Akkuma jalqaba jedhe, obboo Daud Ibsaa akka nama tokkootti qabsaawaa tahus humna kamuu hoogganuuf bilchinaa sammuu fi muratnoo murtii jajjabduu qabsoo saba Oromoo bakkaan gahuuf murteessoo tahan kennuu akka hin qabne dalagaan isaa ni dubbata. Nama yeroo dhaabni rakkoo keessa jirutti yaada burqisiisuu hin dandeenye, nama yeroo hundaa yaada namootaa qofaan raafamuu dha. Rakkoo mudateef furmataa barbaaduu irra erga gaaga'amni gahe booda namatti quba qabuu filata. Yeroo 2008 keessa rakkoon dhaaba keessa ture dhohuu gahetti hooggana barbaachisu kennuu irra, walgahiilee Gumii sabaa fi Shanee Gumii rakkoo kana irratti mari'ataa turan irratti dallaansuudhaan irra deddeebi'ee walgahii dhiitee bahuu irra dabree dhuma irra rakkoo jiru irraa ijaa fi gurra cufatee an kana booda hojjachuu hin danda'u, hanga nama bakka buufatanitti kan isin hoogganu Bultum Biyyoo ti jedhe harka maratee wajjiira isaatti galee. Erga adda bahuun mudatee rakkoo kana qabbaneessuu fi akkamitti sadarkaa kana irra akka gahame xiinxala sirrii godhuu fi itti gaafatama fudhachuun wal-dhabbii kana dhiphisuu fi faca'iinsa qabsaawotaa hambisuu irra itti gaafatama dheessuuf nama biroo yaakkuutti ka'e. Osoo fagoo hin deemin murna Shanee waliin hafe keessaa nama tokkotti quba qabuu eegale. Jaala tokko ammatti kan maqaa dhahuu hin barbaadne situu jara nurraa fotoqqe kana waliin shira hojjatee kufaatii kana irraan nu gahe jechuun walgahii irratti yakke. Waldhabbiin kun hedduu hammaattee sadarkaa fottoqa biroo uumuu erga dhihaate booda namootni biyya alaa irraa bimachuun araara isaa fi jaallawan isaa gar malee inni yakke gidduutti nagaa buusuu danda'an. Egaa kana irraa kan agarru hoogganni fuula/mataa/ Oromoo jennee hordofaa turre, dhibdee qabsoo Oromoo xaxee fala isii wallaalle, kan akka hiibboo nutti tahe kana nama furuuf dandeettii qabu osoo hin taane kanneen waliin hojjatu, kan fagoo hafu kanneen isatti aanan waliinuu waliif galuu nama hin dandeennee tahuu isaa ti. Gadaa isaa jalatti kan argine injifatnoo osoo hin taane diigamaa fi wareegama gar malee dangaa hin qabne qofa. Hoogganni isa dura ture hundi osoo rakkoon meeqa jiru humna keessatti cichanii, qabsaawota yaada garaa garaa qaban osoo hin facaasin gadaa isaanii fixan. Gaaga'amni fottoqa Qaama Cehumsaa fi sana booda dhaaba mudates kan madde ir'ina hoogganummaa fi rakkoo keessa furachuu irratti bulchina dhaba Hayyuu Duree yeroo sanaa ti. Hoogganni itti gaafatama dheessu, nama biraatiif fakkeenya tahee akka itti gaafatama fudhatan gochuu hin danda'u. Hoogganni dhugaa dubbachuu hin dandeenne kan isa hordofan dhugaa akka hordofan gochuu hin danda'u. Hoogganni dhugaa hin beekne, ummata isaatti kijibuun jiraatu amantii miseensota isaatii fi ummataas hin horatu. Egaa rakkoon jiru, Obboo Daud akka nama tokkootti olola irratti oofuu, jibba dhuunfaa isaaf qabaachuu osoo hin taane, dhimmi irratti haasofnu kan qabsoo Ummata Oromoo yoo tahe, ummata kana hoogganee salphina jalaa baasuuf dandeettii dhabuu dha. Hunda caalaa rakkoo kana kan daran xaxaa godhe kanneen isaan hoogganamanis, akka inni bayyanootaan waa hojjatu, kan isaaf gorsa kennuu fi bakka inni dogoggoretti isa qajeelchuu danda'an tahuu dhabuu isaa ti. Osoo kanneen isa waliin sadarkaa ol'aanutti hojjatan isa irra wayyaa tahanii rakkoon fotoqqiinsaa 2000 fi 2008 dhalate hin mudatu ture. Rakkoo dhaaba keessa ture irra caalaa akka xaxamu kan godhe kanneen isa waliin hojjatan murtii fi yaadni sadarkaa hundatti dhiheessan jallataa waan taheef hoogganni dhaabaa akka murna /team/ tokkootti waliin hojjachuu hin dandeenne danqaa uumuu isaa ti. Kanaaf egaa murni Shanee Gumii murna jaamaa wal masaku, kan murtiin isaan fudhatan, karoorri hojii isaan baasan dhiibbaa ykn gaaga'ama qabsoo saba Oromoo fi qabsaawota irraan gahuu malu hin beeknee dha. Fottoqni 2000 fi 2008 tahe murni kun osoo murni bal'isee ilaaluuf dandeetti qabu tahe hin mudatu ture. Kan nama dhibu gaaga'ama hanga ammaa ABO mudatee fi faca'iinsa qabsaawotaa irra deddeebi’anii mul’ataniif hanga ar’aatti hoogganni itti gaafatama fudhatu dhabamuu isaa ti. Akkuma kaleessa baratamee kan ar'as tahaa jiru, diigamni biraa akka dhalatu ilmaan Oromoo irratti duuluu dha.
9. Hoogganni Shanee Obboo Daudiin durfamu keessattu 2000 irraa kaasee qoodni qabsoo Oromoof laate yoo jiraate hamilee ummata Oromoo fi qabsaawotaa cabsuu qofa jechuun ni danda'ama. Kanaaf fakkeenya guddaan Fincila Diddaa Gabrummaa[FDG], bobbaalee Waraanaa bara 2002 fi 2006 keessa tahee dha.
A. FDG. Yeroo FDG jalqabamu ABOn biyya keessa caasaa Tikaa/intelligence/ fi Siyaasaa akkasuma qaamni sochii baratootaa kana hoogganu hin ture. Waraqaa irratti maqaa ABO jiraachisuu qofaaf osoo sochii kana irraa maal akka eegan, sochiin kun gufatu maaltuu itti aanaa fi ummata Oromoo irratti gaaga'amni inni geessuu malu osoo hin beekkamin SBOn boru irraa kaaftanii fincila diddaa gabrummaa eegalaa jedhanii labsan.Kana booda ajaja badii kana irraa kan oomishame injifatnoo osoo hin taane hammeenyi daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irratti babal'atu qofa tahe. Ilmaan Oromoo abdii qabsoo kanaa fi fuul duree Oromiyaa tahan diinaan akka baalaa mukaa akka harca'an, mana hidhaatti akka kumaatamaan guuramanii fi mana barnootaa hunda keessaa qulqulleeffamnii dukkana keessaa bahuu hin dandeenye keessatti kufan taasifame. Kanneen lubbuun hafanii biyya ollaatti akka bahan qajeelfamni itti kenname Kaampii Baqataatti akka busee fi dhukkubaan harca'an murtiin jallataan hooggana kanaan itti dabre. Humna waraanaatti dabalamanii gumaa jaallan isaanii akka hin baafannee fi ummata isaaniif hin falmanne hooggana isaan simatee qooda isaan kennisiisu dhabanii akka qoma dhiibanii harka duwwaa diina hanga funyaaniitti hidhate dura hin dhaabbatin, salphina gonfatanii mataa gadi qabatanii diiina baqataniitti deebi'anii akka harka kennatan tahan.
B. Bobbaa waraanaa 2002 keessa karaa Godina Dhihaatiin godhame. Humna diinaa keessaa kanneen harka kennatan, mana barumsaa sadarkaa olii keessatti kanneen fincila diddaa gabrummaa gaggeessaa turanii fi baqattoota biyya ollaa gara garaa keessaa kanneen dirree qabsoo seenuu barbaadan irraa walitti dhufan leenjii waraanaa fi siyaasaa erga raawwatan booda biyya akka seenaniif bobbaaf qopheeffaman. Humni kun dirree leenjiitti bakka hoogganni tokko keessa hin jirretti rakkoo bulchiinsaa fi jireenyaa keessa warra qaxxaamure. Osoo biyya keessatti caasaan humna kana hammatu hin diriirfamin, karaan irra dabran sirriitti hin qorataminii fi karoorri dura lafa kaayame gufatu tarkaanfiin itti aanu maal tahuu akka qabu hin akeekamin humni kun bobbaafama. Kaaba irraa xayyaaratti fe'amanii bakka itti bu'an yeroo gahanitti kan isaan eege jaallan isaanii isaan simatee gara biyyaatti isaan qaxxaamursu osoo hin tahin Komaandoo Hoomaa waraana TPLF ture. Haala of ittisuu hin dandeenye keessatti, akka nama harki lamaan duubatti hidhamee reebamuu/tumamuutti rasaasa diinatiin waadamanii akka baala mukaa afaman. Kan kana irraa hafe biyya seenuu danda'e carraan isa mudate kanaan ala hin turre. Kan dhumaatii irra hafe TV Ethiopia irratti akka gootota loltuu bilisummaa osoo hin tahin akka hattuutti dhiheeffamuun lammiin Oromoo hundi akka hamileen daakamuu fi mootummaa TPLF falmuuf murtii fudhachuu dura lammiin Oromoo akka of duuba deebi'ee yaaduu fi sodaan akka dhaalamu haala aanjesse.
C. 2006 keessa wanni tahe kanaan alaa miti. Humna guddaa leenjii gahaa fudhate karaa Somaaleetiin biyya seensisuu shaneen murtii fudhate. Kan isaan yaaduu hin danda'in akkamiin waraana kana Oromiyaan akka gahanii dha. Akkuma humni kun Moqaadishoo gaheen TPLF dhageetti. Kana booda osoo murni shanee tarkaanfii fudhatu yaadu, osoo isaan murtii tokko irra hin gahin humni TPLF Moqaadishoo dhuunfate. Hanga ammaatti Shaneen mala humna kana xaxama kana keessaa baasu, baasuun dahdabamu humnoota Somaalee keessa socho'an keessaa tokkotti makamee xinnaatee xinnaatu lolee kabajaan akka du'a ajaja kennuu hin dandeenne. Kana booda qunnantiin Shanee Asmaraa fi humna kana gidduu ture ni cite. Ijoolleen naannoo sana turan, humna kana dandamachiisuuf Oromootaa fi Somaalota Oromoo deeggaran birratti qoqqooduu danda'anis gaaga'ama guddaa ilmaan Oromoo kana mudatuuf deemu oolchuu hin dandeenne. Kana booda kan tahe murruqii/massacre/ ture. Humna shiftaa Moqaadhishoo keessa socho'u Wayyaaneen ajaja itti kennituu fi humna wayyaaneetiin ganda keessaa tokko tokkoon funaanamanii rasaasan tumaman. Kan hafan maatiin isaanii fi shanee illeen kan argan TV Ethiopia irratti ture. Kanneen TV irratti mul'ifaman kana keessa hoogganni dhaabaa ol'aanaan kan keessatti argamu yommuu tahu diingdeen/maallaqni callaan diinaan dhuunfatames guddaa ture.
Haalli balaan deddeebi’ee mudate kun uume Oromoon akka hooggana kana irraa abdii kutatu, gabroomfataa Tigree humnaa dura dhaabbachuun humna isaanii ol akka tahe soda babalsuu dha. Bara irra baratti ilmaan qotee bulaa saba isaanitiif falmuuf mana bahan bakka tokko gahuu dadhabuun, osoo hin dhukaasin deebi'anii mana hidhaatti argamuun Oromoo hundatti dachii golgoleesse, mala dhabsiise. Hanga ammaatti gaaga'ama irra deddeebi'ee mudataa ture kanaaf murni Shanee itti gaafatama hin fudhane, fuula duras gaaga'amni akkanaa akka hin mudanne ir'inni ture maal akka tahe xiinxalanii hin barre. Dhumaatiin lubbuu, gaaga'amni qabeenya ilmaan Oromoo irra gahee fi qaanyiin ilmaan Oromoo keessatti kufan murna kanaaf tasumaa hin galu.
