Friday, August 7, 2009

Yeroo Gabroomfataa fi "Bilisa Baasaan" tokko tahu.

Video WBO tv biyya Kenya-tti agarsiifama jiru irratti murni lama waliif galteen akka hojjataa jiru dhagahama. Murni tokko kan lammii Oromoo lafa irraa duguuguu fi haala fedhe keessatti saba Oromo hidhamaa Empaayera Etoophiyaa taasisee tursiisuu barbaadu yommuu tahu, tokko ammoo murna SH-G-ABO ofiin jedhu kan "bilisummaa"saba Oromoof falma jedhaa turee dha. Kun akkamitti akka tahu Oromoof salphaatti kan hubatamu tahuu baatus, gadi-fageenyaan kan ilaaleef murna kana lameen jidduu garaa garummaan jiruu fi ture maqaa qofa akka tahe hubachuun nama hin dhibu.Fagoo osoo hin deemin Shaneen media addunyaa irratti bahuu falmaa sabni Oromoo godhu dura dhaabbachuun qofti bilisummaan saba Oromoo kan isaan yaaddessuu fi akeeka biroo maqaa Oromootiin gaggeessan akka jiraachuu agarsiisa. Dhaabni wareegamni gootota ilmaan Oromootiin baroota dheeraaf jiraate ar'a farreen ummataatiin dhuunfatamee mooraa qabsoo keessatti shiraa fi kaayyoon diinaa akka gaggeeffamu tahuun kan hedduu nama gaddisiisuu dha.

Barruu shaneen maaliif Video WBO arguu Jibbite jedhu kaleessa maxxanse irratti murna amma shanee gaggeessu yakka hedduu qabsoo bilisummaa irratti raawwachaa tureef sodaa guyyaa tokko seeraan gaafatamna jedhuun mataan hidhame akkuma gabroomfattuu Habashaa bilisummaa Oromoo irraa yaaddoo qabaachuu isaa ti. Sababni biroo murni shanee murna dantaa dhuunfaatiin ijaa jaame, tuffii guddaa saba oromoo irraa qabuu tahuu hubachuun barbaachisaa dha. Kana malees ilmaan Oromoo biyya isaaniif falmatuuf hayyama shanee malee akka mirga hin qabneetti kan yaaduu fi walqixxummaa ilmaan Oromootti kan hin amannee dha. Waldhabbii bara dabre mooraa ABO keessatti mudatee fi olola murni kun oofaa ture irra deebi'anii ilaaluun eenyummaa murna kanaa fi ilaalchi isaanii dhukkubsataa tahuu hubatuun ni danda'ama. Murna shanee keessatti ol'aantummaaf waldorgoman, Murna Tamaam Yuusuf, Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa yoo ilaalle isaan hunduu Oromoo naannoo isaanii kan biraa akka caalu fi isaaniin hoogganamuu fi eebbifamu malee mirga an Oromoo dha jedhee of yaamuuyyuu akka hin qabnetti hubatu. Akkaataa itti nama ijaaraa turan yoo ilaalle;

A. Murni Tamaam Yuusuf naannoo inni itti dhalatetti Oromoon dhalate akka qabsoo kanaaf oromoo hunda caalaa wareegama baase, kan isaan irraa hafe hambaa Oromoo namni biroo qabsaawee Oromoo isaa taasisu akka taheetti hubata. Kana irraa kan ka'e ganda keessa bobba'uun qabsoo isin wareegama itti baaftan kanneen hanga nuti hayyamnutti Oromummaa qabaachuu hin mallee isin irraa fudhataa jirti jechuun ummata jibbaa diinaa osoo hin taane jibbaa lammii irratti ijaara.

B. Murni lameen hafan murna Oromoo hafan hundi lammummaan sadarkaa nama naannoo isaanii dhalatee gadi akka tahan, ummata yoo namootni biroo itti himan malee Oromummaan maal akka taate hin beekne, ummata barnoota hin qabne kan doofummaa keessa jiraatu waan ta'eef waan nuti itti himnee ala bahu diina Oromoo jedhamuu qaba jedhu. Yeroo tokko tokko tuuta titisaatin walfakkeessu. Yeroo tokko tokko loon namni hayyisu jedhuun.Ilaalchi isaanii nafxanyaan walfakkaatas. Nafxanyaan ilaalcha nafxanyummaa irratti jaarmaya Amaara qofaan ijaarameen kan nama toophiyaa hunda bakka bu'u jedhaan. Kanneen bifa fakkaatan lammii isaanii ijaaran mirgaaf dubbatan ammoo dhiphoo dha Nafxanyoota biratti. Maqaa tokkummaatiin Nafxanyummaa dagaagsu. Murni shanee Abbaa Caalaa fi Daudiin durfamu kunis akkuma murna Toophiyaa sana gartuu isaan hoogganan irraa kan hafe ilmaan Oromoo naannoo hundaa osoo keessatti qooda fudhatan illee murna gandaa jedhaan.Kan ilaalamu maal irratti ijaaramanii osoo hin taane eenyutu hoogganaa dha. Egaa walumaa gala, akka murni kun yaadutti Oromoonni isaan irraa hafan uumamaan badhaafamanii naannoo isaaniitti hin dhalatin
'doofaa" namni waan hojjatan itti himuu qabu waan tahaniif waan mataa isaanii fi saba isaaniis dubbachuu hin danda'an, maqaa Oromoos dhahuun hin hayyamamuuf hanga murna "qaroo, barate" kana irraa eebba fudhatanitti. Akka ilaalcha murna kanaatti Oromoon hundi walqixxaa'uu kan danda'u uumamaan osoo hin taane erga isaan kunuunsanii, Oromummaa hafuura qulqulluun erga itti guutan booda taha. Gabaabaatti ilaalchi murna kanaa Oromoo uumamaan osoo hin taane ilaalcha dhiphoo irraa ka'anii ibsu ykn /define/ godhu.

yaada armaa olii kana irraa wanti hubatamu murni lameenuu wal qixxummaa ilmaan Oromoo uumamaa fi Oromummaan waa'ee Oromoo irratti qaban murna hin fudhanne murna booddeessaa fedhii Oromootiin mormuu dha. Ilaalchaan boodatti hafaa tahuu isaanii irraa osoo hin hubatin tarree cunqursaa dhaabbatu. Kan walqixxummaa ilma namaatti hin amanne bilisummaa sabaatiif falmuu hin danda'u. Hanga oromoo hundi qabsoo keessatti qooda walfakkaataa akka qabu hin hubannetti isaan hoogganuu fi qooda barbaachisu kennisiisuuf ilaalchi jallataan mataa isaanii keessatti uumame isaan dhoorka. ilaalcha jallataa isaan qaban kanatu Oromootti akka hinaafan, diina kaayyoo dhiisanii akka Oromoo irratti duulan, maayyii irratti akka gurmuu saba oromoo diiganii fi tokkummaa qabsaawotaa booressan kan isaan godhe.

