Jijjiiramni mooraa ABO keessatti tahe hedduu Oromoo gammachiise, akkasuma kan aarses hedduu dha. Kanneen aaran irra caalaa mooraa ABO keessatti rakkoon uumamuu osoo hin taane bakki [aangoon] isaan dhaaba keessatti qaban gaaga'ama keessa seenuu dha. Hunda caalaa murna kana yaaddessu, qabsoon Oromoo hooggana dhabuu fi ummata Oromootti kabajaa horuu dhabuu osoo hin taane waan Oromoo keessatti tahu hundaa irratti abbaa tahuu tahuu dadhabuu dha.
Jijjiirama sababoota akka uumamu godha keessaa qabsoon hidhannoo ABO gaggeeffamu laaffachaa adeemuu, dhibdee jaarmayaa baroota dheeraaf qabsoo Oromoo xaxeef qaamni hooggana ofiin jedhaa ture furmaata akeekuuf dandeetti itti dhabuu fi qabsoo ummata Oromoo biyyatti gad-utubuu osoo hin taane baqatti galchuu ture. Hoogganni ture [shaneen] qabsoo Oromoo rakkoo keessa akka jirtuu wallaaluu, kanneen bara irra barratti salphinaa fi qaanyiin ummata keenya irratti humna tahuu dhabuu isaa irraa isa mudattu itti dhagahamtu yaadota kaasaniif deebii laachuu dadhabuu fi akka nama raatuu waan biyya Oromoo keessattis tahe mooraa qabsoo keessatti deemu hubachuu dadhabuu dha.
Qaamni booddessan kun akkuma gaaffileen dhaabni kun dadhabaa jira, akkaataa itti hojjannu jijjiirree hojii fi hojjataa walitti fidne ABO humna taasisuu qabna jettu dhihaatu baaragee waan qabatu dhabe. Kan isa baaragse hunda caalaa akkuma dura tuqe Oromoo hoogganuuf muratnoo fi dandeettii itti dhabuu fi gaaffiilee dhihaatan kan hubachuu hanqatuu irraa ture. Kan isaan hubatan, ABO fi WBOn biyya keessaa dhiibame ummata isaa qabsaawuuf irraa fagaatee akka baqataatti gammoojjii Eritrea keessatti rakkoon waadamu, qabsaawaa ummata isaaf gaachana tahee lolu tahuu hanqate, ofiifuu harka namaa kan eeggatu tahuun qabsoma itti fakkaata ture.
Gaaffii dhaaba kana akkanatti xaxama keessa seene keessaa baafnee humna taasifna jedhu kanaaf beekkomsaa fi dandeetti dhabuu irraa qaanyii isaan mudate haguuguuf jecha oromoon dhibdee ABO Sakaalee, akka nama dhukkubni AIDS qabee bara irraa baratti dhaaba kana huqqisaa adeeme irratti akka hin haasofne summii gandummaa facaasuu eegalan. Kanneen dhaaba keessatti hubatnoota siyaasaa addunyaa, naannoo fi ogummaa lolaa qaban dhaaba kana jijjiiruu danda'anii fi Oromoonis jala deemuu danda'u maqaa xureessuutti gadi jedhan.
Oromoon akka waliin hin mari'anne gochuuf, Oromoota naannoo bahaa Oromoo Arsii qabsoo isin bara dheeraa irratti dhumaa turtan isin irraa dhunfate, kan dhihaatiin ammoo Oromoon Arsii isin balleessuuf deema jechuun osoo "church" hin hafin qe'ee keessa bobba'anii summii facaasuu fi gandummaan wal gurmeessuu eegalan.