10. Haasaa obboo Daud miseensotaa fi ummataa f godhaa turan keessaa ummatni Oromoo irra deebi'ee bilchinaan irratti mari’atuu qaba. Irra deddeebinee kan isaan irraa dhageenne, hoogganummaa isaanii jalatti shira murni jijjiiramaa hoogganaa fi ABO dhabamsiisuuf godhaa ture injifatnoon akka irra aanan, deebisanii caasaa dhaaba isaanii biyya keessaa fi alatti ummataa fi waraana keessatti diriirsuu isaanii ti. Kana malees jaarmayoota akka ONLF fi kanneen biroo akeeka walfakkaatu qaban waliin hojjachuuf socho'aa akka jiran, mootummaan Eritrea akka bakka bu'aa ABOtti akka isaan beekuu fi fuul-dureen jaarmaya isaanii fi qabsoo saba Oromoos akka ifaa tahee dha. Kan gaafatamuu qabuu fi kabajamaa Obboo Daud Ibsaa deebisuun irra jiru garuu, jaarmaya fi hoogganni waraana bobbaasee ganna 30 keessa lafa takka hin dhuunfatin, kan bara irraa baratti Oromoo walitti fiduu irra addaan diigu, kan miseensota haaraya horachuu osoo hin taane kan qabaachaa ture facaasu, hoogganni diinna hinikkaa dhiisee bara hunda Oromoo "xabala" diinummaa itti facaasuun balaaleffatu ummatni Oromoo akkamitti akka abdatuu fi jala hiriiruu danda'uu dha. Fottoqiinsa 2000 booda kan dhageenne waanuma wal-fakkaatuu ture. Murna Galaasaa Dilbootiin hoogganamu akka injifatan, Caasaa dhaabaa murni isaan yeroo sanatti "booddessaa" jedhaniin booresse deebisanii akka ijaaran fi ABO rirma keessa irraa qulqullaa’uu ture kan dhagahame. Waggaa sagal booda bakkuma sana jaarmayaa jiru, jaarmayaan waan fuula duraa irratti bifa amansiisaan haasa'uu hin dandeenne Oromoon akka abdatu carraaquun tuffii saba Oromoof obboo Daudiif murni isaanii qaban kan calaqqisuu dha. Waggaa 10 booda hariiroo gaarii mootummaa Eritrea waliin qabnaa fi bara irra baratti humnoota akeeka nu fakkaatan qaban waliin qabsoo hidhannoo qindeeffachuuf deemna yaadni jedhu tapha ijoollee fakkaata. Kan armaan dura godhuu hin dandeenye akkamitti godhu. Kana isaanis waan beekan hin fakkaatu. Gama biraatiin hariiroon isaan mootummaa firaa kana waliin qabna jedhan dhugaa irraa kan maqe akka tahe yaadachiisuun barbaachisaa dha. Warri Eritrea qabsoo keenyaaf mararfannoo qabaatanis murni shaneen hoogganamu jijjiirama tokko akka hin fidne tolchanii beeku. Jalqaba uumama waldhabbii 2008 booda qondaalli mootummaa Eritrea waan Obboo Daud Ibsaan jedhe kaasuun barbaachisaa tahee mul'ata, obboo Daud waan hin yaadanneef. Waajjira mootummaa Eritrea-tti yaamamnii rakkoo jiru akka ibsanii fi furmaata argamsiisuu irratti akkamitti akka waliin hojjachuun danda'amu yaada isaanii gaafataman. Mataan shaneen yakka warra irra bahe irratti A-Z tarreessuun dhihaatan. Yaadni gama mootummaa firaa irraa dhufe garuu kan isaanitti bishaan diilallaa’aa naqu ture. jechi jedhame " waan isin tarreessitan kanaa ol murni keessan murni qabsoo tana tarkaanfii tokko fuula dura deemsiisuu hin dandeenne akka tahe tolchinee hubanna. Kan hanga ammaa itti rakkanne Shanee gumii osoo hin taane mataa kee qofa. Kanaaf yaada kana dhiiftee murna jijjiiramaa amma achi bahe waliin akka dalagdu si gaafanna" jedhaniin.Obboo Daud's jaallan isaan waliin bahanii irraa dhokatee yaada kana fudhatee jijjiiramatti dabalamuuf dhoksaan mari'ataa/negotiate/ akka ture haaluu hin danda'an.
11. Qabxiin dhuma irratti kaasuu barbaadu haasaa obboo Daud keessatti hooggana keessaa wayyabni isaan waliin jiraachuu fi humna WBO Zoonii Kibbaa kanneen ajajaa turan keessaa nama tokko [Abdataa Baasaree] irraa kan hafe ammas ajaja isaan irraa fudhachaa jiraachuu dha. Jechii hoogganni wayyabni nu waliin bahe jedhu gonkumaa dhugaa miti. Hoogganni wal-qixa gargar bahe jechuun ni danda'a. Waldhabbii dura miseensotni Gumii sabaa guutuun /jijjiiramoo osoo hin dabalamin/ 29 turan. Kana keessa 14 murna obboo Daud hooggananitti yemmuu fincilan kan hafe isaan waliin hafan. Kan isaan waliin hafan jedhamn keessaa namni lama wareegamanii tokko ammaa akka isaanis tahe murna kamuu waliin hin dhaabbannee fi walgahii isaanii irrattis akka hin argamne ifatti kan hubachiise tahuu ifatti kan beekkamuu dha. Kanneen amma lubbuun hin jirre keessaa Jaal Laggasaa Wagii waldhabbii ture irratti kan ijjannoo hin fudhatinii fi Obboo Daud Ibsaas tahe J/ Kamaal Galchuu hanga wareegamutti qunnamaa ture.
Waa'ee ajajoota Zoonii Kibbaa irratti falmiin guddaan hin jiru. Garuu gaaffii guddaatu jira. Erga hoogganoota WBO nama torba keessaa nama 6 gama isaanii gore, humna isaan hoogganaa turan akkamitti namni tokko qofaan dhuunfate?. Dhugaan jiru ajajootni isaan jedhan hundi kanneen Shanee fi WBO gidduu taa'uun maallaqa sabboontotni biyya alaa jiraatan gumaachaniin jireenya isaanii gaggeessuu malee WBO quba hin qabne. Humna WBO fincilsiisee Jijjiirama jala akka galan kan godhe, dhaaba keessatti hoogganni waraana duulchisu, lolee lolchiisuu danda'u jiraachuu dhabuu irraa kan ka'e hooggana ture irraa abdii dhabuu dha. Akkuma kanneen isaan ajajuu /Murna Shane/ kanneen isaan hooggana Zoonii Kibbaa jedhaniin kun warra nyaatuu qofaaf jiraatuu dha. Shanee Zoonii kibbaa keessattis kan hoongesse dhugaa kana.
Barruu armaa olii kana irra wanni hubatnu hoogganni Shanee dirqama seenaa baadhachuuf dandeettii kan hin qabnee fi itti gaafatamas fudhachuuf qophii tahuu dhabuu isaanii ti.Ilmi namaa jireenya dhuunfaa keessattis tahee jaarmya keessatti kan madaalamuun jijjiirame agarsiiseen qofa. Jiraachuu fi bakkuma kaleessa turanitti ar’as aduun namatti dhihuun madaala hin kaasu. Hunda caalaa hoogganni tokko kan inni madaalamuun ummata nan qabsaawaaf jedhe onnachiisuun of jala hiriirsee kaayyoo ka’eef sana sadarkaa tokko irra sadarkaa biraatti ceesisuudha. Hooggana tokko kan madaalchisu badii dalagame irraa baratee kan fuula dura mudatan oolchuuf qophii qabaatuu dha. Hanga ammaa murna shanee irraa kana hin agarru, fuula duras tahuuf hin deemu.
Waldhabbiin ABO keessatti dhalates jibbaa dhuunfaa qabsaawota giddutti dagaage ykn murni tokko Oromoo dhimmee kaan ammoo faallaa dantaa Oromoo hojjatee osoo hin taane ummata Oromoo hoogganuuf gahummaa dhabuu murna Shanee Obbo Daud Ibsaatiin hoogganamuu dha. Baroota dheeraaf tokkummaa qabsaawotaa fi nagummaa dhaabaa tiksuuf obsaan jijjiirama fiduu fi ABO jaarmaya cimaa taasisuuf hojiin hojjatamaa ture fashalee sadarkaa ar'a irra jirruun kan nu gahe itti gaafatma seenaa badhachuu dadhabuu murna shanee ti. Hunda caalaa abdii kutachiisaa kan ture, mataan murna kanaa dhabiinsa qurcamuu hin dandeenneen sakaalamuu qofa osoo hin taane kan isa marsanii jiran, ABO dhabama irraa oolchuu yaada ijaaraa tahe gumaachuu dadhabuu isaanii ti. Inumaa Obboo Daud akka hooggana Dhaabaatti rakkoo keessaa bahuu hin dandeenye keessa akka lixu kan isa godhe gorsa jallataa faallaa fedhii dhaabaa fi yaada diigaa tahe kanneen isaa waliin sadarkaa ol’aanatti dhaaba taligaa turan maddee dha. Kanaaf murna hooggana hin qabne, akka qaama tokkootti hojjachuun rakkoo qabsoon Oromoo mudatteef furmaata akeekuu hin dandeenne irraa bilisummaa eeggatuun biddeena abjuun nyaatan taha. Bilisummaan Oromoo kabajaa nam-tokkee, murnaa fi jaarmayaa kamuu oli. Kanaaf bara hunda ololli dharaa gurra nu duuchee, dallaa hin jirre Oromoo gidduutti ijaaruun diinummaa hin jirre nu gidduutti dagaagsuu hin qabu. Ir’ina hoogganaatinis qabsoon Oromoo sakaalamuu fi qabsaawotni kaayyoo tokko bakkaan gahuuf akeeka qaban wal facaasuu hin qaban. Waadaan hooggana Shanee irraa bara dheeraaf nuuf seenamaa ture itti baani/result/isaa duwwaa dha. Murna shanee tokko tokko hin caalleef jecha wal dura dhaabbachuun qabsaawotaa akka nama dhadhaa baasuuf dhama raasuu ti. Duwwaa irraa bilisummaa ummatni Oromoo hin eeggatu. Tokkon tokkoon keenyas eeggachuu hin qabnu.
Kanaaf, maqaa hin taane walii kennuu irra sammuu walabaatiin dhugaa jirtu haa xiinxalluu. Ijjannaa dursinee fudhanne irra dhaabbannee wal yakkuu irra dhugaa jiru wal bira qabuun murtii Oromoof tolu fudhannee qabsoo saba Oromoo haa finiinsinuu.
Dhuma irratti ammoo irra deebi'e dubbiftootni koo akka naaf hubatan kan barbaadu, wareegama bilisummaa sabaaf jecha Obboo Daud Ibsaa fi kanneen ar'a akka "shanee Gumiitti" an maqaa tuqe baasaa turanii fi baasaa jiraniif kabajaa guddaa akka qabuu dha. Seenaa dabre irra deebi'ee akka qotu kan na godhe, wareegamni isaanii fi sabni Oromoo baase, baasaa jiruu fi bilisummaa isaa hanga gonfatutti baasuuf deemu akka firii godhatuuf malee eenyuyyuu madeessuuf akka hin tahin akka naaf hubatamu fedha. Akka amantii kiyyaatti dadhabbiin hooggana "shanees" tahe ilmaan Oromoo kanneen saba isaanitiif jecha bu’aa ba’ii mudatan hundaa tiksuun dirqamaa fi kabajaa lammii Oromoo Oromummaan boonuu hundaa tahuu qaba. Kan goota isaa f kabajaan hin qabnee alagaan dhaalame jedhu. Akka yaada kiyyaatti qabsaawotni as keessatti maqaa isaanii dhahe ykn tuqee fi jechaan akeeke hundi gootota keenya. Nu hundi akka sabaatti kabajaa uumamaa qabnu kan gonfachuu dandeenyu bilisummaa qofaani. Bilisummaa hundi keenya waliin hawwinu garuu hooggana kana jalatti argamuu akka hin dandeenne hubatnoo cimaa natti buletu barruu kanaaf na kakaase.
Hundi keessan Na hofkalchaa.
ABOn bara baraan haa jiraatu!
Tokkummaan Oromoo haa lalisu!
Injifatnoo Ummata Oromoof!!!
Monday, August 17, 2009
Sunday, August 16, 2009
Harreen nan haqadhatti keessa ishee mul'ifti jedhu?. Haasaa Obboo Daud Ibsaa Fuula 2ffaa.
Hunda dura wareegama Obboo Daud Ibsaa fi kanneen ar'a mursa isaa keessa jiraniif akka kabajuu qabu dubbiftootni barruu kanaa akka hubatan barbaada. Barruu ar'aa keessatti haasaa obboo Daud ilaalchisee dhugaa haasaa kana keessatti jallate dhugaan qajeelchuu yaala. Akka armaa gaditti na hordofaa.
Haasaa obboo Daud godhe irraa wanni barru gonkumaa siyaasaan akka harkaa badde, ummata Oromoo hoogganuuf dandeettii takka illee akka hin qabnee bifa shakkii hin qabneen ifa godha. Kun seenaa Obboo Duad fi dhaaba kana keessatti erga aangoo dhuunfatee ir'ina bulchiinsaa dhabuu irraa gaaga'ama inni dhaaba kanaa fi ummata Oromoo irraan gahee fi gahaa jiru ilaaluu nu dirqa.
1. Obboo Daud ibsaa 1981 summii diinaa nyaatee mana hidhaa seenee. Gaafa harka diinaatti kufu ajajaa saglii nama ture. Bulchina sammuu fi amala hoogganummaa akka hin qabne kan agarsiise mana hidhaa kana keessatti ture. kanneen mana hidhaa waliin jiraataniin akkaata nyaata itti qopheessan fi waliif hiran irratti mariin godhamee murna nyaataa maqros jedhamu akka dursu godhame. hojiin isaa nyaata dabareen akka godhan qindeessuu fi ofiifis hojii kana keessaa qooda fudhatuu ture. Filamee osoo xinnoo hin turin ofiif hojachuu diduu fi nama hojjachiisuu diduu irraa kan ka'e bakka sana irraa buufame. Kana akka aangoo guddaatti ilaaluun akka ijoollee daa'ima harma afaanii fuudhaniitti hiqqifatee akka boo'e kanneen waliin turan ni dubbatu. Kun keessi isaa jeeqamaa akka tahe sadarkaa hundaatti aangoof akkam akka bololaa tahe ragaa jalqabaa ti.
