Monday, August 17, 2009

Harreen nan haqadhatti keessa ishee mul'ifti; Haasaa Obboo Daud Ibsaa fuula 3ffaa.

Akkuma jalqaba jedhe, obboo Daud Ibsaa akka nama tokkootti qabsaawaa tahus humna kamuu hoogganuuf bilchinaa sammuu fi muratnoo murtii jajjabduu qabsoo saba Oromoo bakkaan gahuuf murteessoo tahan kennuu akka hin qabne dalagaan isaa ni dubbata. Nama yeroo dhaabni rakkoo keessa jirutti yaada burqisiisuu hin dandeenye, nama yeroo hundaa yaada namootaa qofaan raafamuu dha. Rakkoo mudateef furmataa barbaaduu irra erga gaaga'amni gahe booda namatti quba qabuu filata. Yeroo 2008 keessa rakkoon dhaaba keessa ture dhohuu gahetti hooggana barbaachisu kennuu irra, walgahiilee Gumii sabaa fi Shanee Gumii rakkoo kana irratti mari'ataa turan irratti dallaansuudhaan irra deddeebi'ee walgahii dhiitee bahuu irra dabree dhuma irra rakkoo jiru irraa ijaa fi gurra cufatee an kana booda hojjachuu hin danda'u, hanga nama bakka buufatanitti kan isin hoogganu Bultum Biyyoo ti jedhe harka maratee wajjiira isaatti galee. Erga adda bahuun mudatee rakkoo kana qabbaneessuu fi akkamitti sadarkaa kana irra akka gahame xiinxala sirrii godhuu fi itti gaafatama fudhachuun wal-dhabbii kana dhiphisuu fi faca'iinsa qabsaawotaa hambisuu irra itti gaafatama dheessuuf nama biroo yaakkuutti ka'e. Osoo fagoo hin deemin murna Shanee waliin hafe keessaa nama tokkotti quba qabuu eegale. Jaala tokko ammatti kan maqaa dhahuu hin barbaadne situu jara nurraa fotoqqe kana waliin shira hojjatee kufaatii kana irraan nu gahe jechuun walgahii irratti yakke. Waldhabbiin kun hedduu hammaattee sadarkaa fottoqa biroo uumuu erga dhihaate booda namootni biyya alaa irraa bimachuun araara isaa fi jaallawan isaa gar malee inni yakke gidduutti nagaa buusuu danda'an. Egaa kana irraa kan agarru hoogganni fuula/mataa/ Oromoo jennee hordofaa turre, dhibdee qabsoo Oromoo xaxee fala isii wallaalle, kan akka hiibboo nutti tahe kana nama furuuf dandeettii qabu osoo hin taane kanneen waliin hojjatu, kan fagoo hafu kanneen isatti aanan waliinuu waliif galuu nama hin dandeennee tahuu isaa ti. Gadaa isaa jalatti kan argine injifatnoo osoo hin taane diigamaa fi wareegama gar malee dangaa hin qabne qofa. Hoogganni isa dura ture hundi osoo rakkoon meeqa jiru humna keessatti cichanii, qabsaawota yaada garaa garaa qaban osoo hin facaasin gadaa isaanii fixan. Gaaga'amni fottoqa Qaama Cehumsaa fi sana booda dhaaba mudates kan madde ir'ina hoogganummaa fi rakkoo keessa furachuu irratti bulchina dhaba Hayyuu Duree yeroo sanaa ti. Hoogganni itti gaafatama dheessu, nama biraatiif fakkeenya tahee akka itti gaafatama fudhatan gochuu hin danda'u. Hoogganni dhugaa dubbachuu hin dandeenne kan isa hordofan dhugaa akka hordofan gochuu hin danda'u. Hoogganni dhugaa hin beekne, ummata isaatti kijibuun jiraatu amantii miseensota isaatii fi ummataas hin horatu. Egaa rakkoon jiru, Obboo Daud akka nama tokkootti olola irratti oofuu, jibba dhuunfaa isaaf qabaachuu osoo hin taane, dhimmi irratti haasofnu kan qabsoo Ummata Oromoo yoo tahe, ummata kana hoogganee salphina jalaa baasuuf dandeettii dhabuu dha. Hunda caalaa rakkoo kana kan daran xaxaa godhe kanneen isaan hoogganamanis, akka inni bayyanootaan waa hojjatu, kan isaaf gorsa kennuu fi bakka inni dogoggoretti isa qajeelchuu danda'an tahuu dhabuu isaa ti. Osoo kanneen isa waliin sadarkaa ol'aanutti hojjatan isa irra wayyaa tahanii rakkoon fotoqqiinsaa 2000 fi 2008 dhalate hin mudatu ture. Rakkoo dhaaba keessa ture irra caalaa akka xaxamu kan godhe kanneen isa waliin hojjatan murtii fi yaadni sadarkaa hundatti dhiheessan jallataa waan taheef hoogganni dhaabaa akka murna /team/ tokkootti waliin hojjachuu hin dandeenne danqaa uumuu isaa ti. Kanaaf egaa murni Shanee Gumii murna jaamaa wal masaku, kan murtiin isaan fudhatan, karoorri hojii isaan baasan dhiibbaa ykn gaaga'ama qabsoo saba Oromoo fi qabsaawota irraan gahuu malu hin beeknee dha. Fottoqni 2000 fi 2008 tahe murni kun osoo murni bal'isee ilaaluuf dandeetti qabu tahe hin mudatu ture. Kan nama dhibu gaaga'ama hanga ammaa ABO mudatee fi faca'iinsa qabsaawotaa irra deddeebi’anii mul’ataniif hanga ar’aatti hoogganni itti gaafatama fudhatu dhabamuu isaa ti. Akkuma kaleessa baratamee kan ar'as tahaa jiru, diigamni biraa akka dhalatu ilmaan Oromoo irratti duuluu dha.

