Thursday, September 17, 2009

"Qurciin Qurciin yoo hin jenne.....": Deebii barruu " Can We Convert OPDO to OLF or OLF to OPDO ?" mata duree jedhu jalatti barreeffame

Qabsoon sabaa /national movement/ lammii hunda ilaalti. Hundi waa'ee saba isaa itti dhagahamu, biyya isaa jaalatu fi cunqursaa saba isaa irra gahu falmuu murteeffate qooda keessaa fudhatuu danda'a. Ati wallaalaa, ati goota, ati sodaataa ati kaleessa as turtee fi achi turteen qabsoo saba keessatti bakka hin qabu.Namuu waanuma dandahu godha. Namuu kan madaalamuu fi madaalamuuu qabuun waanuma qabsootti erga dabalamee hojjate tahuu qaba. Hunda caalaa kan bakka qabaatu waan ar'a hojjatanii fi gaaffii lammii yeroo dhagahanitti dirqama fudhachuuf qophii tahuu qofatu gaafatama. Namootni qabsoo sabaa kana keessatti dhaamsa biyyaa fi ummata irraa dabru yeroo tokkotti hin dhagahan. Jechuun haalli keessa jiraatanii fi dammaqiinsa isaanii akkasumas kanneen dhaamsa kana dabarsan dandeettii nama amansiisuu isaan qaban irratti hundaa'aa yeroon isaan dirqamaaf of qopheessan. Ummata jaarmaya cimaa qabu biratti lammii hundaan dhaamsa kana gahuu fi deebii argachuunis ulfaataa miti. Jaarmaya dadhabaa ummtaan deemuu dandeettiin hin mul'ifne keessatti ammoo dhaamsi biyyaa fi ummataa dhagahamuu fi deebii argachuun hafee hubachuunuu rakkisaa taha. Maaliif yoo jenne jaarmyaan dadhabaan yeroo hunda wanni dubbatuu fi hojjatu wal-faallessa. Waa'ee ummataaf of wareeguu fi kabajaa isaa tiksuu osoo dubbatu kan ummata wareeguu fi ummata salphisu tahee argama. Lammii dhaamsa sabaa ittiin gahe, dhaamsa kanas fudhatee sabaaf duuluuf itti makamu hojii isaaniin malu irratti bobbaasuu waan hin dandeenneef hamilee lammii cabsee onneen qabsoo akka keessatti laamshoftu godha. Kanneen hafanis akka dhaamsa ummataa karaa jaarmaya dadhabaa kanaan dhufuuf gurra hin kennine taasisa. ABO murna shaneetiin durfamu keessatti wanni argaa turre kanuma. Ummata qabsoof itti makamaa ture hojii qabsoo irratti bobbaasuu ykn diina irratti duulchisuu osoo hin taane, deebi'anii irratti duuluu dha. Qabsoof akka lammiin haala qabsoof bu'aa argamsiisu keessatti of wareegu aanjessuu osoo hin taane Oromoo gar-malee lubbuu fi maqaanis wareeguu/character assasination/, salphisuu fi bakka jaalalaa duula wal jibbaa qabsaawotaa fi saba gidduutti babal'isuu dha. Barruun nama maqaa Mormor Abbaa Seenaajedhu jalatti dhokachuun waa'ee interview jeneraal Hailuu Gonfaa ilaalchisuun faca'e kunis aadaadhuma diiggaa dur ture kana hordofa. Aadaan kun aadaa jaarmayaa fi warraaqxotaa osoo hin taane aadaa murna/clique/ ofittoo qabsoo Oromoo keessatti margee ti. Aadaan kun aadaa warraaqxummaan lolu, aadaa amala farra Oromummaa qabuu dha. Aadaa sabaaf duultota diina, gantuu fi ergamtoota diina godhu waan ta'eef cimsinee falmuu fi hiddaan buqqisuu qabna. Seensa barruu kiyyaatti aansee kan dubbiftoota qabsiisuu barbaadus aadaa farra qabsoo Oromoo fi diiggaa tahe kana keessa deebinee akka ilaallu waan xinnoo beeku darbadha. Kallattiidhaan Obboo Mormor Abbaa Seenaaf deebii kennuu tuffadhee bira dabre. Na ofkalchaa. Waan fuula duraa dhiifnee of booda deebi'uu osoo gadduu, "qurciin qurcii yoo hin jenne Faffattee afaan nama kaayuu barbaaddii" akkuma jedhan kanneen dharaan oromoo yakkan eenyummaa isaanii tolchanii beekuun tarrii akka ittiisaa/deterence/ gargaaraa jedhee ti.