2. Ilmaan Oromoo oromoo hedduun WBO 1992 keessa akka diigametti hubata. dhugaan jiru garuu kanaa miti. 1989 Daud Ibsaa akkuma mana hidhaa tii baheen osoo muuxannoo lolaa takka hin qabaatin jila qabsaawotaa fi Kora sabaa 1989 godina bahaatti tahe irratti miseensa waajjira siyaasaa fi ajajaa WBO godhame. Namni kun waggaa tokkoof osoo waraana keessa hin turin hooggana ol'aanaa fi ajajaa WBO tahee filamuun ABO keessatti namootni akka dandeettiin hin filamne nama hubachiisa. Egaa Daud Ibsaa 1989 akkuma ajajaa Waraanaa taheen humna diiguu eegale. Ajaja godina dhihaa guututti harkatti galfatee kanneen baroota dheeraa inni mana hidhaa keessa turetti humna WBO godina sanatti gad-dhaaban hundaa ukkaamsuun ogummaa osoo hin qabaatin daangaa Suudan taa'ee humna kallattiin ajajuu eegale. Ajajootni WBO sagalee dhabuu irraa kanneen jajjaboo turan abdii kutatuun waraanni karaan banamee fi guddataa ture akka diigamu karaa bane. Haaluma kanaan ajajoota Waraanaa Godina dhihaa godhina godhan diinatti akka harka kennatanii qabsoo keessa bahan godhe. Ajajaan Simee jedhamee beekkamu kan Waraana keessatti gootummaan beekkame tarkaanfii Du'aa Daud irratti Dabarse baqatee humna barootaaf ijaaree onnachiise dhiisee naannoon itti dhalate Salaaletti deebi'e. Kanneen naannoo sana beekkan namoota humna Badhaadhaa Naannoo giddu galeessaatti humna godhe nama Simee jedhamu kana ture. Kan biraa nama miseensa Koree Gidduu ABO ture kan hoogganni murtii Du'aa itti muree 1991 TPLf yeroo biyya galtu harka kennate, jireenya jibbee nama of Ajeessee dha. Isa malee itti aanaa ajajaa Jajjabee kan ture gochaa diiggaa murna kanaatiin diinatti harka kennee humna keenya naannoo dhihaatti dura dhaabbataa ture. Ajajootaa fi miseensotni haala fakkaataan abdii kutatanii diina lolaa turanitti harka kennan lakkaawamanii hin dhuman.
3. 1991 Daud Ibsaa itti gaafatamaa Tikaa/intelligence/ godhamee ramadame. Dirqamni isaa haala diinaa jala bu'ee nagummaan hooggana dhaabaa fi miseensota dhaabaa akkaataa itti tikfamu godhuudha. Kana irra dabree haala humni keenya, ummatni keenya keessa jiru odeessa walitti qabamu irratti xiinxala gochuun haala qabsoon Ummata Oromoo diina injifachuu itti dandeettu karoorsuu ture. Wanni tahe faallaa kanaa ti. Guututti humna keessaa bahee Finfinnee-tti galuun osoo chaartara keessaa hin bahinii fi Wayyaaneen walitti bu'uu hin eegalin humna naannoo dhihaa qubatu rakkoo keessaa fi hulluuqxee seentota/ enemy infiltrators/ akka diigamu tahe. Ajajootaa waraanaa fi hooggana gidduu qunnamtiin cituu fi humni loluu fi ajajootni waraana irraa adda bahuun babal'ate. Yeroo waraanni mooraa ture ajajoota waraanaa fi hoogganootni humna dhiisanii magaalaa keessa yoo jiraatan humna ajaja malee hafe. Humna kana leenjisuun hidhannoo isaa guutuun gonkumaa irraanfatamee sadarkaa osoo qabeenyaa fi maallaqni jiru humna silaa lolaaf eeggamu waan nyaataa fi uffata dhabee sadarkaa miila qullaa adeemuu gahe. Egaa humni TPLF itti duulte humna haala akkanaatiin diigame ture jechuu dha. Kana irraa kan hubannu Daud akka nama tokkootti qabsoo kanaaf wareegama baasus dandeetti humna duulchisuu fi Oromoo ijaaruu akka hin qabne nama hubachiisa.
4. Haasaa Teleconference deggartootaa fi miseensotaaf godhe irratti Nation media asiin dura WBO bara hooggana isaanii jala turetti sochii hedduu akka godhe, keessattu bakka isaan jiranitti lolli guddaan xayyaaraa fi Taankiin deeggarame akka tahee Median Nation jedhamu oduu kana dabarsuu akka dide himan. Kun dhugaan kan wal hin argine, yeroo sanatti sakkattaan diinaa turus lola sana akka irraa baqatan kallattiin diinaan rasaasa tokko akka walitti hin dhukaasin dhugaa namuu haaluu hin dandeenyee fi jaallan amma naannoo sana jiran kan ragaa tahanii dha. Dhugaan jirtu akkuma dura jedhe Daud Ibsaa kan waraanaa fi lolaan wal hin beekne tahuu isaa ti. Bara 2000 keessa yeroo fotoqni murna QC mudate Asmaraa irraa naannoo kibbaatti argamuun akka humna jajjabeessu gaafatamee Nairobi gahee humna bira gahuu sodaachuun haala jeeqamni jiru keessatti ajajoota humna keessaa Nairobi-tti yaamee dubbisaa ture. 2004-2005 yeroo korri tahu humna biratti nama waraana leellisu fakkaatuuf Uniform Waraanaa uffatee naanna'aa ture. Yeroo Korri dhumatee Hayyu Duree jedhamu renjarii waraanaa of irraa baasee suufatti deebi'e.
5. Hoogganummaa fi adeemsi Daud Ibsaa fi murna isaa irraa kan oomishamu guddina qabsoo, ijaarsa WBO fi tokkummaa ummata keenya osoo taane daaraa qofa/ a legacy of ashes/. Ijaarsa ummata biyya keessatti deemaa ture guututti dhuunfatee saayinsii jaarmaya ummataa osoo hin hordofin akka abjuu isaatti nama gaggeessaa ture. Hunda caalaa ammala farra qabsoo Obboo Daud hordofan keessa inni hamaan hojii hunda namatti qooduu diduun ofii dhuunfachuu, bakka sochiin dhaabaa gaggeeffamaa ture hundatti jaarmaya dhaabaa osoo hin taane namoota hariiroo addaa waliin qaban qofa irratti irkachuu isaanii ti. Hunda caalaa kan inni amanu ijoollee naannoo isaa qofa tahuu irraa kan ka'e gaaga'amni kana hin jedhamne ummataa biyyaa irra gahe. Fakkeenyaaf, ilaalchuma nama naannootti amanuu kana irraa kan ka'e nama Guutaa jedhamu, kan diinaa fi ABO-fis hojjataa turetti jaarmaya ummataa naannoo Wallaggaa fi giddu galeessaa/shawaa/ irratti itti gaafatamaa gochuun guututti jaarmayaan kun diinaaf saaxilamee lubbuun Oromoota hedduu gar-malee akka qisaasamtuu fi dhibboota hedduun akka mana hidhaatti guuraman taasifame. Gaaga'ama haalli kun uume irraa hanga ammaatti deebisanii ummata ijaaruu rakkoo guddaa tahe.
6. Haasaa ar'aa kana irratti wal dhabbii isaanii fi qaama jijjiiramaa gidduu jiru furuuf hedduu akka tattaafatan fi karaa mootummaa Eritreatiin gaaffii araaraa dhihaate murni Jijjiiramaa akka dide dubbatan. Kun soba qaanessaa fi nama sadarkaa kanaa irraa kan hin eeggamne, akkasumas kan dhugaa jiruun wal hin beeknee dha. Akkuma jedhame mootummaan firaa qaama wal dhabe kana lameen giddutti araarsuuf hedduu tattaafatan.
A. Jalqaba yeroo rakkoon dhalate, tattaaffii J/Kamaal Galchuu Seeraan ala Ajaja Waraanaa irraa buusuuf walgahii murni shanee yaame mootummaan Eritrea kun akka ABO booressu, yaadni kun akka walgahii irratti hin dhihaanne akka gorsaatti yaada isaanii Daud Ibsaatti dhiheessan. Haasaa kanatti quufuu fi haala waldhabbii keessaa babal'isu akka hin fudhanne, seeraan ala J/Kamaal Galchuu Komaandii Waraanaa irraa buusuu yaada jedhu walgahiif akka hin dhiheessine warra firaa kanaaf waadaa seene. Waadaa seene diigee J/Kamaal seeraan ala mulquuf walgahii yaamee, Gumiin Sabaa yeroo harkatti didu mufatee walgahii dhiitee bahuun dirqama irraa akka bu'u iyyannoo galfate. Haaluma kanaan Bultum biyyoo haga korri guddaan yaamamuu akka isaan bakka bu'amu yaada dhiheessee walgahii kana facaase. Erga waldhabbiin kun dhalate boodas mootummaan firaa kun akka murna lameenuu walitti fiduu barbaadu Obboo Daud fi J/ Kamaalitti yaada isaa dhiheesse. Murni lachuu yaada kana fudhatanii jaallan isaanitiin gahanii akka isaanitti deebi'an waadaa waliif galamee adda bahan. Daud Ibsaa osoo hin turin hoogganni shanee araara dide yaada jedhuun mootummaa firaatti deebi'e. Tattaaffin mootummaan kun godhes fashale. Haaluma fakkaataadhaan bu'ureessitoota dhaaba kanaa keessa jalqaba irraa kaasanii haalli kun akka furamu tattaaffii godhaa turan. Osoo murni kun lameen adda hin bahin manguddoon biyya alaa jiraatuu fi bu'ureessaa dhaaba kanaa tahe, oduu fi ololli diigaan hedduun miseensota dhaabaa gidduutti akka deemaa jiru, kun yoo hin dhaabbatin gaaga'ama waan fiduuf akka rakkoon kun karaa nagayaatiin furamu barruub gaafate. Deebiin hooggana shanee irraa kenname gonkumaa dhaaba keessa rakkoon tokko akka hin jirree fi kanneen dhaaba kana jaalatan hundi akka hin yaaddofne barruun deebii kenne. Eegaa akka obboo Daud Haasayan nagummaa dhaaba, miseensota Oromoo fi ummata Oromoo tiksuufii araara buusuuf takkaa akka yaada hin qabne nama agarsiisa.
7. Haasaa ar'a Teleconfrence mataan Shanee godhe keessatti Videon WBO NTV darbe ummata Oromoo diiguu fi hamilee cabsuun kan godhame jedhu. Maaliif ykn akkamitti Oromoo diiga?. Kun kan nama jijjiirama deeggaru qofa osoo hin taane deeggaraa isaanii nama Esqi'el jedhamu maalache ture. Videon kun an akka waan gaariitti fudhadha, akkamitti Oromoo diiga jettan jedhee gaafate. Egaa ilaalcha kana irraa kan agarru Obboo Daud dhimmi Oromoo addunyaa irratti dhagahamuu fi ummatni Oromoo sochii WBO dhabee hamileen caphee oduu kanaan gammaduun diiggaa dha. Sababni isaa akka ilaalcha nama kanaatti murna isaan hooggananiin hojiin hin taane hundi diiggaa dha. Ummata Oromoo hojiidhaan abdachiisuu waan dadhabaniif, qabsoo Oromoo harka isaaniitti kufte lammii Oromoo biroo ol-kaasuuf ummata ijaruu fi loluufis akka mirga hin qabneetti amanuu agarsiisa. Kun akkuma mammaaksi jedhu "ani du'u marga hin biqilin" fakkaata.Gama birootiin qaanyii tokko malee Videon WBO NTV irratti mul'ate gochaa diinaa ti osoo jedhu gama isaanitiin humna qaban NTV dhaqee ilaaluu akka dide dubbatame. Yaadni kun wal-dhahuu dha. Videon kun ummata naannoo sanaa diinaaf saaxila jedhama taanaan humna isaan nan ajaja jedhu sana kaasuun maaliif barbaachise? Gaaffii kana dubbiftootaaf dhiisa. Kanuma waliin sochii murni jijjiiramaa godhaaq jiru keessaa diiggaa jedhamee kan dhihaate tattaaffii jaarmayota/qabsaawota/ Oromoo walitti fiduuf godhaa turee dha. Kun maaliif akka Oromoo diigu dubbataaf malee kan dhagahuuf kan galu natti hin fakkaatu. Daran kan hubannu, Obboo Daud fi murni isaan hooggananis tokkummaa Oromoo irraa akka fedhee hin qabne dantaa sabaa irra kan mataa isaanii qofa akka leellisan tahuu isaa ti. Raajiin guddaan murni isaan ajajan jaarmayoota biroo waliin walii galtee uumuuf akka carraaqan osoo dubbatan, qabsaawota bakka murni isaanii hin jirretti walitti dhufuun maaliif yakka tahe.
8. Akkuma jalqaba jedhe, obboo Daud Ibsaa akka nama tokkootti qabsaawaa tahus humna kamuu hoogganuuf bilchinaa sammuu fi muratnoo murtii jajjabduu akka hin qabne dalagaan isaa ni dubbata. Nama yeroo dhaabni rakkoo keessa jrutti yaada burqisiisuu hin dandeenye, nama yeroo hundaa yaada namootaa qofaan raafamuu dha. Gadaa isaa jalatti kan aqrgine injifatnoo osoo hin taane diigamaa fi wareegama gar malee dangaa hin qabne qofa. Hoogganni isa dure ture osoo rakkoon nmeeqa jiru humna keessatti cichanii, qabsaawota yaada garaa garaa qaban osoo hin facaasin gadaa isaanii fixan. Gaaga'amni fottoqa Qaama Cehumsaa fi duuba irra dhalates ir'ina hoogganummaa fi rakkoo keessa furachuu irratti bulchina dhaba Hayyuu Duree yeroo sanaa ti.
itti fufa

Saturday, August 15, 2009
ILaalcha jaarraa 19ffaatiin ummata jaarraa 21ffaa keessa jiru hoogganuun hin danda'amu.
