Sunday, August 16, 2009

Harreen nan haqadhatti keessa ishee mul'ifti jedhu?. Haasaa Obboo Daud Ibsaa Fuula 2ffaa.

Hunda dura wareegama Obboo Daud Ibsaa fi kanneen ar'a mursa isaa keessa jiraniif akka kabajuu qabu dubbiftootni barruu kanaa akka hubatan barbaada. Barruu ar'aa keessatti haasaa obboo Daud ilaalchisee dhugaa haasaa kana keessatti jallate dhugaan qajeelchuu yaala. Akka armaa gaditti na hordofaa.

Haasaa obboo Daud godhe irraa wanni barru gonkumaa siyaasaan akka harkaa badde, ummata Oromoo hoogganuuf dandeettii takka illee akka hin qabnee bifa shakkii hin qabneen ifa godha. Kun seenaa Obboo Duad fi dhaaba kana keessatti erga aangoo dhuunfatee ir'ina bulchiinsaa dhabuu irraa gaaga'ama inni dhaaba kanaa fi ummata Oromoo irraan gahee fi gahaa jiru ilaaluu nu dirqa.

1. Obboo Daud ibsaa 1981 summii diinaa nyaatee mana hidhaa seenee. Gaafa harka diinaatti kufu ajajaa saglii nama ture. Bulchina sammuu fi amala hoogganummaa akka hin qabne kan agarsiise mana hidhaa kana keessatti ture. kanneen mana hidhaa waliin jiraataniin akkaata nyaata itti qopheessan fi waliif hiran irratti mariin godhamee murna nyaataa maqros jedhamu akka dursu godhame. hojiin isaa nyaata dabareen akka godhan qindeessuu fi ofiifis hojii kana keessaa qooda fudhatuu ture. Filamee osoo xinnoo hin turin ofiif hojachuu diduu fi nama hojjachiisuu diduu irraa kan ka'e bakka sana irraa buufame. Kana akka aangoo guddaatti ilaaluun akka ijoollee daa'ima harma afaanii fuudhaniitti hiqqifatee akka boo'e kanneen waliin turan ni dubbatu. Kun keessi isaa jeeqamaa akka tahe sadarkaa hundaatti aangoof akkam akka bololaa tahe ragaa jalqabaa ti.

2. Ilmaan Oromoo oromoo hedduun WBO 1992 keessa akka diigametti hubata. dhugaan jiru garuu kanaa miti. 1989 Daud Ibsaa akkuma mana hidhaa tii baheen osoo muuxannoo lolaa takka hin qabaatin jila qabsaawotaa fi Kora sabaa 1989 godina bahaatti tahe irratti miseensa waajjira siyaasaa fi ajajaa WBO godhame. Namni kun waggaa tokkoof osoo waraana keessa hin turin hooggana ol'aanaa fi ajajaa WBO tahee filamuun ABO keessatti namootni akka dandeettiin hin filamne nama hubachiisa. Egaa Daud Ibsaa 1989 akkuma ajajaa Waraanaa taheen humna diiguu eegale. Ajaja godina dhihaa guututti harkatti galfatee kanneen baroota dheeraa inni mana hidhaa keessa turetti humna WBO godina sanatti gad-dhaaban hundaa ukkaamsuun ogummaa osoo hin qabaatin daangaa Suudan taa'ee humna kallattiin ajajuu eegale. Ajajootni WBO sagalee dhabuu irraa kanneen jajjaboo turan abdii kutatuun waraanni karaan banamee fi guddataa ture akka diigamu karaa bane. Haaluma kanaan ajajoota Waraanaa Godina dhihaa godhina godhan diinatti akka harka kennatanii qabsoo keessa bahan godhe. Ajajaan Simee jedhamee beekkamu kan Waraana keessatti gootummaan beekkame tarkaanfii Du'aa Daud irratti Dabarse baqatee humna barootaaf ijaaree onnachiise dhiisee naannoon itti dhalate Salaaletti deebi'e. Kanneen naannoo sana beekkan namoota humna Badhaadhaa Naannoo giddu galeessaatti humna godhe nama Simee jedhamu kana ture. Kan biraa nama miseensa Koree Gidduu ABO ture kan hoogganni murtii Du'aa itti muree 1991 TPLf yeroo biyya galtu harka kennate, jireenya jibbee nama of Ajeessee dha. Isa malee itti aanaa ajajaa Jajjabee kan ture gochaa diiggaa murna kanaatiin diinatti harka kennee humna keenya naannoo dhihaatti dura dhaabbataa ture. Ajajootaa fi miseensotni haala fakkaataan abdii kutatanii diina lolaa turanitti harka kennan lakkaawamanii hin dhuman.

