu keessa bahuu dadhabee waliin horofa dhiitu kana keessatti hunduu wal qixa tahee kan wal dhagahu dhabama. Ar'a kanneen kaleessa akka hooggan biyyoolessaatti ilaallu gosa gadi bu'anii hooggana gandaa tahanii jiru. Hedduun isaanii wareegamni isaanii dagatamee salphifamanii manaa bahuu hanga dadhaban gahan.

Haala amma mul'atutti osoo hin jaalatin daran gama gandaa wal dhiibaa jirra. Tarii ar'a namoota hanga tokkoo kan gandi isaa dhagahutu jiraata. Akka kanaan bakka gahuu waan hin dandeenneef garu boru gufuun tokko mudatuu fi sochiin qabsoo jaarmayootni adda addaa godhan kun gufatu hayyuu jedhamee kan namni tokko maatii isaa malee jala hin deemne mudachuu mala. Xiqqaatu ar'a Oromoo manguddoota gandaatiin walitti fiduu ni danda'a. Haalli kun itti fufi Oromoo miliyoona afurtamaa nama tokko tokkoon irraa deemuu mudanna. Kun ammaa waan hin taaneef nu hundi qe'ee wallaalummaan dhaalamee fi ummata diigamaa taanee hafna. Namootni hedduun dharaan kanneen umriin bubbulan yakku. Osoo dhaloota haarayaaf dabarsinee rakkoon hundi ni hafti jedhanii yaadu. Kun dhugaa tahuu mala. Haala amma jiru yoo ilaalle garuu balaan mooraa qabsoo keessatti dhoohe xiqqaa guddaa faalee jira. Namni tokko tokko Oromoo biyya alaa kana malee ummatni biyyaa nagaya qaba. Kanneen ala jiran "Kuulii" isaanii malee qabsoof homaa hin yaadanii irra dabarree biyyatti of ijaarra kan jedhanii of soban nan dhagaha. Akkuma barootaaf of sobaa jiraannetti of sobuu yoo itti fufuu barbaadne malee haalli biyya jirus kana irraa fagoo miti.

III. Kanaaf Furnaatni Maali?

Furmaatni Jiru tokko qofa. innis qabsaawota Oromoo gidduutti araara buusuu dha. Kanas godhuu kan danda'u namoota qubaan lakkaawamanii dha. Kanaaf ammoo isin caalaa namni furmaata argamsiisuu danda'u hin jiru. Akka an amma yaadutti dhaaba keessan, ykn akka namni hedduun jedhutti "shanee" hudhama kana keessa baaftanii humna taasisuu fi humna kaayyoo bilisummaa bakkaan gahu godhuu yaadan jedhee amana. Murratnoo keessanis hin shakku. Akka natti fakkaatutti garuu karaan salphaan humnoota Oromoo hunda tokko godhuu caalu hin jiru. Akeekni keessan kun bakka gahuuf kanneen ar'a gandaan akka waan mirga Oromootti hin amanneetti yakkaman, qabsaawotni dharaan maallaqa diinaatiin kaayyoo diinaa bakkaan gahuuf deeman jedhamanii moggeeffaman hundi hooggana tokkoo fi dhaaba tokko jalatti hanga hin deebi'initti humna tahanii as bahuun ni ulfaata.

Akka carraa seenaa tahee bu'ureessitoota ABO gadi dhaaban keessa namni ar'a itti gaafatama qabsoo guddaa irra jiruu fi hojii qabsoo dhuunfaa godhate isinii fi namoota qubaan lakkaawaman tarii 5 hin caalle qofa. Jaallan babbareedoon, goototaa fi hayyoota hedduu waliin baatan wayyabni isaanii ar'a wareegamanii jiru. Hawwiin isaanii fi dhaamsi isaan yeroo wareegaman dhaammatan hundi akka hangafaatti isin harka jirti. Akka hangafaa fi hambaa jaallan kaleessa dabaranii sanatti ba'aa kana dhalootaaf dabarsuun yeroo ar'aa isin irratti kufee jira. Umriinis tahuu baatu dirqama ar'a irra jirtan irraa qabsaawota kan isin caalaa hangafu hin jiru. Hangafti, ykn manguddoon araara buusa. Wal dhabbii lammii keessatti bakka ol'aanaa kan qabu lola sana injifachuu osoo hin taane nagaa lammiin hundi irraa baratuu fi itti waartu argamsiisuu dha. Kanaaf, jaallan wareegaman, kan ar'as wareegamaaf tarree hiriiranii fi saba Oromootiif jettanii mooraa qabsoo keessatti nagaa buusuu irratti akka hojjattan isin gaafadha. Kana fiixa baasuuf, kanneen ar'a jaarmayoota Oromoo adda addaa hoogganan, manguddoota golee Oromiyaa hundaa walitti dhufan,Abbootii Amantii fi hayyoota Oromoo walitti yaamuun dhibdeen kanaaf furmaata akka barbaadan godhuu barbaachisa. Nagaan qabsaawota Oromoo hunda walitti fayyisu kan dhalatuu dandahu garuu mataa [akka nama tokoo fi qaama hooggantaniitti] keessan irraa kaatanii ir'ina dabreef itti gaafatama fudhachuun akka hunduu garaa isaa banaa godhee ir'ina isaa amanee qaama furmaata of godhu karaa banuu qabdu. Kanaaf osoo ooltanii hin bullee nagaa lammiin barbaadu kana argamsiisuu irratti akka bobbaatan isin gaafadha.


Waaqni Oromoo isin haa gargaaru.

Lammii Oromoo barootaaf kabajaa saba isaa fi tokkummaa saba isaa hawwaa ture, yoggayyuu tokkummaa fi kabajaa sabaa dursu.

abbaa barruu kana barreesse qunnamuu yoo barbaaddan dhaamsaa fi yaada qabdan karaa shigido@gmail.com ergaa

7 comments:

  1. who is the writer? I asked because these years,in oromo politics "who wrote" is more influential than "what is written".The oromo politics has become more of supporting where people we like have marched than where we can deliver best service for our people...ajaa'iba gooytaati tunis. Rabbummaan nu haa gargaaru!Ana Wanni hedduu na dhibaa jiru garuu waanuma dhaabni ABO ka "shanee" dhan hoogganamu kun TOKKOOMA oromoo jibbuuf qofa!"Loon hormaataf hin jirre kormaatu mooraa galuu dida!" ta je'an san fakkaatti.Rabbi je'aa oromoo mala hin wallaalchisinaa,bitimaa as fi achi buttanii...Akeeka kalee ganama kudhaamamettiin nu guulaa yaa Shanee...yoo kaanii ummatni oromoo "okolee diddu,haaduu hin diddu!" ta je'an san isinitti fidaa !!!

    ReplyDelete
  2. Wanni nama aja'iibu warri arra sadarkaa gosaati fii gandatti gad deebine je'u kun osoo tarkaanfii diigumsaa hin fudhatin achi fageessanii laalu dadhabu isaniiti. Tarkaanifii 'Short sighted' taate tan isaan fudhataniin arra oromoon gandaan, kutaan, wal qoodaa jira. Bira Dabrees laalchi lammiin oromoo oromummaaf qabu efa warraysi jijiirama dhoohe kan duriin adda. Kana hunda maaltu fide? Noomta faggesse laalu hin dandeenye kan jarmayni ABO waan gosa takka qofaan dhaabatte tahee itti mul'ateetu fidde. Qobsaawota irrati namoota gasa isaanii duulchisun, gosaan waliif tumsuun, haala amma oromoon keessa jirtu gaddisiisa kana fidde.Warri haala fokkataa kana uume garuu nama kessa namnni waraqaa tana barreesse tokko tahuu an shakkii hin qabu. Laata hooganni dadhabbii yoo qabaate oromoon hundi irrati walii galee akka buusuu qabu maa hubatuu dadhaban. yoo dhuguma oromoof kan yaadan tahe maliif 'jijiirama' qaama je'u Oromoo nannoo takkaatin jaarun barbaachise. Rakkooleen arra uumaman kun akka uumamtu tilmaamuu maaltu isaan dhowwe? Thanks to our leaders from the rest of Oromia except those who tried to devide oromos from thier region are still considered our national leaders. Shame on the likes of Hassan Hussein, who is so short sighted he organized people of his region againest the organization.No worder the likes of him are reduced to tribal leaders.

    ReplyDelete
  3. Obbo Burraaqaa ! nagaan haa dursu. Yaadaa fi yaaddoon kee dhugaa fi fudhatmaadha. Yaada dhiheessite kanaaf ammoo furmaanni J. Daawud qofa bira hin jirtu. Akkuma yaada dhiheessite kanatti atis yaada kee kanaaf ofi qopheessuu fi kanneen waliin jirtullee amansiisuun waltajjii itti walitti dhufuun danda'amu tokko mijeessuuha.

    Galatoomi !

    Bartolaa

    ReplyDelete
  4. When you write using Afaan Oromoo ( Qubee) try to shorten your points unless you're writing a novel or a reasearch paper.

    It's an intimidating and ardous undertaking to read all this crap and understand what you're trying to say. I won't even waste my time on this.

    From your carefully selected pictures, it is obvious that you're a partisan hack in General Galchuu's camp and you did little to even show a semblance of balanced critique.

    Why is Daud to be blamed for the general incompetence of Oromos and their hesitation to immerse themselves in the struggle? You fight/operate with what you got and all Daud got is half-hearted so called fighters and operatives who shy away from ultimate sacrifice plus partisan hacks liek you who'd rather rally behind their village boy than simply forget the idea of gosaa/ region and rally behind whoever is in charge.

    Daud has done nothing to indicate that he is corrupt or ineffective. I'd say based on the support and commitment he got from the masses, he's actually doing pretty well. Blame yourselves, not the leaders.

    Most of you live in the west, how many of you have ever been to a shooting range to acquiant yourselves with modern weaponry? How many of you have ever sought what technological advances we can learn to throw TPLF off-balance? How many of you even think about sacrificing yourself for the completely misled and befuddled Oromo peasantry? I don't think we can find that many of us. MOST OF YOU ALL THE BEST YOU CAN THINK OF IS SENDING MONEY SO THAT ANOTHER OROMO BASTARD DIES FOR HIS COUNTRY. I HAVEN'T MET AN OROMO WHO'S WILLING TO LEARN THE TACTICS OF MODERN WARFARE WHILE LIVING HERE IN THE WEST FREELY and planning to go home someday and sacrifice himself in the process of wasting the enemies of Oromo. We need to lose ourselves completely like those then young Daud's Leencoo's Elemoo's Baaroo's and so many of them did. Today it is hard to find one Oromo in the West who even thinks about that. The other best he can think of is attending a concert by one of would-be sell-out "artists" and hope to find a mate/wife. We're in a state of complete apathy and only rethinking can save us.

    My advice, all you refugees, if you're so brave, so smart than Daud, ( what? your number is now probably in the 100,000's? you can manage to raise an army of 5000 or 5%) go get trained in modern weaponry, go back home and start your own revolution rather than blaming Daud or the Big-belly General. They did their part and let's do ours.

    I am a bit bitter about General but let bygones be bygones. He was once fighting Oromos but he's a lot to atone for and the way he is dividing Oromos is not the way to go. He should have shut up worked with Daud and if he didn't liek it, excuse himself and resign. You don't atone for your past sins by trying a "coup de'etat" againt the people you're trying to redeem yourself to.....General, Gorsa fudhadhu Cubbuun kee hedduu dha. Mataa gadi qabadhuu waa dandeessu hojjedhu. Polotikaan siif miti. Ati nama lolaa yoo taate akkamitti akka lolleee moonu nu gorsi. Waa'ee polotikaa warruma keessa turetti dhiisi.

    ReplyDelete
  5. I take your advice and will do all I can not bore you to death by reading a lengthy article. But what did you understood to write a half page response when in fact your boasted not to waste time on it?. Or are you someone who revolted against reason and convinced yourself your own stories proven to stand all facts. If you want to be constructive I think you should avoid patronizing those who have shown courage to speak their mind. After all I do not think know who did what in armed struggle.

    ReplyDelete
  6. I thought Shane was gone for good. Why waste the precious moment write about it? Those idiots has shooten themselves in the head.

    ReplyDelete
  7. Roobaa,

    Every bitter person blames th eleaders. Whatever happened to mass but personal sacrifice? ARe we personally preparing for the ultimate fight? Lead by example as those often criticized leaders are doing.

    ReplyDelete