I. Qabsoo bara dheeraa karaa hidhannoo dirree dhihaa fi bahaa tahaa turte keessaatti amala farra qabsoo kanneen ar'a Shanee hoogganu hordofuun, kanneen ummtaaf osoo lolan rasaasaa diinatiin wareegaman fi kanneen maqaa "gantuu" fi "goobana" jedhuun dhabamsiifman wal gitu yoo jedhe dhugaa irraa fagoo miti. Dirree bahaa fi dhihaa keessatti ummata keenya "goobana" jechuun maatii isaa waliin ibiddaan manni itti cufamee gubate irra dabre qabsaawotni adeemsa dhaaba kana irratti gaaffii qaban, hooggana isaanii dadhabaa tahe qeeqan, yaada qabsoo fuula dura tarkaanfachiisuu dhiheessuun hooggna hirriba keessa ture baaragsan hedduutu hadhaa du'aa obaafame. Barruu deebii kanaaf na kakaase keessatti akka fakkeenya gantuuttii kan dhihaate nama Lamuu jedhamu, dirree dhihaa keessatti ajajaa waraanaa ture kana seenaa isaa qorachuu anis hiree argadhe. Isa malees akkasuma kanneen isa fakkaatan osoo qabsoo kanaaf dhukkubsatan hooggana maraataa miseensota isaa irratti duuluu malee beekkomsa biraa hin qabneen murtiin du'aa itti muramee, jaallan isaanitiin rasaasaan tumamuu mataan isaanii fudhachuu dide ganan hedduun beeka. Lamuun nama humna dhihaa keessatti gootummaan faarfamuu fi humnaan jaalatamu ture. Akkuma jedhame kan akka ganu isa godhe maqaa sagaagalummaatiin murtii du'aa irratti darbu dha. Haaluma kana fakkaatuun kan du’a itt muramee qabsoo irraa dhiibame kan biraa Simee nama jedhamu goota gootaa caalu, kan ijoollummaa isaatiin Kabbadaa Buzunashii waliin mootummaa Amaaraa lolaa ture, 1990 keessa lola Asoosaatti tahe milkeessuu irratti qooda guddaa kan qabaachaa ture yaadatuunis barbaachisaa dha. Akkasumas nama Elemo jedhamu, humna Godina dhihaa keessatti itti aanaa ajajaa jajjabii ture booda irra humna TPLF-tti dabalame humna keenya dura dhaabbachaa ture hedduun namoota naannoo sana turanii ni yaadatu. Keessattuu Elemo ijoollee dhaabni guddise fi nama 1989 keessa jila qabsaawotaaf humna waraana jajjabee dursuun Kora sabaa irraa akka qooda fudhatu ergame keessa ture. Akkuma amma agarruu kana murni amma shanee hooggannu keessattuu Abbaa Caalaa fi Daud fagoo taa’anii qabsaawota wal-irratti ijaaruun kanneen hojii fi gootummaan humna keessatti ifanii mul'atan irraa sodaa itti buleen akka rukutaman kan godhamanii dha. Ummataaf qabsaawuuf manaa bahanii kanneen jaallan isaan jedhaniin diina itti tahuu afaan wallaalanii qabsoo keessa bahan. Keessattuu dirree dhihaatti Jaallan akka Lamuu fi Simee namoota birootiin qixxeessuun hin tahu. Warra waraanni hundi of duratti ilaalaa turee dha. Lamuu, Simee fi Elemo kan dhaaba jaalatanii fi jaallan waliin wareegamuuf waadaa waliif seenan irra tarkaanfatanii deemaniif hoogganni isaanii qabsaawota sabaa irra qabsaawota namootaaf jedhanii bulaniif bakka laatee kanneen sabaaf qofa lolan ija diinatiin waan ilaaluufi. Badiin isaan itti yakkaman Sagaagalummaa osoo tahee hooggana dhaabaa kanneen ijoollee haayidaa ofii guddisan humnaan itti sagaagalaa turetu gaafatama ture. Murni Abbaa caalaa fi Daudiin durfamaa ture kun murna qabsaawota diina irratti duulchisuu fi Oromoo ijaaru osoo hin taane murna Oromoo irratti duulu qabsaawota gidduutti shakkii dagaagsuun jiraatu waan taheefi Lamuun amma akka fakkeenya gantuutti dhihaatee fi kanneen maqaa isaanii hin tuqamin hedduunkan qabsoo saba isaanii keessaa bahaniif. Ar'as bifuma sana fakkaatuun General Hailuu Gonfaa, Jeneral Kamaal Galchuu fi kanneen biroo irratti duulli godhamu duuluma duraan jalqabame duula maqaa adda addaatiin miseensota dhaaba irratti adeemsifamaa ture akka tahe seenaan dabre ragaa taha.