3. 1991 Daud Ibsaa itti gaafatamaa Tikaa/intelligence/ godhamee ramadame. Dirqamni isaa haala diinaa jala bu'ee nagummaan hooggana dhaabaa fi miseensota dhaabaa akkaataa itti tikfamu godhuudha. Kana irra dabree haala humni keenya, ummatni keenya keessa jiru odeessa walitti qabamu irratti xiinxala gochuun haala qabsoon Ummata Oromoo diina injifachuu itti dandeettu karoorsuu ture. Wanni tahe faallaa kanaa ti. Guututti humna keessaa bahee Finfinnee-tti galuun osoo chaartara keessaa hin bahinii fi Wayyaaneen walitti bu'uu hin eegalin humna naannoo dhihaa qubatu rakkoo keessaa fi hulluuqxee seentota/ enemy infiltrators/ akka diigamu tahe. Ajajootaa waraanaa fi hooggana gidduu qunnamtiin cituu fi humni loluu fi ajajootni waraana irraa adda bahuun babal'ate. Yeroo waraanni mooraa ture ajajoota waraanaa fi hoogganootni humna dhiisanii magaalaa keessa yoo jiraatan humna ajaja malee hafe. Humna kana leenjisuun hidhannoo isaa guutuun gonkumaa irraanfatamee sadarkaa osoo qabeenyaa fi maallaqni jiru humna silaa lolaaf eeggamu waan nyaataa fi uffata dhabee sadarkaa miila qullaa adeemuu gahe. Egaa humni TPLF itti duulte humna haala akkanaatiin diigame ture jechuu dha. Kana irraa kan hubannu Daud akka nama tokkootti qabsoo kanaaf wareegama baasus dandeetti humna duulchisuu fi Oromoo ijaaruu akka hin qabne nama hubachiisa.

4. Haasaa Teleconference deggartootaa fi miseensotaaf godhe irratti Nation media asiin dura WBO bara hooggana isaanii jala turetti sochii hedduu akka godhe, keessattu bakka isaan jiranitti lolli guddaan xayyaaraa fi Taankiin deeggarame akka tahee Median Nation jedhamu oduu kana dabarsuu akka dide himan. Kun dhugaan kan wal hin argine, yeroo sanatti sakkattaan diinaa turus lola sana akka irraa baqatan kallattiin diinaan rasaasa tokko akka walitti hin dhukaasin dhugaa namuu haaluu hin dandeenyee fi jaallan amma naannoo sana jiran kan ragaa tahanii dha. Dhugaan jirtu akkuma dura jedhe Daud Ibsaa kan waraanaa fi lolaan wal hin beekne tahuu isaa ti. Bara 2000 keessa yeroo fotoqni murna QC mudate Asmaraa irraa naannoo kibbaatti argamuun akka humna jajjabeessu gaafatamee Nairobi gahee humna bira gahuu sodaachuun haala jeeqamni jiru keessatti ajajoota humna keessaa Nairobi-tti yaamee dubbisaa ture. 2004-2005 yeroo korri tahu humna biratti nama waraana leellisu fakkaatuuf Uniform Waraanaa uffatee naanna'aa ture. Yeroo Korri dhumatee Hayyu Duree jedhamu renjarii waraanaa of irraa baasee suufatti deebi'e.