Hunda caalaa farruumaa murna shanee kan ibsu, WBO arguuf jibbansa isaan gidduu kana agarsiisaa jiranii dha. Videon mul'atu humna keenya diinaaf saaxila yaadni jedhu kan hin tuffatamne tahus naannoo sanatti humni keenya bal'inaan socho'uu diinni dur irraa akka beeku namuu ni hubata. Kana irraa ka'anii humni TPLF fi Homaan waraanaa mootummaa Kenyaa sakattaa waliin qindeeffataa akka turan iccitii tahuu hin qabu. Kanaaf sochiin WBOn naannoo sanatti godha ture iccitii miti. Kana irra dabrees humna kun Video irratti afaan inni dubbatu Oromoo tahuu osoo argan humna Turkaanaa, Somaalee fi kkf jechuun isaanii akkuma duratti jedhe Oromoonni naannoo tokko tokko qubatan kanneen hafan irraa gadi- ilaalchi jedhu akka mataa isaanii xaxee ija isaani jaamse ragaa taha. Falmaa siyaasaa fi waraanaa keessatti bakki ololaa fi sochii ofii addunyaa irratti beeksisu qabu guddaa akka tahe namuu ni hubata. Murni shanee dhugaa kana Osoo beeku WBO dura dhaabbatee akkuma Wayyaanee mormuun ajandaa biroo akka qabu, bilisummaan saba Oromoo irraa yaaddoo akka qabu agarsiisa.

Kaleessa Video NTV irratti dabre dhaabuuf mootummaan TPLF tattaaffii guddaa akka godhe dhageenne. garuu kun diina keenya irraa dhufuun nama dinquu hin qabu. Kan Oromoon gaafatuu qabuu fi Murni shanee deebisuu qabu garuu maaliif WBO dura akka dhaabbatan, ijjannaa bilisummaa saba Oromoo irratti qaban, akkasumas obbolummaa TPLF waliin horatan maal irraa akka maddee dha. Akka an yaadutti Murni shanee WBO dura dhaabbachuun murtii tooftaa kan humna jijjiiramaa mormuu osoo hin taane imaammata blisummaa saba Oromoo dura dhaabbachuu isaan qaban irraa madda. Ummatni Oromoos kan tolchee hubatuun qabsoo isaa leelliftoota kaayyoo Habashaa maqaa "bilisummaa" saba Oromootiin gaggeessan irraa tikfachuu qaba.


Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

Roobaa Bultum

Wednesday, August 5, 2009

Shaneen Video WBO Maaliif Arguu Jibbite?

Gara biyya America dhufuu mataa Shanee fi Kora Atlanta irraa Oromoo kan eegaa ture, waldhabbii mooraa qabsoo keessatti dhalateef furmaatni ni bu'a kan jedhu ture. Karoorri hojii shaneen itti bobbaate garuu Oromoo gidduutti kan araara buusuu osoo hin taane akkuma baroota hedduu itti dalagaa turan jibbaa fi diigumsa Oromoo gidduutti babal'isuu tahe. Seenaa bara dheeraa keessatti hooggana shanee irraa kan argine, ilmaan Oromoo oromummaa irratti ijaaruun bilisummaa sabaaf duulchisuu osoo hin taane jibbaa walii irratti ijaaruu dha. Hojiidhaan wanni ummata Oromootti mul'ifamu waan hin jirreef yaada Oromoo ittiin facaasuuf yeroo hunda ABOn diina uumuu qaba. Yeroo barbaachise ilmaan Oromoo lammummaa jijjiiranii Amaara godhuun, kanneen akkaataa dhaabni itti hojjataa ture irraa gaaffii qaban ergamtoota diinaa godhuun, kanneen dhaaba keessatti dhibdee jiruuf furmaata sirrii akka argatu gaafataa turan badii hin jirreen yakkuun qabsaawota facaasuun aadaa bara dheeraa murni amma shanee ofiin jedhu hordofaa turee dha.

Dhihoo tana beeksisa Video WBO TV Kenya baasee fi jireenya WBO mormuuudhaan ibsi murni shanee baase hunda caalaa eenyummaa isaanii kan saaxilu fi farra bilisummaa Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Duad Ibsa ABO sadarka dur inni ture irraa akka maqaan isaa dhokotu taasise. 1992 WBO mooraatti galchee diinaan akka rukutamu godhuu irra dabre diinagdee Waraanni hidhannoo fi jireenyaaf itti dhimma bahu sassaabee diinaaf kennuu kan hafe ammoo biyya ollaa Suudaannii fi Kenya keessatti jalee isaa waliin itti jiraachaa ture. Irra deddeebi'ee waraana qorannoo tokko karaa biyya ollaa bobbaasuun osoo biyya hin seenne dangaa Suudanii fi Somaaleetti rasaasa diinaatiin akka baalaa mukaa akka harca'an taasisan. Fakkeenyaaf humni 2500 gahu 2006 keessa Somaalee seene osoo hidhannoo guutuu qabu akka hiikkatee ganda keessa taa'uu fi ittisa tokko malee humni Tigree ganda keessaa walitti qabee akka fixuu fi mana hidhaatti guuru maaliif taasifame? Osoo dhugaan diina Oromoo dura dhaabbatuu fi waraana biyyaaf lolu ijaaruu fedhiin jiraate humni sun biyya sana keessatti kanneen yeroo sana Tigree lolanitti golgaa galee of ittisuu irrada dabre muuxannoo dirree waranaa bilchaatuu danda'a ture. 2005 Jaal Irreessaan akkaataan itti wareegame kan hanga ar'aa adda hin bahinii fi harki Daud Ibsaa wareegama isaa keessa akka jiru kan shakkamuu dha. yeroo inni wareegamu odeessi ture humni J. Irreessaa /Temesgen Caalaa/ hoogganamu karaa Suudaniin biyya seenaa akka jiru kan hime nama SPLA yeroo sanatti Eritrea ture jedhama. Garuu kun waan dhugaa irraa fagaatee fi harki shanee keessa jiruu dha. Shaneen maaliif Col. Irreessaan akka harka diinaatiin wareegamu barbaadde? Sababni isaas hanga yeroo sanaatti namoota seenaa keessatti WBO-tti dabalaman keessaa nama Saayinsii waraanatiindandeettii guddaa qabu, fi nama dirree bahaa keessatti humna jajjabii diinaa sodaatamaa turte leenjisee dha. Hooggaanni ABO Asmaraatti galee qabsoo irraa fagaachuutti hedduu nama gubatee fi shanee halkanii guyyaa akka hoogganni biyyatti deebi'u nama taa'umsa dhoorke ture. Kun ajandaa Murni Daud Ibsaa WBo dhabamsiisuuf qabuun kan wal mormu waan taheef Col. Irreessaa murtii du'aa irratti muran.