II. 1991-92 Keessa duulli qabsaawota irratti hooggana dirree dhihaa godhamaa ture itti fufee, amma qabsoon bakka geesse yaada jedhuun kanneen jajjaboo tahan aangoo keenyaaf nu sodaachisan jedhan osoo adda hin citin itti fufe. Akka kanaan ajajootaa fi miseensota jajjaboo humna tikaa fi waraanaa keessatti beekkaman itti duuluun mana hidhaatti guuran. isaan keessaa, Jaallan 1. Maaxiquu 2. Huseen Tolaa/abbaa Cibraa kan ture, 3. Jiberiil Kumsaa 4. Mokkonnon Jootee, 5. Eda'aa /Leenjisaa qaruutee kan ture/ 6.Zakkaariyaas /Leenjisaa humna jajjabii ykn Komaandoo/ fi 7. Maaxiquu, ajajaa waraanaa beekkamaa kan ture, miseensota ABO 1991 keessa mana hidhaatti guuramanii reebamaa/turture/ turan keessa akka fakkeenyaatti kaase. Keessattu isaan kana keessaa Mokonnon Jootee fi Huseen Tolaa warra lola irratti madaawanii qaamaa ir'atan mana hidhaatti dharaan darbatamaniin kanneen ar’a Shanee hoogganna jedhaniin reebamaa fi salphifamaa turan. Huseen Tolaa fi Zakkaariyaas ajaja Abbaa Caalaa fi Daudiin yommuu rashanaman miseensotni 80 gahan ammoo miseenummaan irraa mulqamee ari'aman. Kan nama dhibu garuu hammeenya fokkataan irratti raawwatamee osoo jiruu hedduun isaanii chaartaraa yeroo bahametti ajaja hooggana farra tahee kana fudhatanii osoo lolan wareegaman. Jaal Maaxiquun osoo ajajaa Cibraa tahee lolchiisuu wareegame. Jaal Eda'aan dirqama irra osoo jiruu wayyaaneen ukkamsamee hanga ammaatti bakka bu'e namni beeku hin jiru.

III. Bara chaartaraa sana keessa akkuma Dargiinn kufeen ajajootaa fi miseensota hoomaa waraana mootummaa keessa kanneen ABOtti dabalam hedduu turan. Erga dhaabatti dabalam booda warra Koloneelota turan bakka tokkotti walitti qabanii hojii malee teessisaa waan turaniif hifatanii ogummaa qabaniin akka qabsoo sabaaf bu'aa buusuu danda'an hojii irratti akka bobbaafaman Abbaa Caalaa gaafatan. Deebiin kennameef erga qabsoon dhumate dhuftan, kaleessa eessa turtan kan jedhu ture. Haa tahu malee hedduun isaanii chaartara boodas osoo humna waliin socho'a wareegamuu fi harka diinaa bu'uu mudatan. Akka fakkeenyaatti, 1. Kololneel Abdiissaa, humna Dargii keessatti "Opration officer" nama ture. 2. Koloneel Yohaannis nama dhalootaan Naqqamte tahe, 3.Koloneel Baqqalaa, Nama Ambotti dhalate, 4. Koloneel Tasfaayee, Abbaa Caalaatiin suudaan irraa bobbaafamee nama naannoo Ayiraa Gullisootti wareegame fi goota akka Koloneel Tamasgeen Caalaa/ Irreessaa/ maqaa tuquun ni danda'ama. Bara chaartaraa keessa ogummaan qabaniin humna keenya akka jijjiiran hojiitti bobbaasuu irra hoogganni kun kan filate bara Dargii keessa qabsoo sabaatti dabalamuu dabuu isaaniin abaaraa fi salphisuu dha. Haala Oromoof bu'aa buusuu hin dandeenye keessatti kufanii hidhamaa tahanii hanga chaartara keessa bahamutti taa'aa turan. Jeneraal Kamaal Galchuu, Jeneraal Hailuu Gonfaa kanneen isaan waliin dhufanis kan mudate kanuma. Ilmaan Oromoo bifa ganaan qisaasaman, hamileen caphxee manatti deebi'ee fi kanneen murtii hoogganoota ABOtiin raasaasaan tumaman himnee keessaa bahuu hin dandeenyu.

Egaa ar'a Interview VOA sababa godhachuun duulli Jeneraal Hailuu irratti adeemuu duula baroota dheeraa lakkaawwate, aadama hamilee qabsaawotaa cabsuu ti. Farrummaan kun ammo tuffii murni shanee ummata Oromoo fi miseensota dhaabaaf qaban irraa madda. Jecha barruu Mormor Abbaa Seenaa fi dabballoota Shanee irraa hedduu kan dhageennu "warra Oromummaa isaan barsiise, diina jalaa akka bahan isaan godhe mormu" jedhu. Yeroo tokko /2008/ keessa Caayaa ABO naannoo Saudi Arabia jiru walgahii godhatee hogganni akka dhihaatuuf gaaffii dur tureen hooggaanis dhihaatee yaadni ummataa caqafamuu eegale. Yaadni ummata irraa dhihaate "hoogganni keenya maaliif biyyatti deebi'ee ummata hin lolchiifene?. Sochiin waraana keenyaa maaliif dhabamee jedhuu fi kkf tarriifamanii dhuma irratti kana booda hanga biyya seentanii qabsoo hin godhinitti gargaarsa isaniif kennuu hin dandeenyu yaadni jedhu caqafame. itti fufuudhaan yoo kun ammoo hin taane humna gaara jiruun kallattiin wal-nu qunnamsiisaa, gargaarsa keenya kan maallaqaa, dawaa fi hidhannoo waraanaatiif goonu kallattiin ergina jedhame. Hoogganni jedhamu kun dallanee maal akka jedhe beektuu?. Barbaaddan ofii deemaa lolaa,nuti marcinary miti jedheen. Eegaa akkaataan murni shanee itti yaadan, nutu qabsoo keessa ture, kan ajaja hunda kennu nu qofa, kanaaf yaada fi ajajas kennuuf kan mirqa qabu nu qofa jedhu. Anis ummatni lolee jedhee qofaaf lola haa labsan hin jedhu. Hoogganni ummata irraa gargaarsa diinagdee fi humna namaa eeggatu maal akka hojjachaa jiruu fi bakka hojjataa hin jirretti ammoo rakkoo jirtu ummata amansiisuu yoo hin dandeenye hooggana ofiin jechuu akka hin qabne beekuu qaban jedha. Jeneraal Hailuu Gonfaa fi kanneen isaan waliin dhufan hundi Asmaraa jiraachuuf osoo hin taane qabsoo saba isaanii irraa qooda fudhachuuf ture. Kan isaanii fi miseensota dhaabaa irra jiroo akka hooggana ture irratti fincilan godhe, hoogganni ture gaaffiilee ummataa fi miseensota irraa dhihaatan deebisuu dadhabuu isaati. Namni qabsootti makamu du'aa qophii tahee mirga waa gaafatuu fi yaada isaa ibsachuu dadhabuu dha, kan warraaqsa dhalche. Hoogganni bilisummaa Oromoof dandeettii qabsaawotaatti gargaaramee qabsaawota diina irratti duulchisuu fi ummata isaa hiriirsu dhabamuu dha kan jijjiiramni akka dhufu godhe. Kan jijjiirama fide, ilaalcha jallataa dhaaba kana nutuu ijaare, nutuu harkaa qaba, waan Oromoof tolaa nu qofaatu dubbataa fi nu qofatu beeka yaada jedhu. Lammiin Oromoo mirga saba isaatiif falmuuf wareegamaaf of qopheesse, kan sabni isaa akka bilisummaa dhabe gonfatu qabsaawu mirgi isaa akka namootaan sarbamuu fi waraana abbaa qoroo tahuu hin dandahu. Jeneraal Hailuu Gonfaa kan jibbe namoota shanee hoogganan osoo hin taane yaada kana. Akkuma kaleessaa ummatni kibba bahaa loon tikfatuu malee homaa hin beeku, doofaa dha, akka hoolaa wal jala deema jedhamuu hayyummaa Oromoo arrabsaa turan ar'as Jeneraal Hailuu Gonfaa akka nama homaa hin beeknee fi waan hin beekne keessa seeneetti dhiheessuun tuffiidhuma shaneen Oromoof qabdu yoo ibse malee eenyummaa nama biroo madaaluu hin danda'u. Kan Generaal Hailuu fi kanneen biroos akka qabsootti dabalam godhe ammoo wareegama sabni Oromoo jaarraa tokkoo oliif baasaa jiru malee eenyummaa Daud ykn nama biraa tahuu hin danda'u. Namoota tuqna taanaan dhaabattu makamuu jaallan kanaa fi kan biroo booda irra dhufan hundaa hundi keenya kan jijjiiramaa fi Shanee keessa jirrus qooda qabna. Dhaabnis kan shanee qofa osoo hin taane keenya hunda.