Haasaa hayyu Duree shanee Obboo Daud Ibsaa Seattle-tti godhe dhageeffadhee hedduu gadde. Kan na gaddisiise baroota dheeraa maqaa qabsoo Oromootiin balleessee rakkoo jaarmayaa qabsoon Oromoo mudatee furuuf dandeettii horachuu dadhabuu isaa ti. Yeroma hundaa ilmi namaa dogoggora dalageef sababa tarreessuu nama hin dhibu. Badii dalagame garuu sababa dhiheessuun haquu akka hin dandeenye hubachuu dadhabuun ir'ina guddina sammuu nama sanaa agarsiisa. Haasaa Obboo Daud ibsaa irraa wanni bare ammas bara 2009 keessa jiraatus akkaataan addunyaa itti ilaalu 1970-ta bira dabruu dadhabuu isaa ti. Gaaffii mana keessaa haala amma ilmaan Oromoo jaarmayota wal-morman bira dabranii gosaan wal arrabsan arrabsan ilaalchisee deebiin obboo Daud deebisee jaarmyaan isaan hogganan akka ir'inoota barootaa irraa gonkumaa barachuu hin dandeenne akka aduu ibse. Haalli jaarmayaan isaanii keessa jiru jecha qurxummiin mataa irraa gad tortora jedhaniin na harkaa wal fakkaate.
Akkuma bara dheeraa dhagahaa turre, barattoota university, loltootaa fi ogeeyyii waraanaa, hojjataa, qotee bulaa, hayyoota Oromoo fi walumaa galatti lammii Oromoo ABO jala hiriire qabsoo saba isaa irraa qooda fudhachuuf laga qaxamuraa ture, jiraataa biyya alaa fi biyya keessaa matii isaa facaasee bakka baqaa dhaabni kun jirutti itti makamaa ture leenjii barbaachisuun cuuphanii qooda kennisiisuu dadhabuun rakkoo dhaaba isaan isaan hooggananii fi rakkoo guddaa qabsoo saba oromoo tahuu Obboo Daud hanga ar'aatti hin hubatan. Qabsaawota Oromoo dhaaba kanatti dabalaman, jireenya dhuunfaa wareegamanii saba isaanii walaboomsuuf dhaaba kana jala hiriiranii qabsaawaa turan bara irra baratti facaasuun, dhaaba isaan waggaa 10 oliif hoogganaa jiran waldhabbii keessaa qabsaawoota gidduutti dhalatuuf waltajjiin itti furatan dhabuu hanga ar'aatti qabsoo Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuu irratti dhibdee inni uume sammuun hoogganaa shanee hubachuu hin danda'u. Hunda caalaa Oromoon waa hubatu hooggana shaneef kabajaa akka dhabu kan taasisu garuu, ar'a yeroon Oromoo sadarkaa ofii waraana wal irratti banuu gahe kanatti kan murna shanee yaaddessuu fi anaannachiisu hoogganni dhaabaa isaanii qeeqamuu qofa.Yeroo hunda kan yaaddoon guddaan isaan irraa dhagahamu boorahiinsa tokkummaa qabsaawotaa fi saba Oromoo osoo hin taane hayyu dureen shanee Kora Sabaatiin "filame" akka isaan jedhanitti "abaaramuu" dha. Kora sabaa sana barootaaf irratti hojjatanii caasaa gandaa fi kanneen akka gabraa "maal ajajamnu" qofa beekan lakkoobsa wayyabaan qopheeffachuun osoo filmaatni hin godhamin akka of filan maaliif akka dagatan naaf hin galu. Dhaabni Oromoon akka qaroo ija isaatti ilaalaa ture kun jiraachuuf sababa kan tahe ummata Oromoo mataa isaa tahuun akkamitti wallaalama?. Dhaabni maqaa Oromootiin socho'u kan dhugama dhaaba ummataa ofiin jedhu yoo hunda dura tokkummaa Oromoo tiksuu hin dandeenne, jireenya isaa kan saba addaan kan faacaasu yoo tahe barbaachisummaan maqaa dhaaba akkanaatiif tokkummaa fi fuul-dureen saba Oromoo itti wareegamuuf namaa galuu hin dandahu.
Hunda caalaa qaanessaan propagandaa murni kun hundee jireenyaa godhate fi aadaa booddessaa hoogganni shanee ir'inoota mudachaa turan kamiifuu itti gaafatama qabaachuu of irratti beekuu dhabuu dha. Akka murni kun yaadutti Rakkoolee hanga ammaatti gurmuu qabsaawotaa facaasaa turan, ABOn sadarkaa akka muka goggogee qoola fixateetti akka dhaabbatu hoogganni isa taasise itti gaafatama qabaachuu of irratti hin beeku.Akka obboo Daud jedhanitti itti gaafatamaan isaan osoo hin taane diina. ABOn jaaramaya cimaa tahee as bahuu dadhbuuf itti gaafataman jaarmaya Oromoo dammaqsee, duulchisee akka sabni Oromoo of irratti abdiidhaan socha'u godhuu dadhabuuf kan itti gaafatamu hooggana ABO osoo hin taane diina Oromoo, Dargii fi TPLF. Akka murni kun yaadUtti kan ABO hoogganaa turee fi jiru Oromoo fi hooggana ABO osoo hin taane diina isaan akka qur'aanaa fi Kitaaba qulqulluu yeroo hunda fakkeenya /refere/ fakkaata. Kan nama dhibu ammoo diinni kun gabroomftaa osoo hin taane lammii Oromoo tahuu isaa ti. Yoo isaan dhaaba kana hoogganan tahuu amanan silaa kan rakkinootni kun hundi hin uumamne, uumamanis akka furaman kan godhu isaanuma kanneen hooggana irra barootaaf turan tahuu qaba ture. Dirqamni hooggana jaarmaya tokkoo humni isaan hoogganan rakkoolee keesaa fi alaa mudatuuf furmaata kennuu, hojii irratti bobbaasuu fi akeeka dhaabbataniif bakkaan irratti akka fuula deebifatan godhuu beekuun haa hafuutii guutumatti dirqamni hoogganaa maal akka tahe mataan shanee hanga ar'aatti hin hubatu.
Mataan shanee rakkoo dhugaa murni isaanii fi jijjiirama gidduu jiru deebisuu irra haxxummaan irra dabruu barbaadan. TPLF osoo gaara jirtu hoogganni ABO dadhabaa dha, ummata Oromoo hoogganuu hin danda'u jedhaa turte, waldhabbiin murna isaanii fi jijjiirama gidduu jirus itti fufa olola diinaa kana akka tahe ummataaf himuu carraaqan. Murna jijjiiramaan diina jechuun kan agarsiisuu sammuun isaanii dalaguu dadhabuu ykn dhukkubni kijibuu hooggana jaarmaya isaanii dhahuu mul'isa. Bara irraa baratti Oromoota yaadaan adda bahan kan yakkaa turaniin diinummaa dha. Kun kijiba tahuuf ragaan Fottoqa Jaarraa Abbaa Gadaa Irraa kaasee hanga ammaatti kanneen wal-dhabbiihdaan ABO irraa bahan tokkoonuu diinatti galuu fi kaayyoo diinaa gaggeessanii argamuu dhabuu isaa ti. Kun obboo Daud tahe murni isaa badii dabre irraa barachuu akka hin dandeenne, Oromoo diina isaa kan kaayyoo irratti duulchisuu osoo hin taane, yakka dharaa fi shira diiggaa akka bishaan "xabalaa" ilmaan Oromoo irraan naanna'uun facaasuu ogummaa tokkichaa isaan qabsoo waggaa 30 irraa baratan akka tahe agarre. Hayyichi Africa Nelson Mandela yemmuu dubbatu "You can never have an impact on society if you have not changed yourself... Great peacemakers are all people of integrity, of honesty, but humility." jedha. ABOn ummata Oromoo keessatti jijjiirama fiduu kan dadhabeef hoogganni isaa of jijjiiruu dadhabuu dha. Nagaa buusuuf nama safuu qabu, nama dhugaa dubbachuu danda'uu fi sadarkaa ummata hoogganuutti gadi-of buusee yaaduu danda'e qofa. Hoogganni Shanee dhugaa kana baratee ummata Oromoof hooggana sirrii kennuuf deebi'ee dhalatuu akka isa gaafatu haasaan obboo Daud ragaa taha. Sodaan kiyya garuu hoogganni barayyuu deebi'ee dhalachuu waan hin dandeenneef humna jijjiiramaa fi itti baha agarsiisu osoo hin taane kan boodatti harkisuu fi sochii ummataa laaffisuu tahee hafuu isaa ti. Hunda caalaa gaddisiisaan ummatni Oromoo hooggana safuu hin beekne, hooggana bilchinaa fi qaroomaan osoo hin taane kijibaan gaggeessu jalatti yeroo dheeraa dabarsuu isaa ti.
Ilaalchi dogoggoraan shaneen hordofaa turtee fi ammas hordofaa jirtu maal irraa madda jedhanii gaafachuu barbaachisaa dha. Maaliif humni 1970-ta keessa akka humna warraaqaatti ilaalamaa ture booddessaa achi aanu tahee as bahe gaaffii jedhuufis deebiin argamuu qaba. Akka an yaadutti dogoggorri shanee inni duraa ilaalcha akkaataa isaan itti of yaadan irraa maddu. Ilaalcha 1970-ta keessa ture ilaalcha leelliftootni sirna Marxism hordofan kan isaan qofti jaarmaya haqaa, kan kanneen hafan hundaa diinaa fi jallataa jedhu irraa madda. Akkaataa isaan yaadanitti yaadni hunda kan murna isaanii yoo hin tahin dogoggoraa dha. Kan yaada isaa qaban irraa adda qabu hundi dhabamuu qabu. Sababni isaas jireenya jaarmaya isaanii kan irratti hundaa'u caalaa hojjatee ummata amansiisuu osoo hin taane akka jechaa waaqaatti namni biraa shakkii irratti qabu jiraachuu dhabuu dha. ABO jechuun ummata Oromoo ti, ummata Oromoo jechuunis ABO dha, kan ABO ykn hooggana isaatiin mormu nama tokkos tahe ummata biyya guutuu tahu dhabamuu qaba. Obboo Daud haalla boora'iinsa tokkummaa biyya alaa keessatti calaqqisaa jiruu fi biyyatti hafuursaa jiru wanni isaa yaaddessuu dhabeef ilaalcha jallataa ABO jechuun Oromoo dha jedhu waan taheef, ddigmni saba Oromoo, wal-nyaachuudhaan bilisummaan isaa gufachuun isaaniif galuu hin danda'u. Oromoo caalaa kan tikfamuu qabu maqaa fi kabajaa hooggana Shanee ti. Rakkoon biroo murni kun qabu gadaa amma keessa aadaa wal-dhagahuu fi rakkoo jiru mariin fixatuu ti. Kanaaf haala amma deemaa jiru kana irraa sirriitti kan hubatnu hoogggaanni shanee ar'as ilaalcha yaadaatiin jaarra tokko ummata Oromoo booda jiraachuu isaa ti. Hoogganni Shanee kun hooggana lubbuun jiru, sammuun yaadu osoo hin taane shaneen hooggana ekeraa maqaa qofaan hafe, hooggana keessaahis hooggana laamshoo/dadhabaa jaarraa dabre keessa jiraatee dha. kanaafi kan hoogganni jaarraa 19ffaa ummata jaarraa 21ffaa jiraatu hoogganuu hin danda'u jedheef.
HORDOFAA ELEMOO QILXUU

Friday, August 7, 2009
Yeroo Gabroomfataa fi "Bilisa Baasaan" tokko tahu.
Video WBO tv biyya Kenya-tti agarsiifama jiru irratti murni lama waliif galteen akka hojjataa jiru dhagahama. Murni tokko kan lammii Oromoo lafa irraa duguuguu fi haala fedhe keessatti saba Oromo hidhamaa Empaayera Etoophiyaa taasisee tursiisuu barbaadu yommuu tahu, tokko ammoo murna SH-G-ABO ofiin jedhu kan "bilisummaa"saba Oromoof falma jedhaa turee dha. Kun akkamitti akka tahu Oromoof salphaatti kan hubatamu tahuu baatus, gadi-fageenyaan kan ilaaleef murna kana lameen jidduu garaa garummaan jiruu fi ture maqaa qofa akka tahe hubachuun nama hin dhibu.Fagoo osoo hin deemin Shaneen media addunyaa irratti bahuu falmaa sabni Oromoo godhu dura dhaabbachuun qofti bilisummaan saba Oromoo kan isaan yaaddessuu fi akeeka biroo maqaa Oromootiin gaggeessan akka jiraachuu agarsiisa. Dhaabni wareegamni gootota ilmaan Oromootiin baroota dheeraaf jiraate ar'a farreen ummataatiin dhuunfatamee mooraa qabsoo keessatti shiraa fi kaayyoon diinaa akka gaggeeffamu tahuun kan hedduu nama gaddisiisuu dha.