Kana irra dabrees oromoon hoogganummaa Daud Ibsaa fi hariiroo inni diina waliin qabu irra deebi'ee qorachuu qaba. Bara 1981 dirree Dhihaatti Daud ibsaa summii nyaatee akka harka diinaa bu'ee fi waggaa 8 hidhame haasa'amaa ture. Namni kun jaallan waliin turan akkamitti dhumanii inni hafuu danda'e? Mana Hidhaatii akkamitti bahuu danda'e? Mana hidhaatii bahee osoo waggaa tokko hin turin akkamitti Waajjira Siyaasaa tahee filamee damee tikaa/ intelligence/ akka hoogganu ramadame? gaaffiileen jedhan hanga ammaa hin deebine. Kana malees 1992 irraa kaasee hanga 1998 dirreetti akka deebi'u yeroo dheeraa gaafatamee yeroo WBO biyya keessaa dhiibamee Somaaliyaatti bahu maaliif Waraanatti deebi'e? Ergaan diinaa keessa jiraa? waan jedhan gaafatuun barbaachisaa dha. 1993 Daud Ibsaa yeroo Nairobi turetti nama embassy Etoopiyaatti deddeebi'u tokko akka of irraa eegan itti himame. Namni nama miseensa dhaabaa turee fi 1991-92 humna tikaa waajjira Finfinnee keessa turee dha. Odeessa argatan kanaan jala bu'anii Pasport Etoophiyaa boorsaa isaa keessatti argama. Nama kana qorachuu fi hariiroo inni diinaan qabu adda baafachuu irraa ajajaa humna naannoo Horroo bobbaatuu godhanii biyyatti deebisan. Namni akkuma Daud Ibsaa dhalootaan nama naannoo sanaa ti. Biyyatti deebi'ee humna akka gaariitti ummata keessatti of ijaare, hoogganoota ciccimoo horate yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti akka diigamu taasise. Nmni kun erga humni diigame booda Finfinneetti akka deebi'u godhamee maadhee dhaabaa magaalaa tokko tokkoon mancaasisee ofii Kenyaatti deebi'e. Ummatni magaalaa Diina waliin akka namtichi kun hojjataa ture osoo gabaasuu Daud Ibsaa 1998 bakka bu'aa dhaabaa godhee magaalaa Nairobitti ramade. egaa kana hundaa irraa wanni barru murna shanee ar'aa kana keessa harki diinaa caasaa diriirfatee akka jiruu dha.

Gaaffiin amma deebi'uu qabu garuu yeroo ammaa kanatti shaneen Video WBO media adda addaa irratti bahu maaliif balaaleffatu? namni murni shanee kibba keessaa humna qabdu ykn mootummaan Kenya osoo yakka tokko isaan irratti hin dhiheessin maaltuu isaan waccisiise?. Yaada armaa olitti dhihaate kana irraa kan hubatnu murni shanee kun yakka bara dheeraa WBO irratti hojjataa tureen gaafa tokko akka itti gaafatamu waan beekuuf jireenyaa fi jabeenna WBO akka hin barbaadne tahuu isaa ti. Biyya keessa keessatti humna dirree Dhihaa keessatti diinaan salphifame deebi'ee Abbaa Caalaa fi Daud arguu akka hin dandeenne argu ammoo akka tarkaanffii maayyii irratti fudhatu kanneen naannoo dhihaa beekan sirriitti hubatu. Oromoon naannoo dhibii dur hin beekne ar'a murni shanee kun murna farra WBO fi ummata Oromoo tahuu isaa siriitti hubata. Murni kun diina qabsoo bilisummaa fi murna tokkummaa Oromoo booressuuf, akkasumas guyyaa bilisummaa Oromoo fageessuuf socho'u tahuu Oromoon hubatee dura muratnoon dura dhaabbatuun yeroon isaa amma tahuu qaba.

Injifatnoo Ummata Oromoof!!!

Roobaa Bultum

Kanneen Oromoo Diiguu Akeeka Godhatan Irraa ijaarsa hin eegnu

Akeekni ABO ummata Oromoo cunqursaa bifa hundaa jalaa baasuu fi Oromiyaa walaba taate ijaaruu dha. kaayyoon kun kaayyoo xaliilaa fi wabii jireenya ummata Oromoo ti. Haa tahu malee Ummata Oromoo salphina gabrummaa wagaa dhibba jala ture keessaa baasuun kaayyoo xaliila qabaachuu ol gaafata. Hunda dura ummata tokko ta'e, biyya tokko qabuu fi hireen isaa walitti hidhamte kana deebisanii ijaaruu fi akka nama tokkootti akeeka tokko bakkaan gahuuf akka warraaqu gochuu feesisa. Tokkummaan sabaa waan hojjannu hunda dursa.Waa'ee Bilisummaa Oromoo tokkummaa Oromoo malee dubbachuun nama dhiba. Tokkummaan Oromoo osoo hin argamin bilisummaan dhugaa fi fedhii saba Oromoo bakkaan gahu jiraatuu hin danda'u. Dhugaan kun lammii Oromoo bilisummaa hawwu hunda biratti ifaa dha. Dhugaa kana kanneen maqaa bilisummaa Oromootiin socha'an ni wallaalan jechuun nama dhiba. Garuu barootaaf mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti shira tokkummaa Oromoo fi gurmuu qabsaawota Oromoo diiguuf xaxamaa ture yoo ilaalle kanneen maqaa Oromoo himatan keessattuu murni SH-G-ABO farra tokkoffaa tokkummaa Oromoo tahee mul'ata.

Beeksisa Video WBO maqaa "inside the rebel teritory" jedhuun dhiheenya kana bahe ilaalchisee ololli murni Shanee oofaa jiru farra warraaqsa Oromoo fi booressitoota tokkummaa saba Oromoo tahuu isaaniif ragaa guddaa dha. Seenaa bara dheeraa keessa deebinee yoo ilaalle ABO kaayyoo xaliila tokkummaa Oromoo mirkaneessuu fi bilisummaa sabaa argamsiisuuf gootota ilmaan Oromoon ijaarame farroota diina tokkummaa fi bilisummaa Oromoon guututti akka dhuunfatame hubachuun ni danda'ama. Kanaaf seenaa diiggaa fi farrummaa murna shanee sirriitti hubachuuf muuxannoo baroota hedduuf dhaaba kana keessaa qooda fudhachuun qabu dubbiftootni barruu kanaa xiinxala mataa isaanii irra akka gahan bifa armaa gadiitiin dhiheessa. Muuxannoo kiyya irraa ka'ee murni farra warraaqsa Oromoo fi tokkummaa akka tahe ragaa waliin dhiheessa.