5. Hoogganummaa fi adeemsi Daud Ibsaa fi murna isaa irraa kan oomishamu guddina qabsoo, ijaarsa WBO fi tokkummaa ummata keenya osoo taane daaraa qofa/ a legacy of ashes/. Ijaarsa ummata biyya keessatti deemaa ture guututti dhuunfatee saayinsii jaarmaya ummataa osoo hin hordofin akka abjuu isaatti nama gaggeessaa ture. Hunda caalaa ammala farra qabsoo Obboo Daud hordofan keessa inni hamaan hojii hunda namatti qooduu diduun ofii dhuunfachuu, bakka sochiin dhaabaa gaggeeffamaa ture hundatti jaarmaya dhaabaa osoo hin taane namoota hariiroo addaa waliin qaban qofa irratti irkachuu isaanii ti. Hunda caalaa kan inni amanu ijoollee naannoo isaa qofa tahuu irraa kan ka'e gaaga'amni kana hin jedhamne ummataa biyyaa irra gahe. Fakkeenyaaf, ilaalchuma nama naannootti amanuu kana irraa kan ka'e nama Guutaa jedhamu, kan diinaa fi ABO-fis hojjataa turetti jaarmaya ummataa naannoo Wallaggaa fi giddu galeessaa/shawaa/ irratti itti gaafatamaa gochuun guututti jaarmayaan kun diinaaf saaxilamee lubbuun Oromoota hedduu gar-malee akka qisaasamtuu fi dhibboota hedduun akka mana hidhaatti guuraman taasifame. Gaaga'ama haalli kun uume irraa hanga ammaatti deebisanii ummata ijaaruu rakkoo guddaa tahe.

6. Haasaa ar'aa kana irratti wal dhabbii isaanii fi qaama jijjiiramaa gidduu jiru furuuf hedduu akka tattaafatan fi karaa mootummaa Eritreatiin gaaffii araaraa dhihaate murni Jijjiiramaa akka dide dubbatan. Kun soba qaanessaa fi nama sadarkaa kanaa irraa kan hin eeggamne, akkasumas kan dhugaa jiruun wal hin beeknee dha. Akkuma jedhame mootummaan firaa qaama wal dhabe kana lameen giddutti araarsuuf hedduu tattaafatan.

A. Jalqaba yeroo rakkoon dhalate, tattaaffii J/Kamaal Galchuu Seeraan ala Ajaja Waraanaa irraa buusuuf walgahii murni shanee yaame mootummaan Eritrea kun akka ABO booressu, yaadni kun akka walgahii irratti hin dhihaanne akka gorsaatti yaada isaanii Daud Ibsaatti dhiheessan. Haasaa kanatti quufuu fi haala waldhabbii keessaa babal'isu akka hin fudhanne, seeraan ala J/Kamaal Galchuu Komaandii Waraanaa irraa buusuu yaada jedhu walgahiif akka hin dhiheessine warra firaa kanaaf waadaa seene. Waadaa seene diigee J/Kamaal seeraan ala mulquuf walgahii yaamee, Gumiin Sabaa yeroo harkatti didu mufatee walgahii dhiitee bahuun dirqama irraa akka bu'u iyyannoo galfate. Haaluma kanaan Bultum biyyoo haga korri guddaan yaamamuu akka isaan bakka bu'amu yaada dhiheessee walgahii kana facaase. Erga waldhabbiin kun dhalate boodas mootummaan firaa kun akka murna lameenuu walitti fiduu barbaadu Obboo Daud fi J/ Kamaalitti yaada isaa dhiheesse. Murni lachuu yaada kana fudhatanii jaallan isaanitiin gahanii akka isaanitti deebi'an waadaa waliif galamee adda bahan. Daud Ibsaa osoo hin turin hoogganni shanee araara dide yaada jedhuun mootummaa firaatti deebi'e. Tattaaffin mootummaan kun godhes fashale. Haaluma fakkaataadhaan bu'ureessitoota dhaaba kanaa keessa jalqaba irraa kaasanii haalli kun akka furamu tattaaffii godhaa turan. Osoo murni kun lameen adda hin bahin manguddoon biyya alaa jiraatuu fi bu'ureessaa dhaaba kanaa tahe, oduu fi ololli diigaan hedduun miseensota dhaabaa gidduutti akka deemaa jiru, kun yoo hin dhaabbatin gaaga'ama waan fiduuf akka rakkoon kun karaa nagayaatiin furamu barruub gaafate. Deebiin hooggana shanee irraa kenname gonkumaa dhaaba keessa rakkoon tokko akka hin jirree fi kanneen dhaaba kana jaalatan hundi akka hin yaaddofne barruun deebii kenne. Eegaa akka obboo Daud Haasayan nagummaa dhaaba, miseensota Oromoo fi ummata Oromoo tiksuufii araara buusuuf takkaa akka yaada hin qabne nama agarsiisa.

7. Haasaa ar'a Teleconfrence mataan Shanee godhe keessatti Videon WBO NTV darbe ummata Oromoo diiguu fi hamilee cabsuun kan godhame jedhu. Maaliif ykn akkamitti Oromoo diiga?. Kun kan nama jijjiirama deeggaru qofa osoo hin taane deeggaraa isaanii nama Esqi'el jedhamu maalache ture. Videon kun an akka waan gaariitti fudhadha, akkamitti Oromoo diiga jettan jedhee gaafate. Egaa ilaalcha kana irraa kan agarru Obboo Daud dhimmi Oromoo addunyaa irratti dhagahamuu fi ummatni Oromoo sochii WBO dhabee hamileen caphee oduu kanaan gammaduun diiggaa dha. Sababni isaa akka ilaalcha nama kanaatti murna isaan hooggananiin hojiin hin taane hundi diiggaa dha. Ummata Oromoo hojiidhaan abdachiisuu waan dadhabaniif, qabsoo Oromoo harka isaaniitti kufte lammii Oromoo biroo ol-kaasuuf ummata ijaruu fi loluufis akka mirga hin qabneetti amanuu agarsiisa. Kun akkuma mammaaksi jedhu "ani du'u marga hin biqilin" fakkaata.Gama birootiin qaanyii tokko malee Videon WBO NTV irratti mul'ate gochaa diinaa ti osoo jedhu gama isaanitiin humna qaban NTV dhaqee ilaaluu akka dide dubbatame. Yaadni kun wal-dhahuu dha. Videon kun ummata naannoo sanaa diinaaf saaxila jedhama taanaan humna isaan nan ajaja jedhu sana kaasuun maaliif barbaachise? Gaaffii kana dubbiftootaaf dhiisa. Kanuma waliin sochii murni jijjiiramaa godhaaq jiru keessaa diiggaa jedhamee kan dhihaate tattaaffii jaarmayota/qabsaawota/ Oromoo walitti fiduuf godhaa turee dha. Kun maaliif akka Oromoo diigu dubbataaf malee kan dhagahuuf kan galu natti hin fakkaatu. Daran kan hubannu, Obboo Daud fi murni isaan hooggananis tokkummaa Oromoo irraa akka fedhee hin qabne dantaa sabaa irra kan mataa isaanii qofa akka leellisan tahuu isaa ti. Raajiin guddaan murni isaan ajajan jaarmayoota biroo waliin walii galtee uumuuf akka carraaqan osoo dubbatan, qabsaawota bakka murni isaanii hin jirretti walitti dhufuun maaliif yakka tahe.

8. Akkuma jalqaba jedhe, obboo Daud Ibsaa akka nama tokkootti qabsaawaa tahus humna kamuu hoogganuuf bilchinaa sammuu fi muratnoo murtii jajjabduu akka hin qabne dalagaan isaa ni dubbata. Nama yeroo dhaabni rakkoo keessa jrutti yaada burqisiisuu hin dandeenye, nama yeroo hundaa yaada namootaa qofaan raafamuu dha. Gadaa isaa jalatti kan aqrgine injifatnoo osoo hin taane diigamaa fi wareegama gar malee dangaa hin qabne qofa. Hoogganni isa dure ture osoo rakkoon nmeeqa jiru humna keessatti cichanii, qabsaawota yaada garaa garaa qaban osoo hin facaasin gadaa isaanii fixan. Gaaga'amni fottoqa Qaama Cehumsaa fi duuba irra dhalates ir'ina hoogganummaa fi rakkoo keessa furachuu irratti bulchina dhaba Hayyuu Duree yeroo sanaa ti.

itti fufa

No comments:

Post a Comment