9. Hoogganni Shanee Obboo Daudiin durfamu keessattu 2000 irraa kaasee qoodni qabsoo Oromoof laate yoo jiraate hamilee ummata Oromoo fi qabsaawotaa cabsuu qofa jechuun ni danda'ama. Kanaaf fakkeenya guddaan Fincila Diddaa Gabrummaa[FDG], bobbaalee Waraanaa bara 2002 fi 2006 keessa tahee dha.
A. FDG. Yeroo FDG jalqabamu ABOn biyya keessa caasaa Tikaa/intelligence/ fi Siyaasaa akkasuma qaamni sochii baratootaa kana hoogganu hin ture. Waraqaa irratti maqaa ABO jiraachisuu qofaaf osoo sochii kana irraa maal akka eegan, sochiin kun gufatu maaltuu itti aanaa fi ummata Oromoo irratti gaaga'amni inni geessuu malu osoo hin beekkamin SBOn boru irraa kaaftanii fincila diddaa gabrummaa eegalaa jedhanii labsan.Kana booda ajaja badii kana irraa kan oomishame injifatnoo osoo hin taane hammeenyi daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irratti babal'atu qofa tahe. Ilmaan Oromoo abdii qabsoo kanaa fi fuul duree Oromiyaa tahan diinaan akka baalaa mukaa akka harca'an, mana hidhaatti akka kumaatamaan guuramanii fi mana barnootaa hunda keessaa qulqulleeffamnii dukkana keessaa bahuu hin dandeenye keessatti kufan taasifame. Kanneen lubbuun hafanii biyya ollaatti akka bahan qajeelfamni itti kenname Kaampii Baqataatti akka busee fi dhukkubaan harca'an murtiin jallataan hooggana kanaan itti dabre. Humna waraanaatti dabalamanii gumaa jaallan isaanii akka hin baafannee fi ummata isaaniif hin falmanne hooggana isaan simatee qooda isaan kennisiisu dhabanii akka qoma dhiibanii harka duwwaa diina hanga funyaaniitti hidhate dura hin dhaabbatin, salphina gonfatanii mataa gadi qabatanii diiina baqataniitti deebi'anii akka harka kennatan tahan.
B. Bobbaa waraanaa 2002 keessa karaa Godina Dhihaatiin godhame. Humna diinaa keessaa kanneen harka kennatan, mana barumsaa sadarkaa olii keessatti kanneen fincila diddaa gabrummaa gaggeessaa turanii fi baqattoota biyya ollaa gara garaa keessaa kanneen dirree qabsoo seenuu barbaadan irraa walitti dhufan leenjii waraanaa fi siyaasaa erga raawwatan booda biyya akka seenaniif bobbaaf qopheeffaman. Humni kun dirree leenjiitti bakka hoogganni tokko keessa hin jirretti rakkoo bulchiinsaa fi jireenyaa keessa warra qaxxaamure. Osoo biyya keessatti caasaan humna kana hammatu hin diriirfamin, karaan irra dabran sirriitti hin qorataminii fi karoorri dura lafa kaayame gufatu tarkaanfiin itti aanu maal tahuu akka qabu hin akeekamin humni kun bobbaafama. Kaaba irraa xayyaaratti fe'amanii bakka itti bu'an yeroo gahanitti kan isaan eege jaallan isaanii isaan simatee gara biyyaatti isaan qaxxaamursu osoo hin tahin Komaandoo Hoomaa waraana TPLF ture. Haala of ittisuu hin dandeenye keessatti, akka nama harki lamaan duubatti hidhamee reebamuu/tumamuutti rasaasa diinatiin waadamanii akka baala mukaa afaman. Kan kana irraa hafe biyya seenuu danda'e carraan isa mudate kanaan ala hin turre. Kan dhumaatii irra hafe TV Ethiopia irratti akka gootota loltuu bilisummaa osoo hin tahin akka hattuutti dhiheeffamuun lammiin Oromoo hundi akka hamileen daakamuu fi mootummaa TPLF falmuuf murtii fudhachuu dura lammiin Oromoo akka of duuba deebi'ee yaaduu fi sodaan akka dhaalamu haala aanjesse.

C. 2006 keessa wanni tahe kanaan alaa miti. Humna guddaa leenjii gahaa fudhate karaa Somaaleetiin biyya seensisuu shaneen murtii fudhate. Kan isaan yaaduu hin danda'in akkamiin waraana kana Oromiyaan akka gahanii dha. Akkuma humni kun Moqaadishoo gaheen TPLF dhageetti. Kana booda osoo murni shanee tarkaanfii fudhatu yaadu, osoo isaan murtii tokko irra hin gahin humni TPLF Moqaadishoo dhuunfate. Hanga ammaatti Shaneen mala humna kana xaxama kana keessaa baasu, baasuun dahdabamu humnoota Somaalee keessa socho'an keessaa tokkotti makamee xinnaatee xinnaatu lolee kabajaan akka du'a ajaja kennuu hin dandeenne. Kana booda qunnantiin Shanee Asmaraa fi humna kana gidduu ture ni cite. Ijoolleen naannoo sana turan, humna kana dandamachiisuuf Oromootaa fi Somaalota Oromoo deeggaran birratti qoqqooduu danda'anis gaaga'ama guddaa ilmaan Oromoo kana mudatuuf deemu oolchuu hin dandeenne. Kana booda kan tahe murruqii/massacre/ ture. Humna shiftaa Moqaadhishoo keessa socho'u Wayyaaneen ajaja itti kennituu fi humna wayyaaneetiin ganda keessaa tokko tokkoon funaanamanii rasaasan tumaman. Kan hafan maatiin isaanii fi shanee illeen kan argan TV Ethiopia irratti ture. Kanneen TV irratti mul'ifaman kana keessa hoogganni dhaabaa ol'aanaan kan keessatti argamu yommuu tahu diingdeen/maallaqni callaan diinaan dhuunfatames guddaa ture.

Haalli balaan deddeebi’ee mudate kun uume Oromoon akka hooggana kana irraa abdii kutatu, gabroomfataa Tigree humnaa dura dhaabbachuun humna isaanii ol akka tahe soda babalsuu dha. Bara irra baratti ilmaan qotee bulaa saba isaanitiif falmuuf mana bahan bakka tokko gahuu dadhabuun, osoo hin dhukaasin deebi'anii mana hidhaatti argamuun Oromoo hundatti dachii golgoleesse, mala dhabsiise. Hanga ammaatti gaaga'ama irra deddeebi'ee mudataa ture kanaaf murni Shanee itti gaafatama hin fudhane, fuula duras gaaga'amni akkanaa akka hin mudanne ir'inni ture maal akka tahe xiinxalanii hin barre. Dhumaatiin lubbuu, gaaga'amni qabeenya ilmaan Oromoo irra gahee fi qaanyiin ilmaan Oromoo keessatti kufan murna kanaaf tasumaa hin galu.

10. Haasaa obboo Daud miseensotaa fi ummataa f godhaa turan keessaa ummatni Oromoo irra deebi'ee bilchinaan irratti mari’atuu qaba. Irra deddeebinee kan isaan irraa dhageenne, hoogganummaa isaanii jalatti shira murni jijjiiramaa hoogganaa fi ABO dhabamsiisuuf godhaa ture injifatnoon akka irra aanan, deebisanii caasaa dhaaba isaanii biyya keessaa fi alatti ummataa fi waraana keessatti diriirsuu isaanii ti. Kana malees jaarmayoota akka ONLF fi kanneen biroo akeeka walfakkaatu qaban waliin hojjachuuf socho'aa akka jiran, mootummaan Eritrea akka bakka bu'aa ABOtti akka isaan beekuu fi fuul-dureen jaarmaya isaanii fi qabsoo saba Oromoos akka ifaa tahee dha. Kan gaafatamuu qabuu fi kabajamaa Obboo Daud Ibsaa deebisuun irra jiru garuu, jaarmaya fi hoogganni waraana bobbaasee ganna 30 keessa lafa takka hin dhuunfatin, kan bara irraa baratti Oromoo walitti fiduu irra addaan diigu, kan miseensota haaraya horachuu osoo hin taane kan qabaachaa ture facaasu, hoogganni diinna hinikkaa dhiisee bara hunda Oromoo "xabala" diinummaa itti facaasuun balaaleffatu ummatni Oromoo akkamitti akka abdatuu fi jala hiriiruu danda'uu dha. Fottoqiinsa 2000 booda kan dhageenne waanuma wal-fakkaatuu ture. Murna Galaasaa Dilbootiin hoogganamu akka injifatan, Caasaa dhaabaa murni isaan yeroo sanatti "booddessaa" jedhaniin booresse deebisanii akka ijaaran fi ABO rirma keessa irraa qulqullaa’uu ture kan dhagahame. Waggaa sagal booda bakkuma sana jaarmayaa jiru, jaarmayaan waan fuula duraa irratti bifa amansiisaan haasa'uu hin dandeenne Oromoon akka abdatu carraaquun tuffii saba Oromoof obboo Daudiif murni isaanii qaban kan calaqqisuu dha. Waggaa 10 booda hariiroo gaarii mootummaa Eritrea waliin qabnaa fi bara irra baratti humnoota akeeka nu fakkaatan qaban waliin qabsoo hidhannoo qindeeffachuuf deemna yaadni jedhu tapha ijoollee fakkaata. Kan armaan dura godhuu hin dandeenye akkamitti godhu. Kana isaanis waan beekan hin fakkaatu. Gama biraatiin hariiroon isaan mootummaa firaa kana waliin qabna jedhan dhugaa irraa kan maqe akka tahe yaadachiisuun barbaachisaa dha. Warri Eritrea qabsoo keenyaaf mararfannoo qabaatanis murni shaneen hoogganamu jijjiirama tokko akka hin fidne tolchanii beeku. Jalqaba uumama waldhabbii 2008 booda qondaalli mootummaa Eritrea waan Obboo Daud Ibsaan jedhe kaasuun barbaachisaa tahee mul'ata, obboo Daud waan hin yaadanneef. Waajjira mootummaa Eritrea-tti yaamamnii rakkoo jiru akka ibsanii fi furmaata argamsiisuu irratti akkamitti akka waliin hojjachuun danda'amu yaada isaanii gaafataman. Mataan shaneen yakka warra irra bahe irratti A-Z tarreessuun dhihaatan. Yaadni gama mootummaa firaa irraa dhufe garuu kan isaanitti bishaan diilallaa’aa naqu ture. jechi jedhame " waan isin tarreessitan kanaa ol murni keessan murni qabsoo tana tarkaanfii tokko fuula dura deemsiisuu hin dandeenne akka tahe tolchinee hubanna. Kan hanga ammaa itti rakkanne Shanee gumii osoo hin taane mataa kee qofa. Kanaaf yaada kana dhiiftee murna jijjiiramaa amma achi bahe waliin akka dalagdu si gaafanna" jedhaniin.Obboo Daud's jaallan isaan waliin bahanii irraa dhokatee yaada kana fudhatee jijjiiramatti dabalamuuf dhoksaan mari'ataa/negotiate/ akka ture haaluu hin danda'an.

11. Qabxiin dhuma irratti kaasuu barbaadu haasaa obboo Daud keessatti hooggana keessaa wayyabni isaan waliin jiraachuu fi humna WBO Zoonii Kibbaa kanneen ajajaa turan keessaa nama tokko [Abdataa Baasaree] irraa kan hafe ammas ajaja isaan irraa fudhachaa jiraachuu dha. Jechii hoogganni wayyabni nu waliin bahe jedhu gonkumaa dhugaa miti. Hoogganni wal-qixa gargar bahe jechuun ni danda'a. Waldhabbii dura miseensotni Gumii sabaa guutuun /jijjiiramoo osoo hin dabalamin/ 29 turan. Kana keessa 14 murna obboo Daud hooggananitti yemmuu fincilan kan hafe isaan waliin hafan. Kan isaan waliin hafan jedhamn keessaa namni lama wareegamanii tokko ammaa akka isaanis tahe murna kamuu waliin hin dhaabbannee fi walgahii isaanii irrattis akka hin argamne ifatti kan hubachiise tahuu ifatti kan beekkamuu dha. Kanneen amma lubbuun hin jirre keessaa Jaal Laggasaa Wagii waldhabbii ture irratti kan ijjannoo hin fudhatinii fi Obboo Daud Ibsaas tahe J/ Kamaal Galchuu hanga wareegamutti qunnamaa ture.
Waa'ee ajajoota Zoonii Kibbaa irratti falmiin guddaan hin jiru. Garuu gaaffii guddaatu jira. Erga hoogganoota WBO nama torba keessaa nama 6 gama isaanii gore, humna isaan hoogganaa turan akkamitti namni tokko qofaan dhuunfate?. Dhugaan jiru ajajootni isaan jedhan hundi kanneen Shanee fi WBO gidduu taa'uun maallaqa sabboontotni biyya alaa jiraatan gumaachaniin jireenya isaanii gaggeessuu malee WBO quba hin qabne. Humna WBO fincilsiisee Jijjiirama jala akka galan kan godhe, dhaaba keessatti hoogganni waraana duulchisu, lolee lolchiisuu danda'u jiraachuu dhabuu irraa kan ka'e hooggana ture irraa abdii dhabuu dha. Akkuma kanneen isaan ajajuu /Murna Shane/ kanneen isaan hooggana Zoonii Kibbaa jedhaniin kun warra nyaatuu qofaaf jiraatuu dha. Shanee Zoonii kibbaa keessattis kan hoongesse dhugaa kana.