Barruu shaneen maaliif Video WBO arguu Jibbite jedhu kaleessa maxxanse irratti murna amma shanee gaggeessu yakka hedduu qabsoo bilisummaa irratti raawwachaa tureef sodaa guyyaa tokko seeraan gaafatamna jedhuun mataan hidhame akkuma gabroomfattuu Habashaa bilisummaa Oromoo irraa yaaddoo qabaachuu isaa ti. Sababni biroo murni shanee murna dantaa dhuunfaatiin ijaa jaame, tuffii guddaa saba oromoo irraa qabuu tahuu hubachuun barbaachisaa dha. Kana malees ilmaan Oromoo biyya isaaniif falmatuuf hayyama shanee malee akka mirga hin qabneetti kan yaaduu fi walqixxummaa ilmaan Oromootti kan hin amannee dha. Waldhabbii bara dabre mooraa ABO keessatti mudatee fi olola murni kun oofaa ture irra deebi'anii ilaaluun eenyummaa murna kanaa fi ilaalchi isaanii dhukkubsataa tahuu hubatuun ni danda'ama. Murna shanee keessatti ol'aantummaaf waldorgoman, Murna Tamaam Yuusuf, Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa yoo ilaalle isaan hunduu Oromoo naannoo isaanii kan biraa akka caalu fi isaaniin hoogganamuu fi eebbifamu malee mirga an Oromoo dha jedhee of yaamuuyyuu akka hin qabnetti hubatu. Akkaataa itti nama ijaaraa turan yoo ilaalle;
A. Murni Tamaam Yuusuf naannoo inni itti dhalatetti Oromoon dhalate akka qabsoo kanaaf oromoo hunda caalaa wareegama baase, kan isaan irraa hafe hambaa Oromoo namni biroo qabsaawee Oromoo isaa taasisu akka taheetti hubata. Kana irraa kan ka'e ganda keessa bobba'uun qabsoo isin wareegama itti baaftan kanneen hanga nuti hayyamnutti Oromummaa qabaachuu hin mallee isin irraa fudhataa jirti jechuun ummata jibbaa diinaa osoo hin taane jibbaa lammii irratti ijaara.
B. Murni lameen hafan murna Oromoo hafan hundi lammummaan sadarkaa nama naannoo isaanii dhalatee gadi akka tahan, ummata yoo namootni biroo itti himan malee Oromummaan maal akka taate hin beekne, ummata barnoota hin qabne kan doofummaa keessa jiraatu waan ta'eef waan nuti itti himnee ala bahu diina Oromoo jedhamuu qaba jedhu. Yeroo tokko tokko tuuta titisaatin walfakkeessu. Yeroo tokko tokko loon namni hayyisu jedhuun.Ilaalchi isaanii nafxanyaan walfakkaatas. Nafxanyaan ilaalcha nafxanyummaa irratti jaarmaya Amaara qofaan ijaarameen kan nama toophiyaa hunda bakka bu'u jedhaan. Kanneen bifa fakkaatan lammii isaanii ijaaran mirgaaf dubbatan ammoo dhiphoo dha Nafxanyoota biratti. Maqaa tokkummaatiin Nafxanyummaa dagaagsu. Murni shanee Abbaa Caalaa fi Daudiin durfamu kunis akkuma murna Toophiyaa sana gartuu isaan hoogganan irraa kan hafe ilmaan Oromoo naannoo hundaa osoo keessatti qooda fudhatan illee murna gandaa jedhaan.Kan ilaalamu maal irratti ijaaramanii osoo hin taane eenyutu hoogganaa dha. Egaa walumaa gala, akka murni kun yaadutti Oromoonni isaan irraa hafan uumamaan badhaafamanii naannoo isaaniitti hin dhalatin
'doofaa" namni waan hojjatan itti himuu qabu waan tahaniif waan mataa isaanii fi saba isaaniis dubbachuu hin danda'an, maqaa Oromoos dhahuun hin hayyamamuuf hanga murna "qaroo, barate" kana irraa eebba fudhatanitti. Akka ilaalcha murna kanaatti Oromoon hundi walqixxaa'uu kan danda'u uumamaan osoo hin taane erga isaan kunuunsanii, Oromummaa hafuura qulqulluun erga itti guutan booda taha. Gabaabaatti ilaalchi murna kanaa Oromoo uumamaan osoo hin taane ilaalcha dhiphoo irraa ka'anii ibsu ykn /define/ godhu.
yaada armaa olii kana irraa wanti hubatamu murni lameenuu wal qixxummaa ilmaan Oromoo uumamaa fi Oromummaan waa'ee Oromoo irratti qaban murna hin fudhanne murna booddeessaa fedhii Oromootiin mormuu dha. Ilaalchaan boodatti hafaa tahuu isaanii irraa osoo hin hubatin tarree cunqursaa dhaabbatu. Kan walqixxummaa ilma namaatti hin amanne bilisummaa sabaatiif falmuu hin danda'u. Hanga oromoo hundi qabsoo keessatti qooda walfakkaataa akka qabu hin hubannetti isaan hoogganuu fi qooda barbaachisu kennisiisuuf ilaalchi jallataan mataa isaanii keessatti uumame isaan dhoorka. ilaalcha jallataa isaan qaban kanatu Oromootti akka hinaafan, diina kaayyoo dhiisanii akka Oromoo irratti duulan, maayyii irratti akka gurmuu saba oromoo diiganii fi tokkummaa qabsaawotaa booressan kan isaan godhe.
Hunda caalaa farruumaa murna shanee kan ibsu, WBO arguuf jibbansa isaan gidduu kana agarsiisaa jiranii dha. Videon mul'atu humna keenya diinaaf saaxila yaadni jedhu kan hin tuffatamne tahus naannoo sanatti humni keenya bal'inaan socho'uu diinni dur irraa akka beeku namuu ni hubata. Kana irraa ka'anii humni TPLF fi Homaan waraanaa mootummaa Kenyaa sakattaa waliin qindeeffataa akka turan iccitii tahuu hin qabu. Kanaaf sochiin WBOn naannoo sanatti godha ture iccitii miti. Kana irra dabrees humna kun Video irratti afaan inni dubbatu Oromoo tahuu osoo argan humna Turkaanaa, Somaalee fi kkf jechuun isaanii akkuma duratti jedhe Oromoonni naannoo tokko tokko qubatan kanneen hafan irraa gadi- ilaalchi jedhu akka mataa isaanii xaxee ija isaani jaamse ragaa taha. Falmaa siyaasaa fi waraanaa keessatti bakki ololaa fi sochii ofii addunyaa irratti beeksisu qabu guddaa akka tahe namuu ni hubata. Murni shanee dhugaa kana Osoo beeku WBO dura dhaabbatee akkuma Wayyaanee mormuun ajandaa biroo akka qabu, bilisummaan saba Oromoo irraa yaaddoo akka qabu agarsiisa.
Kaleessa Video NTV irratti dabre dhaabuuf mootummaan TPLF tattaaffii guddaa akka godhe dhageenne. garuu kun diina keenya irraa dhufuun nama dinquu hin qabu. Kan Oromoon gaafatuu qabuu fi Murni shanee deebisuu qabu garuu maaliif WBO dura akka dhaabbatan, ijjannaa bilisummaa saba Oromoo irratti qaban, akkasumas obbolummaa TPLF waliin horatan maal irraa akka maddee dha. Akka an yaadutti Murni shanee WBO dura dhaabbachuun murtii tooftaa kan humna jijjiiramaa mormuu osoo hin taane imaammata blisummaa saba Oromoo dura dhaabbachuu isaan qaban irraa madda. Ummatni Oromoos kan tolchee hubatuun qabsoo isaa leelliftoota kaayyoo Habashaa maqaa "bilisummaa" saba Oromootiin gaggeessan irraa tikfachuu qaba.
Injifatnoo Ummata Oromoof!!!
Roobaa Bultum

Wednesday, August 5, 2009
Shaneen Video WBO Maaliif Arguu Jibbite?
Gara biyya America dhufuu mataa Shanee fi Kora Atlanta irraa Oromoo kan eegaa ture, waldhabbii mooraa qabsoo keessatti dhalateef furmaatni ni bu'a kan jedhu ture. Karoorri hojii shaneen itti bobbaate garuu Oromoo gidduutti kan araara buusuu osoo hin taane akkuma baroota hedduu itti dalagaa turan jibbaa fi diigumsa Oromoo gidduutti babal'isuu tahe. Seenaa bara dheeraa keessatti hooggana shanee irraa kan argine, ilmaan Oromoo oromummaa irratti ijaaruun bilisummaa sabaaf duulchisuu osoo hin taane jibbaa walii irratti ijaaruu dha. Hojiidhaan wanni ummata Oromootti mul'ifamu waan hin jirreef yaada Oromoo ittiin facaasuuf yeroo hunda ABOn diina uumuu qaba. Yeroo barbaachise ilmaan Oromoo lammummaa jijjiiranii Amaara godhuun, kanneen akkaataa dhaabni itti hojjataa ture irraa gaaffii qaban ergamtoota diinaa godhuun, kanneen dhaaba keessatti dhibdee jiruuf furmaata sirrii akka argatu gaafataa turan badii hin jirreen yakkuun qabsaawota facaasuun aadaa bara dheeraa murni amma shanee ofiin jedhu hordofaa turee dha.
Dhihoo tana beeksisa Video WBO TV Kenya baasee fi jireenya WBO mormuuudhaan ibsi murni shanee baase hunda caalaa eenyummaa isaanii kan saaxilu fi farra bilisummaa Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Duad Ibsa ABO sadarka dur inni ture irraa akka maqaan isaa dhokotu taasise. 1992 WBO mooraatti galchee diinaan akka rukutamu godhuu irra dabre diinagdee Waraanni hidhannoo fi jireenyaaf itti dhimma bahu sassaabee diinaaf kennuu kan hafe ammoo biyya ollaa Suudaannii fi Kenya keessatti jalee isaa waliin itti jiraachaa ture. Irra deddeebi'ee waraana qorannoo tokko karaa biyya ollaa bobbaasuun osoo biyya hin seenne dangaa Suudanii fi Somaaleetti rasaasa diinaatiin akka baalaa mukaa akka harca'an taasisan. Fakkeenyaaf humni 2500 gahu 2006 keessa Somaalee seene osoo hidhannoo guutuu qabu akka hiikkatee ganda keessa taa'uu fi ittisa tokko malee humni Tigree ganda keessaa walitti qabee akka fixuu fi mana hidhaatti guuru maaliif taasifame? Osoo dhugaan diina Oromoo dura dhaabbatuu fi waraana biyyaaf lolu ijaaruu fedhiin jiraate humni sun biyya sana keessatti kanneen yeroo sana Tigree lolanitti golgaa galee of ittisuu irrada dabre muuxannoo dirree waranaa bilchaatuu danda'a ture. 2005 Jaal Irreessaan akkaataan itti wareegame kan hanga ar'aa adda hin bahinii fi harki Daud Ibsaa wareegama isaa keessa akka jiru kan shakkamuu dha. yeroo inni wareegamu odeessi ture humni J. Irreessaa /Temesgen Caalaa/ hoogganamu karaa Suudaniin biyya seenaa akka jiru kan hime nama SPLA yeroo sanatti Eritrea ture jedhama. Garuu kun waan dhugaa irraa fagaatee fi harki shanee keessa jiruu dha. Shaneen maaliif Col. Irreessaan akka harka diinaatiin wareegamu barbaadde? Sababni isaas hanga yeroo sanaatti namoota seenaa keessatti WBO-tti dabalaman keessaa nama Saayinsii waraanatiindandeettii guddaa qabu, fi nama dirree bahaa keessatti humna jajjabii diinaa sodaatamaa turte leenjisee dha. Hooggaanni ABO Asmaraatti galee qabsoo irraa fagaachuutti hedduu nama gubatee fi shanee halkanii guyyaa akka hoogganni biyyatti deebi'u nama taa'umsa dhoorke ture. Kun ajandaa Murni Daud Ibsaa WBo dhabamsiisuuf qabuun kan wal mormu waan taheef Col. Irreessaa murtii du'aa irratti muran.
Kana irra dabrees oromoon hoogganummaa Daud Ibsaa fi hariiroo inni diina waliin qabu irra deebi'ee qorachuu qaba. Bara 1981 dirree Dhihaatti Daud ibsaa summii nyaatee akka harka diinaa bu'ee fi waggaa 8 hidhame haasa'amaa ture. Namni kun jaallan waliin turan akkamitti dhumanii inni hafuu danda'e? Mana Hidhaatii akkamitti bahuu danda'e? Mana hidhaatii bahee osoo waggaa tokko hin turin akkamitti Waajjira Siyaasaa tahee filamee damee tikaa/ intelligence/ akka hoogganu ramadame? gaaffiileen jedhan hanga ammaa hin deebine. Kana malees 1992 irraa kaasee hanga 1998 dirreetti akka deebi'u yeroo dheeraa gaafatamee yeroo WBO biyya keessaa dhiibamee Somaaliyaatti bahu maaliif Waraanatti deebi'e? Ergaan diinaa keessa jiraa? waan jedhan gaafatuun barbaachisaa dha. 1993 Daud Ibsaa yeroo Nairobi turetti nama embassy Etoopiyaatti deddeebi'u tokko akka of irraa eegan itti himame. Namni nama miseensa dhaabaa turee fi 1991-92 humna tikaa waajjira Finfinnee keessa turee dha. Odeessa argatan kanaan jala bu'anii Pasport Etoophiyaa boorsaa isaa keessatti argama. Nama kana qorachuu fi hariiroo inni diinaan qabu adda baafachuu irraa ajajaa humna naannoo Horroo bobbaatuu godhanii biyyatti deebisan. Namni akkuma Daud Ibsaa dhalootaan nama naannoo sanaa ti. Biyyatti deebi'ee humna akka gaariitti ummata keessatti of ijaare, hoogganoota ciccimoo horate yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti akka diigamu taasise. Nmni kun erga humni diigame booda Finfinneetti akka deebi'u godhamee maadhee dhaabaa magaalaa tokko tokkoon mancaasisee ofii Kenyaatti deebi'e. Ummatni magaalaa Diina waliin akka namtichi kun hojjataa ture osoo gabaasuu Daud Ibsaa 1998 bakka bu'aa dhaabaa godhee magaalaa Nairobitti ramade. egaa kana hundaa irraa wanni barru murna shanee ar'aa kana keessa harki diinaa caasaa diriirfatee akka jiruu dha.