1. Waldhabbii murna shanee fi Qaama Cehumsaa gidduutti dhalate; Waldhabbii murna kanaa fi Shanee gidduutti tahe irraa deebinee yoo ilaalle eenyummaa murna shanee hubachuun nama hin dhibu. Jalqabuma irraa kaasanii rakkoo qabsaawota gidduutti dhalate furuu osoo hin taane facaasuu irratti bobba'an. Osoo murni Dhugaasaa Bakakkootiin hoogganamu dhaaba keessa jiru harka lafa jalaatiin, ijoolleen naannoo Naqqamtee dhaaba irratti finciluu barbaadu ololli jedhu harka lafa jalaatiin oofamuu eegale. Kanatti dabalees ijooleen naannoo sanaa [Naqqamtee] hundi qabsootti amantee osoo hin taane Galaasaa qofa of duratti ilaaluun qofa akka miseensota dhaaba kanaa tahan lallabuu jalqaban. Hunda caalaa kan nama dinqu garuu kanneen barootaaf qabsoo keessa turan goobanticha Morodaa Bakaree Oromoo ganee Minilikitti harka keenne waliin walitti hidhuuf tattaafachuu ture. kana irra dabramees hoogganni dhaabaa ol'aanaan osoo hin hafin Murni Galaasaa Dilboo akka TPLF waliin harka lafa jalaatiin hojjachaa ture walgahii miseensotaa irratti himan.Rakkoon kun akka furmaata dhugaa hin arganne, namoota madeessuun akka daran hadhaawu gochuu fi qabsaawotaa fi Oromoota naannoo adda addaa gidduu akka wal shakkiin dagaagu shira xaxuu itti fufan. Kanneen dhugaa kana hin beekne ifatti bahanii qabsaawota kaleessa waliin kufanii kuffisaa turan akka diinaatti ilaaluun maqaa xureessuun itti fufee diigamni 2001 dhalate. Sababa kanaan ilmaan Oromoo hedduun ABO irraa akka bahan jaallewwan isaanii dura akka dhaabbatan akkasumas akka abdii kutatanii manatti galan taasifame. Dhibdeen kun caasaa ABO bira dabree akka hariiroo hawaasummaa ilmaan Oromoo gidduu jiru boorahu godhe.

2. Waldhabbii 2008

Waldhabbii kanaaf sababni guddaan dhibdee qabsoo bilisummaa saba Oromoo mudatte furuu irratti garaa garummaa yaadaa dhalate ture. Murni tokko [kanneen amma Jijjiiramaan bekkaman] xiinxala godhame irratti laamsha'uu qabsoo Oromootiif sababni guddaan aadaa dhaabaa keessatti karoorri bahu hojii irra ooluu dhabuu fi kanaafis sababni aadaan namni hojiin itti madaalamu jiraachuu dhabuu, hoogganni jiru dhibdee qabsoo Oromoo mudatteef furmaata qormaata dhugaa irratti hundaa'e dhiheessuu dandeetti akka hin qabne hubatan. Kana malees hoogganni ture ilmaan Oromoo dhaabatti dabalaman leenjisee hojii isaaniin malutti ramaduu dadhabuu, ganna kudhanii ol baqattummaa keessa jiraatuun haala ummatni Oromoo keessa jiru kan quba hin qabnee fi qabsoo saba Oromoo hoogganuuf hamileen akka ir'atu yaada kanneen shaneen mormaan dhiheessan ture. Gama murna shanee irraa kan dhihaate, qabsoon saba Oromoo waggaa 10 ol hooggana dhabuun rakkoo akka hin tahin, rakkoon ture namni waliif ajajamuu dhabuu fi gandummaa dha yaada jedhu ykn xiinxala jedhu irra gahan. Xiinxala jaamaa kana irraa dhaabbatuun tattaaffii hooggana biyyatti deeisuu fi humna waraanaa ijaaruu dura dhaabbatan. Ajaja Waraanaa addatti ijaarame akka karoora lafa kaayametti diinagdee hojiif barbaadamu dhorkachuu fi biyyoota ollaa irraa qaadhimamtoota dirree leenjisaatti dhihaachuu qaban karaa itti cufan. Waldhabbiin jabaataa dhuftee kanneen dhaaba keessa jiraanii fi fagoo arganis rakkoon kun karaa nagayaatiin akka furamu osoo tattaafatan miseensotaa fi hoogganoota dhibdee ABO sakaaleef furmaata barbaadan olola irratti oofuu jalqaban. Osoo dhaaba keessa jiran SBO-tti gargaaramuun warra "mana barnootaa OPDO" irraa bahe jedhaniin. Bakka hundatti caasaa dhaabaa yaada keenya hin fudhatu jedhaniin diiguu eegalan. ilmaan Oromoo barootaaf wal-amantiin waliin qabsaawaa turan guyyama tokkotti diina walitti taasisan. Bar murni kun OPDO waliin hojjataa, ganda akkasii ijaara jechuu jalqaban. Ifatti jaallan isaanii akka hoogganaatti waliin dalagan kora sabaatiin filaman barruu maqaa xureessii irratti facaasuu eegalan. Akkuma 2001 ammas ABO bakka lamatti facaasuu itti milkaayan. Akkuma 2001 murna QC OPDO fi farra qabsoo godhanii dhiheessan, olola dharaatiin miseensota shira isaanii hin hubatne walitti duulchisan dhaloota naannoo Arsii fi Baaletti dhalate hunda OPDO fi leelliftoota Juneeydii Saaddoo godhan. Loqoda nama naannoo Arsii fi Baalee hunda loqoda OPDO godhan. Gootoa naannoo kanatti dhalatan kanneen lubbuun hin jirre hunda abaaruu itti fufan. Ololli diiggaan kun hanga ar'aatti itti fufee jira.