Barruu armaa olii kana irra wanni hubatnu hoogganni Shanee dirqama seenaa baadhachuuf dandeettii kan hin qabnee fi itti gaafatamas fudhachuuf qophii tahuu dhabuu isaanii ti.Ilmi namaa jireenya dhuunfaa keessattis tahee jaarmya keessatti kan madaalamuun jijjiirame agarsiiseen qofa. Jiraachuu fi bakkuma kaleessa turanitti ar’as aduun namatti dhihuun madaala hin kaasu. Hunda caalaa hoogganni tokko kan inni madaalamuun ummata nan qabsaawaaf jedhe onnachiisuun of jala hiriirsee kaayyoo ka’eef sana sadarkaa tokko irra sadarkaa biraatti ceesisuudha. Hooggana tokko kan madaalchisu badii dalagame irraa baratee kan fuula dura mudatan oolchuuf qophii qabaatuu dha. Hanga ammaa murna shanee irraa kana hin agarru, fuula duras tahuuf hin deemu.
Waldhabbiin ABO keessatti dhalates jibbaa dhuunfaa qabsaawota giddutti dagaage ykn murni tokko Oromoo dhimmee kaan ammoo faallaa dantaa Oromoo hojjatee osoo hin taane ummata Oromoo hoogganuuf gahummaa dhabuu murna Shanee Obbo Daud Ibsaatiin hoogganamuu dha. Baroota dheeraaf tokkummaa qabsaawotaa fi nagummaa dhaabaa tiksuuf obsaan jijjiirama fiduu fi ABO jaarmaya cimaa taasisuuf hojiin hojjatamaa ture fashalee sadarkaa ar'a irra jirruun kan nu gahe itti gaafatma seenaa badhachuu dadhabuu murna shanee ti. Hunda caalaa abdii kutachiisaa kan ture, mataan murna kanaa dhabiinsa qurcamuu hin dandeenneen sakaalamuu qofa osoo hin taane kan isa marsanii jiran, ABO dhabama irraa oolchuu yaada ijaaraa tahe gumaachuu dadhabuu isaanii ti. Inumaa Obboo Daud akka hooggana Dhaabaatti rakkoo keessaa bahuu hin dandeenye keessa akka lixu kan isa godhe gorsa jallataa faallaa fedhii dhaabaa fi yaada diigaa tahe kanneen isaa waliin sadarkaa ol’aanatti dhaaba taligaa turan maddee dha. Kanaaf murna hooggana hin qabne, akka qaama tokkootti hojjachuun rakkoo qabsoon Oromoo mudatteef furmaata akeekuu hin dandeenne irraa bilisummaa eeggatuun biddeena abjuun nyaatan taha. Bilisummaan Oromoo kabajaa nam-tokkee, murnaa fi jaarmayaa kamuu oli. Kanaaf bara hunda ololli dharaa gurra nu duuchee, dallaa hin jirre Oromoo gidduutti ijaaruun diinummaa hin jirre nu gidduutti dagaagsuu hin qabu. Ir’ina hoogganaatinis qabsoon Oromoo sakaalamuu fi qabsaawotni kaayyoo tokko bakkaan gahuuf akeeka qaban wal facaasuu hin qaban. Waadaan hooggana Shanee irraa bara dheeraaf nuuf seenamaa ture itti baani/result/isaa duwwaa dha. Murna shanee tokko tokko hin caalleef jecha wal dura dhaabbachuun qabsaawotaa akka nama dhadhaa baasuuf dhama raasuu ti. Duwwaa irraa bilisummaa ummatni Oromoo hin eeggatu. Tokkon tokkoon keenyas eeggachuu hin qabnu.

Kanaaf, maqaa hin taane walii kennuu irra sammuu walabaatiin dhugaa jirtu haa xiinxalluu. Ijjannaa dursinee fudhanne irra dhaabbannee wal yakkuu irra dhugaa jiru wal bira qabuun murtii Oromoof tolu fudhannee qabsoo saba Oromoo haa finiinsinuu.

Dhuma irratti ammoo irra deebi'e dubbiftootni koo akka naaf hubatan kan barbaadu, wareegama bilisummaa sabaaf jecha Obboo Daud Ibsaa fi kanneen ar'a akka "shanee Gumiitti" an maqaa tuqe baasaa turanii fi baasaa jiraniif kabajaa guddaa akka qabuu dha. Seenaa dabre irra deebi'ee akka qotu kan na godhe, wareegamni isaanii fi sabni Oromoo baase, baasaa jiruu fi bilisummaa isaa hanga gonfatutti baasuuf deemu akka firii godhatuuf malee eenyuyyuu madeessuuf akka hin tahin akka naaf hubatamu fedha. Akka amantii kiyyaatti dadhabbiin hooggana "shanees" tahe ilmaan Oromoo kanneen saba isaanitiif jecha bu’aa ba’ii mudatan hundaa tiksuun dirqamaa fi kabajaa lammii Oromoo Oromummaan boonuu hundaa tahuu qaba. Kan goota isaa f kabajaan hin qabnee alagaan dhaalame jedhu. Akka yaada kiyyaatti qabsaawotni as keessatti maqaa isaanii dhahe ykn tuqee fi jechaan akeeke hundi gootota keenya. Nu hundi akka sabaatti kabajaa uumamaa qabnu kan gonfachuu dandeenyu bilisummaa qofaani. Bilisummaa hundi keenya waliin hawwinu garuu hooggana kana jalatti argamuu akka hin dandeenne hubatnoo cimaa natti buletu barruu kanaaf na kakaase.

Hundi keessan Na hofkalchaa.

ABOn bara baraan haa jiraatu!

Tokkummaan Oromoo haa lalisu!


Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

1 comment:

  1. no more shane silmmii ommataa oromoo xuxxee waggaa dhibbaa akka habashaatii

    ReplyDelete