Gaaffiin amma deebi'uu qabu garuu yeroo ammaa kanatti shaneen Video WBO media adda addaa irratti bahu maaliif balaaleffatu? namni murni shanee kibba keessaa humna qabdu ykn mootummaan Kenya osoo yakka tokko isaan irratti hin dhiheessin maaltuu isaan waccisiise?. Yaada armaa olitti dhihaate kana irraa kan hubatnu murni shanee kun yakka bara dheeraa WBO irratti hojjataa tureen gaafa tokko akka itti gaafatamu waan beekuuf jireenyaa fi jabeenna WBO akka hin barbaadne tahuu isaa ti. Biyya keessa keessatti humna dirree Dhihaa keessatti diinaan salphifame deebi'ee Abbaa Caalaa fi Daud arguu akka hin dandeenne argu ammoo akka tarkaanffii maayyii irratti fudhatu kanneen naannoo dhihaa beekan sirriitti hubatu. Oromoon naannoo dhibii dur hin beekne ar'a murni shanee kun murna farra WBO fi ummata Oromoo tahuu isaa siriitti hubata. Murni kun diina qabsoo bilisummaa fi murna tokkummaa Oromoo booressuuf, akkasumas guyyaa bilisummaa Oromoo fageessuuf socho'u tahuu Oromoon hubatee dura muratnoon dura dhaabbatuun yeroon isaa amma tahuu qaba.

Kanneen Oromoo Diiguu Akeeka Godhatan Irraa ijaarsa hin eegnu
Akeekni ABO ummata Oromoo cunqursaa bifa hundaa jalaa baasuu fi Oromiyaa walaba taate ijaaruu dha. kaayyoon kun kaayyoo xaliilaa fi wabii jireenya ummata Oromoo ti. Haa tahu malee Ummata Oromoo salphina gabrummaa wagaa dhibba jala ture keessaa baasuun kaayyoo xaliila qabaachuu ol gaafata. Hunda dura ummata tokko ta'e, biyya tokko qabuu fi hireen isaa walitti hidhamte kana deebisanii ijaaruu fi akka nama tokkootti akeeka tokko bakkaan gahuuf akka warraaqu gochuu feesisa. Tokkummaan sabaa waan hojjannu hunda dursa.Waa'ee Bilisummaa Oromoo tokkummaa Oromoo malee dubbachuun nama dhiba. Tokkummaan Oromoo osoo hin argamin bilisummaan dhugaa fi fedhii saba Oromoo bakkaan gahu jiraatuu hin danda'u. Dhugaan kun lammii Oromoo bilisummaa hawwu hunda biratti ifaa dha. Dhugaa kana kanneen maqaa bilisummaa Oromootiin socha'an ni wallaalan jechuun nama dhiba. Garuu barootaaf mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti shira tokkummaa Oromoo fi gurmuu qabsaawota Oromoo diiguuf xaxamaa ture yoo ilaalle kanneen maqaa Oromoo himatan keessattuu murni SH-G-ABO farra tokkoffaa tokkummaa Oromoo tahee mul'ata.
Beeksisa Video WBO maqaa "inside the rebel teritory" jedhuun dhiheenya kana bahe ilaalchisee ololli murni Shanee oofaa jiru farra warraaqsa Oromoo fi booressitoota tokkummaa saba Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Seenaa bara dheeraa keessa deebinee yoo ilaalle ABO kaayyoo xaliila tokkummaa Oromoo mirkaneessuu fi bilisummaa sabaa argamsiisuuf gootota ilmaan Oromoon ijaarame farroota diina tokkummaa fi bilisummaa Oromoon guututti akka dhuunfatame hubachuun ni danda'ama. Kanaaf seenaa diiggaa fi farrummaa murna shanee sirriitti hubachuuf muuxannoo baroota hedduuf dhaaba kana keessaa qooda fudhachuun qabu dubbiftootni barruu kanaa xiinxala mataa isaanii irra akka gahan bifa armaa gadiitiin dhiheessa. Muuxannoo kiyya irraa ka'ee murni farra warraaqsa Oromoo fi tokkummaa akka tahe ragaa waliin dhiheessa.
1. Waldhabbii murna shanee fi Qaama Cehumsaa gidduutti dhalate; Waldhabbii murna kanaa fi Shanee gidduutti tahe irraa deebinee yoo ilaalle eenyummaa murna shanee hubachuun nama hin dhibu. Jalqabuma irraa kaasanii rakkoo qabsaawota gidduutti dhalate furuu osoo hin taane facaasuu irratti bobba'an. Osoo murni Dhugaasaa Bakakkootiin hoogganamu dhaaba keessa jiru harka lafa jalaatiin, ijoolleen naannoo Naqqamtee dhaaba irratti finciluu barbaadu ololli jedhu harka lafa jalaatiin oofamuu eegale. Kanatti dabalees ijooleen naannoo sanaa [Naqqamtee] hundi qabsootti amantee osoo hin taane Galaasaa qofa of duratti ilaaluun qofa akka miseensota dhaaba kanaa tahan lallabuu jalqaban. Hunda caalaa kan nama dinqu garuu kanneen barootaaf qabsoo keessa turan goobanticha Morodaa Bakaree Oromoo ganee Minilikitti harka keenne waliin walitti hidhuuf tattaafachuu ture. kana irra dabramees hoogganni dhaabaa ol'aanaan osoo hin hafin Murni Galaasaa Dilboo akka TPLF waliin harka lafa jalaatiin hojjachaa ture walgahii miseensotaa irratti himan.Rakkoon kun akka furmaata dhugaa hin arganne, namoota madeessuun akka daran hadhaawu gochuu fi qabsaawotaa fi Oromoota naannoo adda addaa gidduu akka wal shakkiin dagaagu shira xaxuu itti fufan. Kanneen dhugaa kana hin beekne ifatti bahanii qabsaawota kaleessa waliin kufanii kuffisaa turan akka diinaatti ilaaluun maqaa xureessuun itti fufee diigamni 2001 dhalate. Sababa kanaan ilmaan Oromoo hedduun ABO irraa akka bahan jaallewwan isaanii dura akka dhaabbatan akkasumas akka abdii kutatanii manatti galan taasifame. Dhibdeen kun caasaa ABO bira dabree akka hariiroo hawaasummaa ilmaan Oromoo gidduu jiru boorahu godhe.
2. Waldhabbii 2008
Waldhabbii kanaaf sababni guddaan dhibdee qabsoo bilisummaa saba Oromoo mudatte furuu irratti garaa garummaa yaadaa dhalate ture. Murni tokko [kanneen amma Jijjiiramaan bekkaman] xiinxala godhame irratti laamsha'uu qabsoo Oromootiif sababni guddaan aadaa dhaabaa keessatti karoorri bahu hojii irra ooluu dhabuu fi kanaafis sababni aadaan namni hojiin itti madaalamu jiraachuu dhabuu, hoogganni jiru dhibdee qabsoo Oromoo mudatteef furmaata qormaata dhugaa irratti hundaa'e dhiheessuu dandeetti akka hin qabne hubatan. Kana malees hoogganni ture ilmaan Oromoo dhaabatti dabalaman leenjisee hojii isaaniin malutti ramaduu dadhabuu, ganna kudhanii ol baqattummaa keessa jiraatuun haala ummatni Oromoo keessa jiru kan quba hin qabnee fi qabsoo saba Oromoo hoogganuuf hamileen akka ir'atu yaada kanneen shaneen mormaan dhiheessan ture. Gama murna shanee irraa kan dhihaate, qabsoon saba Oromoo waggaa 10 ol hooggana dhabuun rakkoo akka hin tahin, rakkoon ture namni waliif ajajamuu dhabuu fi gandummaa dha yaada jedhu ykn xiinxala jedhu irra gahan. Xiinxala jaamaa kana irraa dhaabbatuun tattaaffii hooggana biyyatti deeisuu fi humna waraanaa ijaaruu dura dhaabbatan. Ajaja Waraanaa addatti ijaarame akka karoora lafa kaayametti diinagdee hojiif barbaadamu dhorkachuu fi biyyoota ollaa irraa qaadhimamtoota dirree leenjisaatti dhihaachuu qaban karaa itti cufan. Waldhabbiin jabaataa dhuftee kanneen dhaaba keessa jiraanii fi fagoo arganis rakkoon kun karaa nagayaatiin akka furamu osoo tattaafatan miseensotaa fi hoogganoota dhibdee ABO sakaaleef furmaata barbaadan olola irratti oofuu jalqaban. Osoo dhaaba keessa jiran SBO-tti gargaaramuun warra "mana barnootaa OPDO" irraa bahe jedhaniin. Bakka hundatti caasaa dhaabaa yaada keenya hin fudhatu jedhaniin diiguu eegalan. ilmaan Oromoo barootaaf wal-amantiin waliin qabsaawaa turan guyyama tokkotti diina walitti taasisan. Bar murni kun OPDO waliin hojjataa, ganda akkasii ijaara jechuu jalqaban. Ifatti jaallan isaanii akka hoogganaatti waliin dalagan kora sabaatiin filaman barruu maqaa xureessii irratti facaasuu eegalan. Akkuma 2001 ammas ABO bakka lamatti facaasuu itti milkaayan. Akkuma 2001 murna QC OPDO fi farra qabsoo godhanii dhiheessan, olola dharaatiin miseensota shira isaanii hin hubatne walitti duulchisan dhaloota naannoo Arsii fi Baaletti dhalate hunda OPDO fi leelliftoota Juneeydii Saaddoo godhan. Loqoda nama naannoo Arsii fi Baalee hunda loqoda OPDO godhan. Gootoa naannoo kanatti dhalatan kanneen lubbuun hin jirre hunda abaaruu itti fufan. Ololli diiggaan kun hanga ar'aatti itti fufee jira.
3. Hawaasa Oromoo dhiiguu; Biyya hundaa keessatti murni shanee ijaarsa hawaasa Oromoo hunda dhuunfachuuf tattaaffiin godhaa ture bakka hundatti ijaarsi Hawaasa Oromoo akka boora'u taasise. Jaarmaya hawaasaa dhuunfachuuf qofa kanneen hooggana ABO fi adeemsa qabsoo irratti quufa hin qabne, gaaffiilee haqaa qaban hunda akka diinaatti adda baasanii itti duuluu eegalan. Dhaadannoo ABO jechuun ummata Oromoo ti, Oromoo jechuun ABO jedhu irratti hundaa'uudhaan kanneen walaba tahan hunda diina Oromoo fi qabsoo bilsummaa godhanii dhiheessuun akka ummataan jibbaman duula wal irraa hin citne irratti gaggeessan. Maqaa namootni hin qabne itti maxxansuun namootni hedduun bakka Oromoon itti walgeette akka lagatanii fi Oromummaa irraa abdii kutatan taasisan. Jaarmaya keessatti ilaalchi gandummaa akka babal'atu gochuudhaan Oromoo akka wal-shakkuu fi Oromummaan osoo hin taane eenyuu keenyatu achi keessa jira yaada jedhuun akka walitti dhufu dirqan. Minesota keessatti hawaasa bara dheeraaf ititaa ture, namni murni shanee ittiin hawaasa toohatuu barbaadu filmaata keessaa hafuu qofaan ilmaan Oromoo baroota dheeraaf hafuura obbolummaan waliin jiraataa turan diina walitti godhan. Kanneen baroota dheeraa qabsoof of wareegaa turan guyyama akkaataa dhaabni qabsoo Oromoo itti gaggeessu irratti gaaffii dhiheessan, kun Amaara, OPDOf hojjata fi olola kkf fakkaatuun maqaa xureessun ilmaan Oromoo danuu waltajii hawaasaa irraa ari'uutti milkaayan.
4. Murni Shanee Yeroo adda addaatti kanneen bifa jaarmaya siyaasatiin of ijaaran irratti olola tokkummaa Oromoo booressu oofaa tureef haalli FIDO, AWO, GUMI fi ibsoon keessa dabran ragaa guddaa dha. Barootaaf imaammatni murni shanee ilmaan Oromoo gar-gar faacaasuuf hordofaa ture ar'a sadarkaa nama gosa keenyaa malee kan biroo dhagahuu nu hanqisuu fi kan keenya jennuun malee kan hafe hundi akka diina walii tahetti Oromoon fudhattu irraan saba Oromoo gahan.Yeroo ar'a adda faca'uu hawaasa Oromoo irraa kan ka'e kan Oromoon akka hoogganaatti ilaaltu hin jiru. Kan jiru hooggana gandaa malee hooggana Oromoo miti. Haala 1992 keessa turre yoo ilaalle hangam akka hawaasni Oromoo diigamee hubachuun nama hin dhibu. 1992 Oromoo kutaa Oromootti dhalate hunda xinnaatu harki 90% hooggana ABO akka hooggana biyyaatti /National Leader/ ilaala ture. Amma haalli keessa jirru fokkisaa fi fuula dura deemuu ykn kaayyoo ummata tokko, biyya tokkoo fi hiree takka jettu san irraa akka fagaataa jirru mul'isa.