3. Hawaasa Oromoo dhiiguu; Biyya hundaa keessatti murni shanee ijaarsa hawaasa Oromoo hunda dhuunfachuuf tattaaffiin godhaa ture bakka hundatti ijaarsi Hawaasa Oromoo akka boora'u taasise. Jaarmaya hawaasaa dhuunfachuuf qofa kanneen hooggana ABO fi adeemsa qabsoo irratti quufa hin qabne, gaaffiilee haqaa qaban hunda akka diinaatti adda baasanii itti duuluu eegalan. Dhaadannoo ABO jechuun ummata Oromoo ti, Oromoo jechuun ABO jedhu irratti hundaa'uudhaan kanneen walaba tahan hunda diina Oromoo fi qabsoo bilsummaa godhanii dhiheessuun akka ummataan jibbaman duula wal irraa hin citne irratti gaggeessan. Maqaa namootni hin qabne itti maxxansuun namootni hedduun bakka Oromoon itti walgeette akka lagatanii fi Oromummaa irraa abdii kutatan taasisan. Jaarmaya keessatti ilaalchi gandummaa akka babal'atu gochuudhaan Oromoo akka wal-shakkuu fi Oromummaan osoo hin taane eenyuu keenyatu achi keessa jira yaada jedhuun akka walitti dhufu dirqan. Minesota keessatti hawaasa bara dheeraaf ititaa ture, namni murni shanee ittiin hawaasa toohatuu barbaadu filmaata keessaa hafuu qofaan ilmaan Oromoo baroota dheeraaf hafuura obbolummaan waliin jiraataa turan diina walitti godhan. Kanneen baroota dheeraa qabsoof of wareegaa turan guyyama akkaataa dhaabni qabsoo Oromoo itti gaggeessu irratti gaaffii dhiheessan, kun Amaara, OPDOf hojjata fi olola kkf fakkaatuun maqaa xureessun ilmaan Oromoo danuu waltajii hawaasaa irraa ari'uutti milkaayan.

4. Murni Shanee Yeroo adda addaatti kanneen bifa jaarmaya siyaasatiin of ijaaran irratti olola tokkummaa Oromoo booressu oofaa tureef haalli FIDO, AWO, GUMI fi ibsoon keessa dabran ragaa guddaa dha. Barootaaf imaammatni murni shanee ilmaan Oromoo gar-gar faacaasuuf hordofaa ture ar'a sadarkaa nama gosa keenyaa malee kan biroo dhagahuu nu hanqisuu fi kan keenya jennuun malee kan hafe hundi akka diina walii tahetti Oromoon fudhattu irraan saba Oromoo gahan.Yeroo ar'a adda faca'uu hawaasa Oromoo irraa kan ka'e kan Oromoon akka hoogganaatti ilaaltu hin jiru. Kan jiru hooggana gandaa malee hooggana Oromoo miti. Haala 1992 keessa turre yoo ilaalle hangam akka hawaasni Oromoo diigamee hubachuun nama hin dhibu. 1992 Oromoo kutaa Oromootti dhalate hunda xinnaatu harki 90% hooggana ABO akka hooggana biyyaatti /National Leader/ ilaala ture. Amma haalli keessa jirru fokkisaa fi fuula dura deemuu ykn kaayyoo ummata tokko, biyya tokkoo fi hiree takka jettu san irraa akka fagaataa jirru mul'isa.

Kuni maaliif tahe jennee of gaafachuun barbaachisaa dha. Xiinxala kiyya irraa haalli armaa olii saba Oromoo mudachuun amala farrummaa murni Shanee agarsiisaa ture irraa kan maddee fi qabsoo Oromoo hoogganuu dadhabuu irraa sababa dhiheessan barbaaduu irraa kan dhufe. Yeroo murni QC dhaaba irraa bahetti fi sana boodas sochiin dhaabaa laafachuuf sababni dhihaataa ture, Hayyuu Duree dhaabaa kan ture Galaasaa Dilboo fi murni isaa qabsoo hoogganuu dadhabuu dha jedhame. Biyya ambaa keessatti jaarmaya ummataa cimaa ijaaruu fi miseensota hedduu ABOn akka hin horanne kan godhe dadhabina Shanee osoo hin taane akka murni kun jedhutti kanneen "OPDO, Amaara, ykn farra" qabsoo bilisummaa tahanii dha. Akka isaan jedhanitti hooggana Daud Ibsaa jalatti ABOn humna Waraanaa akka hin ijaarree fi hin bobbaafne godhe murna amma "Jijjiirama" jedhaniin kana jedhu. Hooggana shanee akka biyya keessatti deebi'ee ummata isaa waliin qabsoo hin goone kan dhoorke muratnoo dhabuu isaanii osoo hin taane, kanneen isaan dadhabbii isaanii dhoksuuf akka diinaatti uuman tahuu qabu. Ganna diigdama dura yeroo dhaaba kanatti dabalamu haala keessa dabre irra deebi'ee akka yaadadhu na godhe. Dirree waraanaa seenee leenjisa waraanaa fi siyaasaa fudhe. Akka nama haaraa qabsootti dabalameetti seenaa dhaabaa fi haala inni keessa dabre, maaliif ummata Oromoo dhaqqabuun ijaaruu akka hanqate, jaarmayoota ummatoota naannoo TPLF fi EPLF duubatti akka ABOn hafe gaafachaa ture. Guyya irraa guyyatti kan natti himamaa turee fi anis bara dheeraaf ilmaan Oromoo na duubaan dhaaba kanatti dabalamanitti himaa ture akkamitti qabsoo tana bakkaan gahuu akka dandeeny osoo hin taane, akkamitti ayyaan laallattotni, gantootni, seera dhablootni, kanneen Amaara tahanii nu keessa seenaanii fi kkf akka qabsoo sakaalan ture. Eegaa dhaabni Oromoon waan guddaa irraa eegaa ture, dhibdee gabrummaa akka hiibboottii hiikkachuu dadhabeef deebiin hoogganni shanee kennuuf leenjii guddaa itti qabu akkamitti diina akka of irraa faccisan osoo hin tahin ilmaan Oromoo" gantoota, Amaara, goobana, OPDO" fi kkf maqaan jedhamu kennameef irratti akka duulu, akkasumas hunda akka ija shakkiitiin ilaalu qofa jechuun ni dandayama.

Dhiheenya kana hoogganaan Shanee obboo Daud Ibsaa biyya America dhufuu waliin haala dabre irraa baratee Oromoo gidduutti akka nagaan bu'u Oromoo irratti duuluun akka dhaabbatu hordoftoota isaatiif dhaamsa dabarsa hawwii jedhu qabaachaa ture. Kanneen Oromoo diiguu akeeka godhatan irraa araara Oromoo dhagahuun akka hin danda'amne yemmuun deebi'ee hubadhu hamileen na caphe. Kora Atlaantaa booda abdii kutadhe. Guyyama Korri Atlanta dhumateen video "inside the rebel teritory" jedhu sababa godhachuun duulli Oromoo adda facaasuun gaggeeffamaa ture haarayoomfamee itti fufe. Haala gurri oromoo dhagahuu hin dandeenneen ilmaan Oromoo sabaaf jedhanii lubbuu isaanii wareeguuf qophaa'an Oromoo miti, takka ammoo waraana osoo hin taane ganda keessaa ijoollee walitti qabanii video kaasan jedhuu irra dabranii video sun gochaa Wayyaanee ti, barruu jedhuun gadi bahan. Qabsoo Oromoo waggaa kudhanii ol hooggana dhabdee fi WBO bilisummaa Oromoo raadaara irraa bade miidiyaa addunyaa irratti bahuun aariin bobahuun murna shanee farra qabsoo Oromoo akka tahan kan ragaa bahuu dha. Olola diiggaa waggaa tokkoof oromoo keessatti deemaa ture qabaneessuuf qooda taphachuu irra hayyuu dureen shanee duula marraa lammafaaf hordoftoota isaa bobbaasuun tokkummaan Oromoo daran akka boora'u gochuun diina tokkummaa Oromoo irraa sodaa qabu tahuu murna shanee saaxila. Duula diiggaa ilmaan Oromoo gidduutti qabsiifame kana hoogganni Shanee ol'aanaan akka keessa jiru raagaan guddaan barruu maqaa "Ijoo Dubbii ABO" jedhuun Gaashuu Lammeessaa facaase ilaaluun ni gaha. Gaashuu Lammeessaa harkaa mirgaa Daud Ibsaa fi nama 1992 qarshii Miliyoona shan Baankii Dambi Doolloo irraa WBOn booji'e wayyaanee kennee gama biyya Suudaan ittin cehuuf visa argatee dha. Kanneen akkanaa kanatu ar'a WBO zoonii Kibbaa irratti duula. Silaafuu kanneen Oromoo diiguu akeeka godhatan irraa waan Oromoo ijaaruu eeguun hin tahu.

Itti fufa

Dhiibaa Garbii

Tuesday, June 30, 2009

Deebii Barruu " Shanee dhabamsiifne jachuun Abjuu fi Abdii kutannatti yeroo jijjiiramu." jedhuu

Ijoolleen xixinnoon ati eenyu yemmuu jedhaniin deebiftee ati hoo eenyu namaan jetti, gaaffii deebisuu diddaaf. Ykn ammoo nama keessummaa kanatti maqaa kiyya nan hima moo hin himuuf murteessuu yemmuu dhabdu. Barruun Obboo Hordofaa Dhugaa mata duree "Shanee dhabamsiifne jachuun Abjuu fi Abdii kutannatti yeroo jijjiiramu " jedhu jalatti barruu ani asiin dura barreessee bilisummaa.com irratt maxxamfamteef deebii kennuuf yaale keessatti akeeka yaada daa'immanii tuqne kanaan walfakkaatuun yaada an dhiheesseef deebii kennuu yommuu itti rakkatuu fi waan jedhu irratti mataan murtii kennuu dadhabee akka nama bishaan fudhatee hoomacha qaqqabatu agarra. Eegaa dhaaba isaa, Obboo Odaa Xasee fi kanneen barruu kiyya keessatti maqaa tuttuqe bakka bu'ee falmuufii yoo barbaade, dhugaa ittiin falmuun qabaatu obboo yakka isaan irratti dhihaateef deebii qubsaa, amanuus tahe haaluu ifatti dubbiftoota hubachiisuu qaba. Barruun kiyya kan hundaa'e dhugaa qabatamaa fi beekkomsa bara dheeraa irratti. Akkuma jedhu, Obboo Odaa Xasee dogoggoraan, shira kanneen waliin hojjatan irratti dalaganii fi lammiiwwan Oromoo naannoo biroo akkamitti dhaaba keessaa akka qulqulleessan itti yaada waldabarfatan jiraachuun dhugaa addunyaan hundi haasawee dadhabee dha.

Gama birootii Abbaa Calaa fi Daud Ibsaa gidduu waldhabbiin jiru kan hedduu ture, bara dabre yeroo ABOn bakka lamatti adda bahu nama USA irraa Asmaraatti bobba'ee akka araarri isaan gidduutti bu'e, maadheelee naannummaa irratti ijaaranii barootaaf toohataa jiraatan walitti fidanii bifa waalta'een dhaabaaf bu'aa argamsiisuu irratti akka wal-dhabbii qaban ifaatti kan dhagahamuu dha. Kanaaf dhibdee kana jijjiirama yakkuu dhaan furuun hin danda'amu.

Fuula lammafaa barruu kanaa yakka obboo murna "jijjiiramaa" fi kanneen diinatti yakku irratti dhiheesseef deebii kennuuf wareega. kanuma waliin ammoo an jijjiiramaaf dubbataa akka hin tahinii fi dubbatuufis fedhii akka hin qabne gama kaniin ammoo siyaasaa Oromoo keessatti ilaalcha bilisa mataa kiyyaa irra ijjadhee daba Oromoo keessatti hojjatamu falmuuf ejjannaa qabu irraa barruu Obboo Hordofaa Dhugaa deebii kenna.