Barruu " Can We Convert OPDO to OLF or OLF to OPDO ?" jedhu kana keessaa wanni hubannes aadaan kanneen qabsoof dhaabatti makamaa turan irratti duuluu fi hamilee cabsuu kun kan amma jalqabame osoo hin tahin kan umrii dhaaba kanaa waliin bule tahuu isaa ti. Dhaabni miseensota fi ummata isaa hamatu, maqaa xureessu, akka mirga dhablee fi wanni isaan dubbatan hunda yakka godhu dhaaba akkami? Hoogganni ummata isaatiin wal lolu bilisa baasaa dha moo gabrummaa dheeressaa dha?. Kan ar'a nutti dabalamu badii hin jirreen yakkaa akkamitti kan ar'a hin dammaqin dammaqsina, kan diina jala jiru qawwee isaa diinatti akka deebisu goona?. Fuula dura ba'aan guddaan jaarmaya haqaa Oromoo tokko eeggatu ummata keenya biyya keessaa jiru, kan qotee bulu, hojjataa, barataa fi barsiisaa akkasumas kanneen diina waliin hojjatanii fi diinaan itti duulamu hunda qabsoof hiriirsuu dha. Bilchinaan dhaamsa keenya gama lammii Oromootti dabarsuu fi dhaqqabuu yoo hin dandeenne humna qabsoof barbaachisu walitti kuufachuu fi diina irratti duuluu hin dandeenyu. Akkaataan murni shanee itti jiru dhaamsa Oromoo gar gar facaasu qofa kan erguu dha. Jeneraal Hailuun gaafa Humna Waraanaa Tigree keessa turee fi ar'as maaliif balaaleffatama.? Badiin isaa qabsoon kun rakkoo qabdu haa furannuu jedhee yaada dhiheessuu fi yaadni kun fudhatamuu dhabnaan ijjannaa haqaa jaallan isaa waliin fudhachuu isaa ti. Kanneen isaa fi kanneen biroo ykn Jijjiiramaan morman hooggana irraa kaasee hanga miseensota afanfaajjawan gahutti qabsaawota sabaa osoo hin taane ergamtoota murna maqaa isaa qofaaf qabsaawuu ti. Barru " Can We Convert OPDO to OLF or OLF to OPDO ?" tolchinee yoo hubanne jecha tokkootu eenyummaa murna shanee saaxila. Obboo Mormor Seenaa “ABOn dhugaa fi Heerawaan kan hanga taateefuu karaa qabsoo hidhannoos karaa qabsoo siyaasaa fi dippilomaasiis socho'ee waa dalagaa fi firii argamsiisaa jiru ABO isuma dhugaa fi haadhoo isa Obbo Daawudiin durfamaa jiru tahuu osoo hubatee jiruu, qaanii fi maal naan jedhuu tokko malee aaduma Wayyaanota irraa dhaaleen kijiba adii dubbachuu filate” Jedha interview Jeneraal Hailuu Gonfaa Ilaalchisee. Akka barruu kana irraa agarutti murni kun murna sabaaf qabsaawu osoo hin taane, Daud Ibsaa Hayyuu Duree ABO tahee akka turu qofaaf warra qabsaawu, qabsoon saba oromoo mataan dhaabbatu warra dhimma hin qabne, waraana sabaa osoo hin taane waraan obboo Daudii fi namoota biraa ti. Osoo dhugumaan akka jedhamu murna “Heerawaan” kun hojjatee waa agarsiisa turee, Jijjiiramni hafnaan, QC, AWO, Gumii fi jaarmayaaleen biros hin jiraatan ture. Yakki Jeneraal Hailuun godhe murni shanee isaa fi kanneen biroos qabsoo saba isaaniif jecha jalatti hiriiran, dirqama hojii qabsoo karoorsuu itti kenname bahuu waan dadhabeef miseensota wayyaba murtii hooggana kana bakkaa kaasuu fudhatan cinaa dhaabbachuu isaa ti. Kan hunda caalaa isaan dallansiise ammo Daud Ibsaa miseensota hoogganuun aangoo irraa kaafamuu dhugaa jiru J/Hailuun dubbachuu dha.

Haasaa Jeneraal Hailuu Gonfaa kan dhagahe hundi faallaa qabsoo saba isaa akka hin dubbatin qulqulleessee beeka waan taheef. Dhugaan ifee mul'ataa jiru garuu lafa irra gangalachuun booyaa oolanis murna namootaaf lolu /marcineries and cult followers/ qabsaawota haqaa injifachuu akka hin dandeenne agarsiisa. Jaalatanis jibbanis warraaqsi dhalate fuuluma dura adeema. Furmaatni jiru jalaa maquu ykn itti makamuu qofa. Dura dhaabbana kan jedhu hundi akka timaatimii miilaan irra dhaabbatanii macala'ee hafa. Baaburri warraaqsaa kan irra bahe hunda ni dhabamsiisa. Kosii seenaa tahuu dura qabsootti makamaan jedha kanneen ar’as dirree duwwaa irra dhaabbatanii nama qofa abaaruu hojii godhataniin. Olola dharaa haa dhiiftnuu. Barbaachisaa jettanii maqaa qabsaawotaa yakkuu itti fuftan galmee keessan kan cubbuun guutame baasuuf dirqamna. Akkuma Oromoon “qurciin yoo qurcii… “ jedhan malee … jedhu akka waliin jennu wal dirquu haa dhiifnuu. Keessattuu dirree dhihaa ilaalchisee hooggana amma lubbuun jiru [murna shanee] bakka bu’ee kan qaanii malee dubbachuu danda'u tokko hin jiru.

Shigidoo Bultee

bshigidoo@gmail.com

Injifannoo Ummata Oromoof!!!

www.barraaqa.blogspot.com

2 comments:

  1. Dhugaa jiru akkanatti ifa godhuu keetiif hedduu galatoomi. Dhugaa kana ummataaf ifa godhuu itti fufi.

    ReplyDelete
  2. Dhugaa Jirtu ammas, Borus akkasumatti Iftaanis Qabsaawota qulqulluu sabaa fi sabboontota Oromootti ifa baasuu irraa uf booda hin deebi'i.
    Great Job!
    Aanolee

    ReplyDelete