Kuni maaliif tahe jennee of gaafachuun barbaachisaa dha. Xiinxala kiyya irraa haalli armaa olii saba Oromoo mudachuun amala farrummaa murni Shanee agarsiisaa ture irraa kan maddee fi qabsoo Oromoo hoogganuu dadhabuu irraa sababa dhiheessan barbaaduu irraa kan dhufe. Yeroo murni QC dhaaba irraa bahetti fi sana boodas sochiin dhaabaa laafachuuf sababni dhihaataa ture, Hayyuu Duree dhaabaa kan ture Galaasaa Dilboo fi murni isaa qabsoo hoogganuu dadhabuu dha jedhame. Biyya ambaa keessatti jaarmaya ummataa cimaa ijaaruu fi miseensota hedduu ABOn akka hin horanne kan godhe dadhabina Shanee osoo hin taane akka murni kun jedhutti kanneen "OPDO, Amaara, ykn farra" qabsoo bilisummaa tahanii dha. Akka isaan jedhanitti hooggana Daud Ibsaa jalatti ABOn humna Waraanaa akka hin ijaarree fi hin bobbaafne godhe murna amma "Jijjiirama" jedhaniin kana jedhu. Hooggana shanee akka biyya keessatti deebi'ee ummata isaa waliin qabsoo hin goone kan dhoorke muratnoo dhabuu isaanii osoo hin taane, kanneen isaan dadhabbii isaanii dhoksuuf akka diinaatti uuman tahuu qabu. Ganna diigdama dura yeroo dhaaba kanatti dabalamu haala keessa dabre irra deebi'ee akka yaadadhu na godhe. Dirree waraanaa seenee leenjisa waraanaa fi siyaasaa fudhe. Akka nama haaraa qabsootti dabalameetti seenaa dhaabaa fi haala inni keessa dabre, maaliif ummata Oromoo dhaqqabuun ijaaruu akka hanqate, jaarmayoota ummatoota naannoo TPLF fi EPLF duubatti akka ABOn hafe gaafachaa ture. Guyya irraa guyyatti kan natti himamaa turee fi anis bara dheeraaf ilmaan Oromoo na duubaan dhaaba kanatti dabalamanitti himaa ture akkamitti qabsoo tana bakkaan gahuu akka dandeeny osoo hin taane, akkamitti ayyaan laallattotni, gantootni, seera dhablootni, kanneen Amaara tahanii nu keessa seenaanii fi kkf akka qabsoo sakaalan ture. Eegaa dhaabni Oromoon waan guddaa irraa eegaa ture, dhibdee gabrummaa akka hiibboottii hiikkachuu dadhabeef deebiin hoogganni shanee kennuuf leenjii guddaa itti qabu akkamitti diina akka of irraa faccisan osoo hin tahin ilmaan Oromoo" gantoota, Amaara, goobana, OPDO" fi kkf maqaan jedhamu kennameef irratti akka duulu, akkasumas hunda akka ija shakkiitiin ilaalu qofa jechuun ni dandayama.
Dhiheenya kana hoogganaan Shanee obboo Daud Ibsaa biyya America dhufuu waliin haala dabre irraa baratee Oromoo gidduutti akka nagaan bu'u Oromoo irratti duuluun akka dhaabbatu hordoftoota isaatiif dhaamsa dabarsa hawwii jedhu qabaachaa ture. Kanneen Oromoo diiguu akeeka godhatan irraa araara Oromoo dhagahuun akka hin danda'amne yemmuun deebi'ee hubadhu hamileen na caphe. Kora Atlaantaa booda abdii kutadhe. Guyyama Korri Atlanta dhumateen video "inside the rebel teritory" jedhu sababa godhachuun duulli Oromoo adda facaasuun gaggeeffamaa ture haarayoomfamee itti fufe. Haala gurri oromoo dhagahuu hin dandeenneen ilmaan Oromoo sabaaf jedhanii lubbuu isaanii wareeguuf qophaa'an Oromoo miti, takka ammoo waraana osoo hin taane ganda keessaa ijoollee walitti qabanii video kaasan jedhuu irra dabranii video sun gochaa Wayyaanee ti, barruu jedhuun gadi bahan. Qabsoo Oromoo waggaa kudhanii ol hooggana dhabdee fi WBO bilisummaa Oromoo raadaara irraa bade miidiyaa addunyaa irratti bahuun aariin bobahuun murna shanee farra qabsoo Oromoo akka tahan kan ragaa bahuu dha. Olola diiggaa waggaa tokkoof oromoo keessatti deemaa ture qabaneessuuf qooda taphachuu irra hayyuu dureen shanee duula marraa lammafaaf hordoftoota isaa bobbaasuun tokkummaan Oromoo daran akka boora'u gochuun diina tokkummaa Oromoo irraa sodaa qabu tahuu murna shanee saaxila. Duula diiggaa ilmaan Oromoo gidduutti qabsiifame kana hoogganni Shanee ol'aanaan akka keessa jiru raagaan guddaan barruu maqaa "Ijoo Dubbii ABO" jedhuun Gaashuu Lammeessaa facaase ilaaluun ni gaha. Gaashuu Lammeessaa harkaa mirgaa Daud Ibsaa fi nama 1992 qarshii Miliyoona shan Baankii Dambi Doolloo irraa WBOn booji'e wayyaanee kennee gama biyya Suudaan ittin cehuuf visa argatee dha. Kanneen akkanaa kanatu ar'a WBO zoonii Kibbaa irratti duula. Silaafuu kanneen Oromoo diiguu akeeka godhatan irraa waan Oromoo ijaaruu eeguun hin tahu.
Itti fufa
Dhiibaa Garbii

Tuesday, June 30, 2009
Deebii Barruu " Shanee dhabamsiifne jachuun Abjuu fi Abdii kutannatti yeroo jijjiiramu." jedhuu
Ijoolleen xixinnoon ati eenyu yemmuu jedhaniin deebiftee ati hoo eenyu namaan jetti, gaaffii deebisuu diddaaf. Ykn ammoo nama keessummaa kanatti maqaa kiyya nan hima moo hin himuuf murteessuu yemmuu dhabdu. Barruun Obboo Hordofaa Dhugaa mata duree "Shanee dhabamsiifne jachuun Abjuu fi Abdii kutannatti yeroo jijjiiramu " jedhu jalatti barruu ani asiin dura barreessee bilisummaa.com irratt maxxamfamteef deebii kennuuf yaale keessatti akeeka yaada daa'immanii tuqne kanaan walfakkaatuun yaada an dhiheesseef deebii kennuu yommuu itti rakkatuu fi waan jedhu irratti mataan murtii kennuu dadhabee akka nama bishaan fudhatee hoomacha qaqqabatu agarra. Eegaa dhaaba isaa, Obboo Odaa Xasee fi kanneen barruu kiyya keessatti maqaa tuttuqe bakka bu'ee falmuufii yoo barbaade, dhugaa ittiin falmuun qabaatu obboo yakka isaan irratti dhihaateef deebii qubsaa, amanuus tahe haaluu ifatti dubbiftoota hubachiisuu qaba. Barruun kiyya kan hundaa'e dhugaa qabatamaa fi beekkomsa bara dheeraa irratti. Akkuma jedhu, Obboo Odaa Xasee dogoggoraan, shira kanneen waliin hojjatan irratti dalaganii fi lammiiwwan Oromoo naannoo biroo akkamitti dhaaba keessaa akka qulqulleessan itti yaada waldabarfatan jiraachuun dhugaa addunyaan hundi haasawee dadhabee dha.
Gama birootii Abbaa Calaa fi Daud Ibsaa gidduu waldhabbiin jiru kan hedduu ture, bara dabre yeroo ABOn bakka lamatti adda bahu nama USA irraa Asmaraatti bobba'ee akka araarri isaan gidduutti bu'e, maadheelee naannummaa irratti ijaaranii barootaaf toohataa jiraatan walitti fidanii bifa waalta'een dhaabaaf bu'aa argamsiisuu irratti akka wal-dhabbii qaban ifaatti kan dhagahamuu dha. Kanaaf dhibdee kana jijjiirama yakkuu dhaan furuun hin danda'amu.
Fuula lammafaa barruu kanaa yakka obboo murna "jijjiiramaa" fi kanneen diinatti yakku irratti dhiheesseef deebii kennuuf wareega. kanuma waliin ammoo an jijjiiramaaf dubbataa akka hin tahinii fi dubbatuufis fedhii akka hin qabne gama kaniin ammoo siyaasaa Oromoo keessatti ilaalcha bilisa mataa kiyyaa irra ijjadhee daba Oromoo keessatti hojjatamu falmuuf ejjannaa qabu irraa barruu Obboo Hordofaa Dhugaa deebii kenna.
A. Obboo " Hordofaa Dhugaa"Barruu isaa irraa akka argutti, ABO keessa barootaaf diinaaf kan hojjatan akka turan,. karoora hoogganni dhaabaa baasaa ture akka hojii irra hin oole akka godhanii dha. Oduu kana ganna tokkoof wallakkaa ol dhageenyus olola diigaa fi badii ofii haguuguuf murni shanee facaasaa ture ala dhugaa akka hin tahin agarra. Dhaabni kun bara 1992 booda hoogganni isaa irra jiroon ummataa fi WBO baqatee biyya ambaatti kan goodane, erga WBOn biyyaa dhiibamee bahe booda aangoo barbaacha qofa kan an hooggana ABO jedhee of ibsee dha. Namoota amma murna shanee hoogganan kanneen "umrii isaanii irra caalaa qabsoo Oromoof oolchan" jedhamanii dhageennu kun 1992 humna WBO dirree dhihaa facaasanii diina jalatti dhiisanii kan biraa deemanii fi barootaaf hoogganni dirree ture [dirree bahaa] yeroo akka hoogganni dirree qabsootti akka deebi'u gaafatan finciluun alatti jireenya oowifatan, 1998 WBOn hooggana isaa kan haqaa fi gootota hedduu dhabee yeroo biyya Somaaliyaatti dhiibamu irratti abbaa tahuu shaanxaa guurratanii Somaaliyaatti godaanan. Kora hatattamaa godhame irratti bakki qoodameefii deebi'anii humna diinaaf waggaa jaha dura kennan irratti hooggana tahan. Yeroo kana booda waldhabbii Ethiopia fi Eritrea gidduutti dhalatetti gargaaramuun humni waraanaa 2000 gahu leenjifamee biyyatti bobba'uuf somaalee keessatti osoo qophiin irra jiruu eeggannoo barbaachisu gochuu fi humna dursanii biyya seensisuu didanii TPLF somaaleetti bobba'uun humna kana facaafte. Yeroo kanaaf hoogganni kun humna 2000 ol tahu dhiisee Asmaraatti akkuma 1992 sana baqate. Hoogganummaa isaan kennaniin goototni akka Caalaa Leencoo, Daddafaa, Turee Dhaddachoo kkf hedduun Baidowa irratt wareegaman. Sana boodaf waani tahaa ture hoogganni humni Oromoo gabrummaa loluuf leenjisa dabaree dabareen fudhatee bobba'e hunda qoratnoo gahaa malee bobbaasuun akka baalaa akka harca'u godhan. Ilmaan Oromoo kumaatamaan maqa dhaaba kanaatiin yeroo dhuman, University dhiisanii biyyoota lamaa sadi keessa qaxxaamuranii Asmaraa gahanii, osoo hooggana tokko hin argan gammoojii takkaa Oromoon argee hin beekne keessatti leenjisa xumuranii wareegamaaf gama biyyaa yommuu deebi'an hogganni isaan abdatanii jala hiriiran tokkoon isaa qabsoo biyyatti deebisuun kan Asmaaraa irraa dangaa Wallaggaa gahe hin jiru. Humna dabaree dabareen gama biyyaa ergame karaa kam irra akka qaxxaamuru, eessaa akka bishaan argatu, diinaan yoo waliitt bu'e eessattii madoo akka dhoksatuu hin beekan. Haala kanaan ilmaann Oromoo yeroo adda addatti gara biyyaa bobba'an hundi daangaa Somaalee fii Suudaan irratti harca'an. Hooggaanni issan bobbaase, eenyu eessatti akka wareegame fi eeny harka diinaa akka bu'e hanga ar'aatti hubanoo takka hin qaban. Egaa kun hundi yemmuu tahu kannaan ar'a jijjiirama hoogganaan ABO keessatti aangoo murtii dhaabaa kennuu fi waraana bobbaasuu akka hin qabne namuu ni beeka. Cinaan isaanii qaama hoogganaayyuu hin taane. Hedduun namoota ati yakkuu barbaaduu hooggana dhaaba kanaa kan tahan Kora 2004-5 tahe irratti. Dhaabni kun gidduu kan eessa akka turee fi qabsoo kana fuula dura oofuu, biyyatti deebi'ee ummata isaa waliin qabsaa'uu waan isaan dhoorke namni deebisu waan jiru natti hin fakkaatu.
B. Yakki biroo kanneen OPDO fi Wayyaaneef ergamanitti gargaaramuun dhaaba dadhabsiisuu fi kanneen yeroo WBO keessaa hangi tokko Boombiin of wareegu isaan diinatti harka kennachuun firoota OPDO keessa jiraniin akka qoratame godhamanii.............. fi kkf kan jedhu keessa jira.
Jalqaba wanni namuu irra deebi'ee yaadatuu qabu, kanneen OPDO keessa turan, Aaddee Almaaz Makkoo irraa kaasee hedduun isaanii akka mootummaa Tigreetti finciluun gama qabsoo Oromoo deebi'an kan ibsaa ture hoogganuma SHANEE kana ture. Yeroo humni Waraana Mootummaa Etophiyaa Asmaraa dhufee harka kennu kan barootaaf dhoksaan walqunnamnee akka sadarkaa kanatti mooraa diinaa onsanii isaan qabsoo Oromootti dabalaman godhe jedhee kan odeessaa ture Hayyuu Duree ABO kan ture obboo Daud Ibsaa ti. Kana qofa osoo hin taane, qooda jeneral Kamaal diinaa irratti hojjachuun qabaachaa tureen osoo inni mooraa diinaa keessa jiru akka miseensa Gumii Sabaatti Kora 3ffaa irratti akka filamu kan Kora amansiisee hooggana dhaabaatti dabale H. Duree yeroo sanaa Daud Ibsaa ti. Eegaa OPDOn jedhamu kanneen parlamaa keessa turan, miseensa OPDO turanii booda ABOtti warra dabalaman keessaa kan akka tahe ifaa miti. Kanneen kaleessa qabsaawota dhugaa diina keessa taa'anii ummataaf hojjatan jedhaman ar'a OPDO jedhanii dhiheessuun jeequmsa sammuu yoo hin taane maal akka tahe namaaf hin galu. Kanuma waliin klan tuqamu qabu, kanneen diinaa qabamanii warri jijjiiramaa fira OPDO waliin qabuun baase eenyufaadha? gaaffii jedhuu dha. Kanneen Hooggana ABO turan keessaa osoo humna waliin bobba'an fi osoo lolchiisan kan diinaan dhuunfataman hedduu dha. Isaan keessaa J. Atoomsaa Kumsaa, Qilxuu Aadaa, Gaashuu Lameessaa fi kan biroo amma hojii dhaabaa keessaa ala tahan jiru. Isaan kana keessaa kamtu fira OPDO keessaa qabuun bahe. Akka beekkamutti Atoomsaa Kumsaa fi Gaashuu Lammeessaa akka hooggana Shanee tahan beekkamaa dha. Gaashuu Lammeessaa kan baheen firaan osoo hin tahin 1992 maallaqa Baankii Dambi Doolloo keessaa dhiiga WBOn booji'ame Tigreef kennuudhaani. Kanneen hafan hedduun akka itti bahan qorachuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Ilmi Oromoo kamuu mana hidhaa TPLF jiraachuu waan hin qabneef. Fira OPDO wanni jedhamu kan kitaaba ololaa shanee irraa yoggayyuu dubbifamu, yeroo tokko tokko gosa guutuu OPDO godhee dhiheessu dhukkuba guddaa hoogganni shanee fi kanneen isaan jala deeman irraa fayyuu qabanii dha. Kumootaan kan lakkaawaman, ar'a OPDOf hojjatan dhiigaan walitti akka nama tokkootti dhihaachuu bannus, Oromummaan firuma keenya hunda. Qubsumaan ebalu OPDO, ebalu ammoo qabsaawaa dha jechuun jeequmsa sammuu irraa waan maddu malee dhugaa tahuu hin danda,u.
C. Dhuma irratti kanneen eenyummaan isaanii hin qoratamin dhaaba keessatti aangoon itti keenamuun dhaaba kana akka dadhabsiisanitti olola hifatne irra deebi'ee dhagaha. Dhaaba kana keessatti kanneen filmaataaf dhihaatan miseensaa fi deeggartoota dhaabaa Kora sabaa irraa qooda fudhatan hundaa biratti kabajaa qabaniin kan dirqamni ulfaataan itti kennamee dha. Rakkoo guddaan ABO keessa ture kanneen Korri dirqama itti kenne ofitti fudhatanii hojjachiisuu dadhabuudhaan gurmuu hoogganaa laaffisuu dha. Namni dhaaba keessatti kan qoratamuu qabuun hojii inni hojjataa turee fi dirqama itti kenname raawwatee jijjiirama inni agarsiiseen tahuu qaba. Kan biyya alaa, jaarmaya alaa keessatti qooda gumaacheen xiinxalama. Kan waraanaa humna hoogganu duulchisuun jijjiirama gama hidhannootiin inni argamsiisetu ilaalama. Osoo dhaabaa fi qabsoo bilisummaa saba Oromootiif waan bu'a qabeessa hin dalagne baroota dheeraaf hooggana dhaabaa nama ture wanni jedhu dhukkuba qabsoo kana sakaalee, ABOn hooggana qaroon osoo hin taane hooggana jaamaan akka masakamu kan godhee dha.
D. Osoo bira hin dabre, waa'ee xalayaa maqaa miseensota qaama " Jijjiiramaa" Nairobi jiran jedhamuun barreeffame jedhan ilaalla. Akkuma nama kamuu barruu sana yeroo lammaffaaf argee jira. Miseensa dhaaba sanaa waan hin tahiniif dhugaa fi dhara tahuu irraa waan dubbadhu hin qabu. Garuu wanni osoo hin jedhin bira hin dabarre yoo jiraate, miseensi dhaaba tokkoo rakkoo isaa kan furatu sirnaa fi caasaa dhaabaatiinii. Kana irra dabranii rakkoo dhaaba keessaa ilaalatti bahanii diinaa fi fira keessatti hafarsuun farrummaa dha. Kanneen seera dhaabaa irra ejjatanii hooggana ofii irratti media-tti gargaaramuun olola oofan kan ilaalamuu qaban akkuma diinaatti. Kan sammuun isaa waa hubattu hundaaf barruun sun sirna dhaabaatiin rakkii himachuu fi furmaata gaafachuu osoo hin taane olola waan fakkaatuuf ankis akkasumatti fudhadha. Kan kana irraa hafe ilmaan Oromoo hundaa gidduutti araarri akka bu'i hawwa. Araarri ololaa keessa isaa duwwaa fi diinummaa calaqqisuun waan hin taaneef waan jedhamu irratti of qusannoon akka jiraatu osoo lammiiwwan koo ifatti waan mul'atu barreessanii fi dubbatan hin hubachiifne bira hin dabru.
Waaqni Haqa Oromoo Bira Haa Dhaabbatu.

Sunday, June 28, 2009
Diraamaa Mooraa Shanee Keessatti Adeemaa jiru.
Jijjiiramni mooraa ABO keessatti tahe hedduu Oromoo gammachiise, akkasuma kan aarses hedduu dha. Kanneen aaran irra caalaa mooraa ABO keessatti rakkoon uumamuu osoo hin taane bakki [aangoon] isaan dhaaba keessatti qaban gaaga'ama keessa seenuu dha. Hunda caalaa murna kana yaaddessu, qabsoon Oromoo hooggana dhabuu fi ummata Oromootti kabajaa horuu dhabuu osoo hin taane waan Oromoo keessatti tahu hundaa irratti abbaa tahuu tahuu dadhabuu dha.
Jijjiirama sababoota akka uumamu godha keessaa qabsoon hidhannoo ABO gaggeeffamu laaffachaa adeemuu, dhibdee jaarmayaa baroota dheeraaf qabsoo Oromoo xaxeef qaamni hooggana ofiin jedhaa ture furmaata akeekuuf dandeetti itti dhabuu fi qabsoo ummata Oromoo biyyatti gad-utubuu osoo hin taane baqatti galchuu ture. Hoogganni ture [shaneen] qabsoo Oromoo rakkoo keessa akka jirtuu wallaaluu, kanneen bara irra barratti salphinaa fi qaanyiin ummata keenya irratti humna tahuu dhabuu isaa irraa isa mudattu itti dhagahamtu yaadota kaasaniif deebii laachuu dadhabuu fi akka nama raatuu waan biyya Oromoo keessattis tahe mooraa qabsoo keessatti deemu hubachuu dadhabuu dha.
Qaamni booddessan kun akkuma gaaffileen dhaabni kun dadhabaa jira, akkaataa itti hojjannu jijjiirree hojii fi hojjataa walitti fidne ABO humna taasisuu qabna jettu dhihaatu baaragee waan qabatu dhabe. Kan isa baaragse hunda caalaa akkuma dura tuqe Oromoo hoogganuuf muratnoo fi dandeettii itti dhabuu fi gaaffiilee dhihaatan kan hubachuu hanqatuu irraa ture. Kan isaan hubatan, ABO fi WBOn biyya keessaa dhiibame ummata isaa qabsaawuuf irraa fagaatee akka baqataatti gammoojjii Eritrea keessatti rakkoon waadamu, qabsaawaa ummata isaaf gaachana tahee lolu tahuu hanqate, ofiifuu harka namaa kan eeggatu tahuun qabsoma itti fakkaata ture.
Gaaffii dhaaba kana akkanatti xaxama keessa seene keessaa baafnee humna taasifna jedhu kanaaf beekkomsaa fi dandeetti dhabuu irraa qaanyii isaan mudate haguuguuf jecha oromoon dhibdee ABO Sakaalee, akka nama dhukkubni AIDS qabee bara irraa baratti dhaaba kana huqqisaa adeeme irratti akka hin haasofne summii gandummaa facaasuu eegalan. Kanneen dhaaba keessatti hubatnoota siyaasaa addunyaa, naannoo fi ogummaa lolaa qaban dhaaba kana jijjiiruu danda'anii fi Oromoonis jala deemuu danda'u maqaa xureessuutti gadi jedhan.
Oromoon akka waliin hin mari'anne gochuuf, Oromoota naannoo bahaa Oromoo Arsii qabsoo isin bara dheeraa irratti dhumaa turtan isin irraa dhunfate, kan dhihaatiin ammoo Oromoon Arsii isin balleessuuf deema jechuun osoo "church" hin hafin qe'ee keessa bobba'anii summii facaasuu fi gandummaan wal gurmeessuu eegalan.
Gaaffiin silaa ummata Oromoo keessatti ka'uu male Qabsoo keenya maaltuu sakaale?, akkamitti kana keessaa bahuu dandeenya osoo tahuu qabu, dhugaa dabsanii akka dhibdee Oromoo irratti hin mari'atamne gochuudhaan Oromoo giddutti morka diigaa, baddu hin baddi malee eenyuutu ganda [gosa] akkasii gadi jira jedhu dagaagsan. Waldorgommiin tahaa jiru Oromoof irra hojjachuuf of kennuu fi of ijaaruu osoo hin taane wal-balleessuu irratti xiyyaafate. Akkaataan shaneen itti deemtu hedduu gaaga'aa tahuu ji'oota sadi dura xalaayaa Odaa xaseetiin barreeffamte dogoggoraan murna isaan wal ijaarree aangoo irraa fudhanna jedhan gahuu dha. Dubbiin isaa akkana ture. Akkuma gubbaatti kaase nu warri ganda kanaa of ijaarree dhaaba kana dhuunfanna, kan qabsoo irratti dhume ganda keenya, gandi akkasii loluu hin beekan gubbaa irra taa'uu malee olola jedhuun bobbaan jalqabame. Bobbaan kun babal'atee walqunnamtiin bakka hundatti diriire. Duula kana USA keessatti gaggeessa kan ture Odaa Xasee ti. Haala deemu irratti nama kanaadaa jiru [Yeddii]-dhaaf xalaa barreessa. Qabiyyee xalayaa tanaa keessaa kan nama qaanessuu fi murna shanee keessattis jeeqama uume yaada " Arsii fi Wallaga" wal haa nyaattuu nuti lafa jalaan sirriitti of ijaarree dhaaba dhuunfannaa kan jedhu keessatti argama. Yaadni kun haaraya tahuu dhabus kan rakkoo uume murna kaan isaan aangoo irraa mulquuf deeman dogoggooraan email ergame Denmark harka obboo Gannatii Gahuu dha. Erga guyyaa sanaatti hanga ar'aatti qaanyii irraa gadi bahee nama dubbisuu dadhabuu fi mana "paltalk" halkan guutuu irraa bookkisaa bulu irraa agabamfamuu dha. Murna isaa kan akka Tamaam Yuusuf faa hedduu akka dallansiisee fi hojii isaan bara dheeraa lafa jalaan hojjataa turan kan saaxil baasee dha.
Hunda caalaa sochii bifa kanaa tokkumaa Oromoo kan gaaga'u fi mooraa qabsoo keessatti kan ibidda qabsiisuu akkasumas wali irratti amantii kan hanqisuu dha.
Gama birootiin ammoo Murna Abbaa Caalaa fi Daud gidduu wal dhabbiin cimtuun akka deemtu himama. Sababni isaan jarreen kun lameenuu maadheen isaan qaban ganda irratti [Horroo fi naannoo dhihaa horroo ala] kan hundaa'e tahuu, erga walitti murna jijjiiramaa waliin waldhabbiin dhalate booda hooggana tokko [Daud Ibsaa] jalatti humni kun lameenii dhuunfatamuu dadhabuu fi karaa siyaasatiin dhaaba keessatti murni Abbaa Caalaa humna dhablee taasifamuu dha. Keessatti namni Onnee jedhamu Itti gaafatamaa Murna Shanee Kutaa USA tahuu fi dabballootni Abbaaan Caalaa waggoota dheeraaf kunuunsa ture bakka dhabuun akkasuma, gosa ittiin qabachuuf jecha Dr. Taaddasaa dhiibuudhaan Tamaam Yuusuf bakka buusuub ibidda hin dhaamne qabsiise. Haalli kun akkanaan itti fufu fotoqa biraa akka uumu tilmaamuun nama hin dhibu. Hunda caalaa garuu murni Shanee kun aangoo irra turuuf shirri xaxaa ture lammiin Oromoo dhibdee qabsoo mudatte irratti haasa'uu akka lagatuu fi haawaasa Oromoo gara Somaalessuutti oofuu gaaga'ama dhaloota hedduu fudhachuu malee ummata Oromoo irratti haguuguu danda'a.
Kanaaf jaarmayoota Oromoo giddutti nagaa buusuu dadhabnus, wal-hubachuun ammaaf ulfaatus, wal irratt ablee qarachuun bu'aa namtokkee, kan murnaa fi kan sabaa guutuu akka gaaga'u hubatnee bakka jiruun qabsoo Oromoo hacuucamte ukkaamama keessaa baasuu irratt fuula yoo deebifanne bu'a qabeessa.
Waaqni Oromoo nu waliin Haa dhaabbatu

Subscribe to:
Comments (Atom)