A. Obboo " Hordofaa Dhugaa"Barruu isaa irraa akka argutti, ABO keessa barootaaf diinaaf kan hojjatan akka turan,. karoora hoogganni dhaabaa baasaa ture akka hojii irra hin oole akka godhanii dha. Oduu kana ganna tokkoof wallakkaa ol dhageenyus olola diigaa fi badii ofii haguuguuf murni shanee facaasaa ture ala dhugaa akka hin tahin agarra. Dhaabni kun bara 1992 booda hoogganni isaa irra jiroon ummataa fi WBO baqatee biyya ambaatti kan goodane, erga WBOn biyyaa dhiibamee bahe booda aangoo barbaacha qofa kan an hooggana ABO jedhee of ibsee dha. Namoota amma murna shanee hoogganan kanneen "umrii isaanii irra caalaa qabsoo Oromoof oolchan" jedhamanii dhageennu kun 1992 humna WBO dirree dhihaa facaasanii diina jalatti dhiisanii kan biraa deemanii fi barootaaf hoogganni dirree ture [dirree bahaa] yeroo akka hoogganni dirree qabsootti akka deebi'u gaafatan finciluun alatti jireenya oowifatan, 1998 WBOn hooggana isaa kan haqaa fi gootota hedduu dhabee yeroo biyya Somaaliyaatti dhiibamu irratti abbaa tahuu shaanxaa guurratanii Somaaliyaatti godaanan. Kora hatattamaa godhame irratti bakki qoodameefii deebi'anii humna diinaaf waggaa jaha dura kennan irratti hooggana tahan. Yeroo kana booda waldhabbii Ethiopia fi Eritrea gidduutti dhalatetti gargaaramuun humni waraanaa 2000 gahu leenjifamee biyyatti bobba'uuf somaalee keessatti osoo qophiin irra jiruu eeggannoo barbaachisu gochuu fi humna dursanii biyya seensisuu didanii TPLF somaaleetti bobba'uun humna kana facaafte. Yeroo kanaaf hoogganni kun humna 2000 ol tahu dhiisee Asmaraatti akkuma 1992 sana baqate. Hoogganummaa isaan kennaniin goototni akka Caalaa Leencoo, Daddafaa, Turee Dhaddachoo kkf hedduun Baidowa irratt wareegaman. Sana boodaf waani tahaa ture hoogganni humni Oromoo gabrummaa loluuf leenjisa dabaree dabareen fudhatee bobba'e hunda qoratnoo gahaa malee bobbaasuun akka baalaa akka harca'u godhan. Ilmaan Oromoo kumaatamaan maqa dhaaba kanaatiin yeroo dhuman, University dhiisanii biyyoota lamaa sadi keessa qaxxaamuranii Asmaraa gahanii, osoo hooggana tokko hin argan gammoojii takkaa Oromoon argee hin beekne keessatti leenjisa xumuranii wareegamaaf gama biyyaa yommuu deebi'an hogganni isaan abdatanii jala hiriiran tokkoon isaa qabsoo biyyatti deebisuun kan Asmaaraa irraa dangaa Wallaggaa gahe hin jiru. Humna dabaree dabareen gama biyyaa ergame karaa kam irra akka qaxxaamuru, eessaa akka bishaan argatu, diinaan yoo waliitt bu'e eessattii madoo akka dhoksatuu hin beekan. Haala kanaan ilmaann Oromoo yeroo adda addatti gara biyyaa bobba'an hundi daangaa Somaalee fii Suudaan irratti harca'an. Hooggaanni issan bobbaase, eenyu eessatti akka wareegame fi eeny harka diinaa akka bu'e hanga ar'aatti hubanoo takka hin qaban. Egaa kun hundi yemmuu tahu kannaan ar'a jijjiirama hoogganaan ABO keessatti aangoo murtii dhaabaa kennuu fi waraana bobbaasuu akka hin qabne namuu ni beeka. Cinaan isaanii qaama hoogganaayyuu hin taane. Hedduun namoota ati yakkuu barbaaduu hooggana dhaaba kanaa kan tahan Kora 2004-5 tahe irratti. Dhaabni kun gidduu kan eessa akka turee fi qabsoo kana fuula dura oofuu, biyyatti deebi'ee ummata isaa waliin qabsaa'uu waan isaan dhoorke namni deebisu waan jiru natti hin fakkaatu.

B. Yakki biroo kanneen OPDO fi Wayyaaneef ergamanitti gargaaramuun dhaaba dadhabsiisuu fi kanneen yeroo WBO keessaa hangi tokko Boombiin of wareegu isaan diinatti harka kennachuun firoota OPDO keessa jiraniin akka qoratame godhamanii.............. fi kkf kan jedhu keessa jira.

Jalqaba wanni namuu irra deebi'ee yaadatuu qabu, kanneen OPDO keessa turan, Aaddee Almaaz Makkoo irraa kaasee hedduun isaanii akka mootummaa Tigreetti finciluun gama qabsoo Oromoo deebi'an kan ibsaa ture hoogganuma SHANEE kana ture. Yeroo humni Waraana Mootummaa Etophiyaa Asmaraa dhufee harka kennu kan barootaaf dhoksaan walqunnamnee akka sadarkaa kanatti mooraa diinaa onsanii isaan qabsoo Oromootti dabalaman godhe jedhee kan odeessaa ture Hayyuu Duree ABO kan ture obboo Daud Ibsaa ti. Kana qofa osoo hin taane, qooda jeneral Kamaal diinaa irratti hojjachuun qabaachaa tureen osoo inni mooraa diinaa keessa jiru akka miseensa Gumii Sabaatti Kora 3ffaa irratti akka filamu kan Kora amansiisee hooggana dhaabaatti dabale H. Duree yeroo sanaa Daud Ibsaa ti. Eegaa OPDOn jedhamu kanneen parlamaa keessa turan, miseensa OPDO turanii booda ABOtti warra dabalaman keessaa kan akka tahe ifaa miti. Kanneen kaleessa qabsaawota dhugaa diina keessa taa'anii ummataaf hojjatan jedhaman ar'a OPDO jedhanii dhiheessuun jeequmsa sammuu yoo hin taane maal akka tahe namaaf hin galu. Kanuma waliin klan tuqamu qabu, kanneen diinaa qabamanii warri jijjiiramaa fira OPDO waliin qabuun baase eenyufaadha? gaaffii jedhuu dha. Kanneen Hooggana ABO turan keessaa osoo humna waliin bobba'an fi osoo lolchiisan kan diinaan dhuunfataman hedduu dha. Isaan keessaa J. Atoomsaa Kumsaa, Qilxuu Aadaa, Gaashuu Lameessaa fi kan biroo amma hojii dhaabaa keessaa ala tahan jiru. Isaan kana keessaa kamtu fira OPDO keessaa qabuun bahe. Akka beekkamutti Atoomsaa Kumsaa fi Gaashuu Lammeessaa akka hooggana Shanee tahan beekkamaa dha. Gaashuu Lammeessaa kan baheen firaan osoo hin tahin 1992 maallaqa Baankii Dambi Doolloo keessaa dhiiga WBOn booji'ame Tigreef kennuudhaani. Kanneen hafan hedduun akka itti bahan qorachuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Ilmi Oromoo kamuu mana hidhaa TPLF jiraachuu waan hin qabneef. Fira OPDO wanni jedhamu kan kitaaba ololaa shanee irraa yoggayyuu dubbifamu, yeroo tokko tokko gosa guutuu OPDO godhee dhiheessu dhukkuba guddaa hoogganni shanee fi kanneen isaan jala deeman irraa fayyuu qabanii dha. Kumootaan kan lakkaawaman, ar'a OPDOf hojjatan dhiigaan walitti akka nama tokkootti dhihaachuu bannus, Oromummaan firuma keenya hunda. Qubsumaan ebalu OPDO, ebalu ammoo qabsaawaa dha jechuun jeequmsa sammuu irraa waan maddu malee dhugaa tahuu hin danda,u.