Gaaffiin silaa ummata Oromoo keessatti ka'uu male Qabsoo keenya maaltuu sakaale?, akkamitti kana keessaa bahuu dandeenya osoo tahuu qabu, dhugaa dabsanii akka dhibdee Oromoo irratti hin mari'atamne gochuudhaan Oromoo giddutti morka diigaa, baddu hin baddi malee eenyuutu ganda [gosa] akkasii gadi jira jedhu dagaagsan. Waldorgommiin tahaa jiru Oromoof irra hojjachuuf of kennuu fi of ijaaruu osoo hin taane wal-balleessuu irratti xiyyaafate. Akkaataan shaneen itti deemtu hedduu gaaga'aa tahuu ji'oota sadi dura xalaayaa Odaa xaseetiin barreeffamte dogoggoraan murna isaan wal ijaarree aangoo irraa fudhanna jedhan gahuu dha. Dubbiin isaa akkana ture. Akkuma gubbaatti kaase nu warri ganda kanaa of ijaarree dhaaba kana dhuunfanna, kan qabsoo irratti dhume ganda keenya, gandi akkasii loluu hin beekan gubbaa irra taa'uu malee olola jedhuun bobbaan jalqabame. Bobbaan kun babal'atee walqunnamtiin bakka hundatti diriire. Duula kana USA keessatti gaggeessa kan ture Odaa Xasee ti. Haala deemu irratti nama kanaadaa jiru [Yeddii]-dhaaf xalaa barreessa. Qabiyyee xalayaa tanaa keessaa kan nama qaanessuu fi murna shanee keessattis jeeqama uume yaada " Arsii fi Wallaga" wal haa nyaattuu nuti lafa jalaan sirriitti of ijaarree dhaaba dhuunfannaa kan jedhu keessatti argama. Yaadni kun haaraya tahuu dhabus kan rakkoo uume murna kaan isaan aangoo irraa mulquuf deeman dogoggooraan email ergame Denmark harka obboo Gannatii Gahuu dha. Erga guyyaa sanaatti hanga ar'aatti qaanyii irraa gadi bahee nama dubbisuu dadhabuu fi mana "paltalk" halkan guutuu irraa bookkisaa bulu irraa agabamfamuu dha. Murna isaa kan akka Tamaam Yuusuf faa hedduu akka dallansiisee fi hojii isaan bara dheeraa lafa jalaan hojjataa turan kan saaxil baasee dha.
Hunda caalaa sochii bifa kanaa tokkumaa Oromoo kan gaaga'u fi mooraa qabsoo keessatti kan ibidda qabsiisuu akkasumas wali irratti amantii kan hanqisuu dha.
Gama birootiin ammoo Murna Abbaa Caalaa fi Daud gidduu wal dhabbiin cimtuun akka deemtu himama. Sababni isaan jarreen kun lameenuu maadheen isaan qaban ganda irratti [Horroo fi naannoo dhihaa horroo ala] kan hundaa'e tahuu, erga walitti murna jijjiiramaa waliin waldhabbiin dhalate booda hooggana tokko [Daud Ibsaa] jalatti humni kun lameenii dhuunfatamuu dadhabuu fi karaa siyaasatiin dhaaba keessatti murni Abbaa Caalaa humna dhablee taasifamuu dha. Keessatti namni Onnee jedhamu Itti gaafatamaa Murna Shanee Kutaa USA tahuu fi dabballootni Abbaaan Caalaa waggoota dheeraaf kunuunsa ture bakka dhabuun akkasuma, gosa ittiin qabachuuf jecha Dr. Taaddasaa dhiibuudhaan Tamaam Yuusuf bakka buusuub ibidda hin dhaamne qabsiise. Haalli kun akkanaan itti fufu fotoqa biraa akka uumu tilmaamuun nama hin dhibu. Hunda caalaa garuu murni Shanee kun aangoo irra turuuf shirri xaxaa ture lammiin Oromoo dhibdee qabsoo mudatte irratti haasa'uu akka lagatuu fi haawaasa Oromoo gara Somaalessuutti oofuu gaaga'ama dhaloota hedduu fudhachuu malee ummata Oromoo irratti haguuguu danda'a.
Kanaaf jaarmayoota Oromoo giddutti nagaa buusuu dadhabnus, wal-hubachuun ammaaf ulfaatus, wal irratt ablee qarachuun bu'aa namtokkee, kan murnaa fi kan sabaa guutuu akka gaaga'u hubatnee bakka jiruun qabsoo Oromoo hacuucamte ukkaamama keessaa baasuu irratt fuula yoo deebifanne bu'a qabeessa.
Waaqni Oromoo nu waliin Haa dhaabbatu
Roobaa Bultum
Sunday, June 28, 2009
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment