Wednesday, August 5, 2009

Shaneen Video WBO Maaliif Arguu Jibbite?

Gara biyya America dhufuu mataa Shanee fi Kora Atlanta irraa Oromoo kan eegaa ture, waldhabbii mooraa qabsoo keessatti dhalateef furmaatni ni bu'a kan jedhu ture. Karoorri hojii shaneen itti bobbaate garuu Oromoo gidduutti kan araara buusuu osoo hin taane akkuma baroota hedduu itti dalagaa turan jibbaa fi diigumsa Oromoo gidduutti babal'isuu tahe. Seenaa bara dheeraa keessatti hooggana shanee irraa kan argine, ilmaan Oromoo oromummaa irratti ijaaruun bilisummaa sabaaf duulchisuu osoo hin taane jibbaa walii irratti ijaaruu dha. Hojiidhaan wanni ummata Oromootti mul'ifamu waan hin jirreef yaada Oromoo ittiin facaasuuf yeroo hunda ABOn diina uumuu qaba. Yeroo barbaachise ilmaan Oromoo lammummaa jijjiiranii Amaara godhuun, kanneen akkaataa dhaabni itti hojjataa ture irraa gaaffii qaban ergamtoota diinaa godhuun, kanneen dhaaba keessatti dhibdee jiruuf furmaata sirrii akka argatu gaafataa turan badii hin jirreen yakkuun qabsaawota facaasuun aadaa bara dheeraa murni amma shanee ofiin jedhu hordofaa turee dha.

Dhihoo tana beeksisa Video WBO TV Kenya baasee fi jireenya WBO mormuuudhaan ibsi murni shanee baase hunda caalaa eenyummaa isaanii kan saaxilu fi farra bilisummaa Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Duad Ibsa ABO sadarka dur inni ture irraa akka maqaan isaa dhokotu taasise. 1992 WBO mooraatti galchee diinaan akka rukutamu godhuu irra dabre diinagdee Waraanni hidhannoo fi jireenyaaf itti dhimma bahu sassaabee diinaaf kennuu kan hafe ammoo biyya ollaa Suudaannii fi Kenya keessatti jalee isaa waliin itti jiraachaa ture. Irra deddeebi'ee waraana qorannoo tokko karaa biyya ollaa bobbaasuun osoo biyya hin seenne dangaa Suudanii fi Somaaleetti rasaasa diinaatiin akka baalaa mukaa akka harca'an taasisan. Fakkeenyaaf humni 2500 gahu 2006 keessa Somaalee seene osoo hidhannoo guutuu qabu akka hiikkatee ganda keessa taa'uu fi ittisa tokko malee humni Tigree ganda keessaa walitti qabee akka fixuu fi mana hidhaatti guuru maaliif taasifame? Osoo dhugaan diina Oromoo dura dhaabbatuu fi waraana biyyaaf lolu ijaaruu fedhiin jiraate humni sun biyya sana keessatti kanneen yeroo sana Tigree lolanitti golgaa galee of ittisuu irrada dabre muuxannoo dirree waranaa bilchaatuu danda'a ture. 2005 Jaal Irreessaan akkaataan itti wareegame kan hanga ar'aa adda hin bahinii fi harki Daud Ibsaa wareegama isaa keessa akka jiru kan shakkamuu dha. yeroo inni wareegamu odeessi ture humni J. Irreessaa /Temesgen Caalaa/ hoogganamu karaa Suudaniin biyya seenaa akka jiru kan hime nama SPLA yeroo sanatti Eritrea ture jedhama. Garuu kun waan dhugaa irraa fagaatee fi harki shanee keessa jiruu dha. Shaneen maaliif Col. Irreessaan akka harka diinaatiin wareegamu barbaadde? Sababni isaas hanga yeroo sanaatti namoota seenaa keessatti WBO-tti dabalaman keessaa nama Saayinsii waraanatiindandeettii guddaa qabu, fi nama dirree bahaa keessatti humna jajjabii diinaa sodaatamaa turte leenjisee dha. Hooggaanni ABO Asmaraatti galee qabsoo irraa fagaachuutti hedduu nama gubatee fi shanee halkanii guyyaa akka hoogganni biyyatti deebi'u nama taa'umsa dhoorke ture. Kun ajandaa Murni Daud Ibsaa WBo dhabamsiisuuf qabuun kan wal mormu waan taheef Col. Irreessaa murtii du'aa irratti muran.

Kana irra dabrees oromoon hoogganummaa Daud Ibsaa fi hariiroo inni diina waliin qabu irra deebi'ee qorachuu qaba. Bara 1981 dirree Dhihaatti Daud ibsaa summii nyaatee akka harka diinaa bu'ee fi waggaa 8 hidhame haasa'amaa ture. Namni kun jaallan waliin turan akkamitti dhumanii inni hafuu danda'e? Mana Hidhaatii akkamitti bahuu danda'e? Mana hidhaatii bahee osoo waggaa tokko hin turin akkamitti Waajjira Siyaasaa tahee filamee damee tikaa/ intelligence/ akka hoogganu ramadame? gaaffiileen jedhan hanga ammaa hin deebine. Kana malees 1992 irraa kaasee hanga 1998 dirreetti akka deebi'u yeroo dheeraa gaafatamee yeroo WBO biyya keessaa dhiibamee Somaaliyaatti bahu maaliif Waraanatti deebi'e? Ergaan diinaa keessa jiraa? waan jedhan gaafatuun barbaachisaa dha. 1993 Daud Ibsaa yeroo Nairobi turetti nama embassy Etoopiyaatti deddeebi'u tokko akka of irraa eegan itti himame. Namni nama miseensa dhaabaa turee fi 1991-92 humna tikaa waajjira Finfinnee keessa turee dha. Odeessa argatan kanaan jala bu'anii Pasport Etoophiyaa boorsaa isaa keessatti argama. Nama kana qorachuu fi hariiroo inni diinaan qabu adda baafachuu irraa ajajaa humna naannoo Horroo bobbaatuu godhanii biyyatti deebisan. Namni akkuma Daud Ibsaa dhalootaan nama naannoo sanaa ti. Biyyatti deebi'ee humna akka gaariitti ummata keessatti of ijaare, hoogganoota ciccimoo horate yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti akka diigamu taasise. Nmni kun erga humni diigame booda Finfinneetti akka deebi'u godhamee maadhee dhaabaa magaalaa tokko tokkoon mancaasisee ofii Kenyaatti deebi'e. Ummatni magaalaa Diina waliin akka namtichi kun hojjataa ture osoo gabaasuu Daud Ibsaa 1998 bakka bu'aa dhaabaa godhee magaalaa Nairobitti ramade. egaa kana hundaa irraa wanni barru murna shanee ar'aa kana keessa harki diinaa caasaa diriirfatee akka jiruu dha.

Gaaffiin amma deebi'uu qabu garuu yeroo ammaa kanatti shaneen Video WBO media adda addaa irratti bahu maaliif balaaleffatu? namni murni shanee kibba keessaa humna qabdu ykn mootummaan Kenya osoo yakka tokko isaan irratti hin dhiheessin maaltuu isaan waccisiise?. Yaada armaa olitti dhihaate kana irraa kan hubatnu murni shanee kun yakka bara dheeraa WBO irratti hojjataa tureen gaafa tokko akka itti gaafatamu waan beekuuf jireenyaa fi jabeenna WBO akka hin barbaadne tahuu isaa ti. Biyya keessa keessatti humna dirree Dhihaa keessatti diinaan salphifame deebi'ee Abbaa Caalaa fi Daud arguu akka hin dandeenne argu ammoo akka tarkaanffii maayyii irratti fudhatu kanneen naannoo dhihaa beekan sirriitti hubatu. Oromoon naannoo dhibii dur hin beekne ar'a murni shanee kun murna farra WBO fi ummata Oromoo tahuu isaa siriitti hubata. Murni kun diina qabsoo bilisummaa fi murna tokkummaa Oromoo booressuuf, akkasumas guyyaa bilisummaa Oromoo fageessuuf socho'u tahuu Oromoon hubatee dura muratnoon dura dhaabbatuun yeroon isaa amma tahuu qaba.

Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

Roobaa Bultum

No comments:

Post a Comment