C. Dhuma irratti kanneen eenyummaan isaanii hin qoratamin dhaaba keessatti aangoon itti keenamuun dhaaba kana akka dadhabsiisanitti olola hifatne irra deebi'ee dhagaha. Dhaaba kana keessatti kanneen filmaataaf dhihaatan miseensaa fi deeggartoota dhaabaa Kora sabaa irraa qooda fudhatan hundaa biratti kabajaa qabaniin kan dirqamni ulfaataan itti kennamee dha. Rakkoo guddaan ABO keessa ture kanneen Korri dirqama itti kenne ofitti fudhatanii hojjachiisuu dadhabuudhaan gurmuu hoogganaa laaffisuu dha. Namni dhaaba keessatti kan qoratamuu qabuun hojii inni hojjataa turee fi dirqama itti kenname raawwatee jijjiirama inni agarsiiseen tahuu qaba. Kan biyya alaa, jaarmaya alaa keessatti qooda gumaacheen xiinxalama. Kan waraanaa humna hoogganu duulchisuun jijjiirama gama hidhannootiin inni argamsiisetu ilaalama. Osoo dhaabaa fi qabsoo bilisummaa saba Oromootiif waan bu'a qabeessa hin dalagne baroota dheeraaf hooggana dhaabaa nama ture wanni jedhu dhukkuba qabsoo kana sakaalee, ABOn hooggana qaroon osoo hin taane hooggana jaamaan akka masakamu kan godhee dha.

D. Osoo bira hin dabre, waa'ee xalayaa maqaa miseensota qaama " Jijjiiramaa" Nairobi jiran jedhamuun barreeffame jedhan ilaalla. Akkuma nama kamuu barruu sana yeroo lammaffaaf argee jira. Miseensa dhaaba sanaa waan hin tahiniif dhugaa fi dhara tahuu irraa waan dubbadhu hin qabu. Garuu wanni osoo hin jedhin bira hin dabarre yoo jiraate, miseensi dhaaba tokkoo rakkoo isaa kan furatu sirnaa fi caasaa dhaabaatiinii. Kana irra dabranii rakkoo dhaaba keessaa ilaalatti bahanii diinaa fi fira keessatti hafarsuun farrummaa dha. Kanneen seera dhaabaa irra ejjatanii hooggana ofii irratti media-tti gargaaramuun olola oofan kan ilaalamuu qaban akkuma diinaatti. Kan sammuun isaa waa hubattu hundaaf barruun sun sirna dhaabaatiin rakkii himachuu fi furmaata gaafachuu osoo hin taane olola waan fakkaatuuf ankis akkasumatti fudhadha. Kan kana irraa hafe ilmaan Oromoo hundaa gidduutti araarri akka bu'i hawwa. Araarri ololaa keessa isaa duwwaa fi diinummaa calaqqisuun waan hin taaneef waan jedhamu irratti of qusannoon akka jiraatu osoo lammiiwwan koo ifatti waan mul'atu barreessanii fi dubbatan hin hubachiifne bira hin dabru.



Waaqni Haqa Oromoo Bira Haa Dhaabbatu.

Roobaa Bultum

Sunday, June 28, 2009

Diraamaa Mooraa Shanee Keessatti Adeemaa jiru.

Jijjiiramni mooraa ABO keessatti tahe hedduu Oromoo gammachiise, akkasuma kan aarses hedduu dha. Kanneen aaran irra caalaa mooraa ABO keessatti rakkoon uumamuu osoo hin taane bakki [aangoon] isaan dhaaba keessatti qaban gaaga'ama keessa seenuu dha. Hunda caalaa murna kana yaaddessu, qabsoon Oromoo hooggana dhabuu fi ummata Oromootti kabajaa horuu dhabuu osoo hin taane waan Oromoo keessatti tahu hundaa irratti abbaa tahuu tahuu dadhabuu dha.

Jijjiirama sababoota akka uumamu godha keessaa qabsoon hidhannoo ABO gaggeeffamu laaffachaa adeemuu, dhibdee jaarmayaa baroota dheeraaf qabsoo Oromoo xaxeef qaamni hooggana ofiin jedhaa ture furmaata akeekuuf dandeetti itti dhabuu fi qabsoo ummata Oromoo biyyatti gad-utubuu osoo hin taane baqatti galchuu ture. Hoogganni ture [shaneen] qabsoo Oromoo rakkoo keessa akka jirtuu wallaaluu, kanneen bara irra barratti salphinaa fi qaanyiin ummata keenya irratti humna tahuu dhabuu isaa irraa isa mudattu itti dhagahamtu yaadota kaasaniif deebii laachuu dadhabuu fi akka nama raatuu waan biyya Oromoo keessattis tahe mooraa qabsoo keessatti deemu hubachuu dadhabuu dha.
Qaamni booddessan kun akkuma gaaffileen dhaabni kun dadhabaa jira, akkaataa itti hojjannu jijjiirree hojii fi hojjataa walitti fidne ABO humna taasisuu qabna jettu dhihaatu baaragee waan qabatu dhabe. Kan isa baaragse hunda caalaa akkuma dura tuqe Oromoo hoogganuuf muratnoo fi dandeettii itti dhabuu fi gaaffiilee dhihaatan kan hubachuu hanqatuu irraa ture. Kan isaan hubatan, ABO fi WBOn biyya keessaa dhiibame ummata isaa qabsaawuuf irraa fagaatee akka baqataatti gammoojjii Eritrea keessatti rakkoon waadamu, qabsaawaa ummata isaaf gaachana tahee lolu tahuu hanqate, ofiifuu harka namaa kan eeggatu tahuun qabsoma itti fakkaata ture.

Gaaffii dhaaba kana akkanatti xaxama keessa seene keessaa baafnee humna taasifna jedhu kanaaf beekkomsaa fi dandeetti dhabuu irraa qaanyii isaan mudate haguuguuf jecha oromoon dhibdee ABO Sakaalee, akka nama dhukkubni AIDS qabee bara irraa baratti dhaaba kana huqqisaa adeeme irratti akka hin haasofne summii gandummaa facaasuu eegalan. Kanneen dhaaba keessatti hubatnoota siyaasaa addunyaa, naannoo fi ogummaa lolaa qaban dhaaba kana jijjiiruu danda'anii fi Oromoonis jala deemuu danda'u maqaa xureessuutti gadi jedhan.

Oromoon akka waliin hin mari'anne gochuuf, Oromoota naannoo bahaa Oromoo Arsii qabsoo isin bara dheeraa irratti dhumaa turtan isin irraa dhunfate, kan dhihaatiin ammoo Oromoon Arsii isin balleessuuf deema jechuun osoo "church" hin hafin qe'ee keessa bobba'anii summii facaasuu fi gandummaan wal gurmeessuu eegalan.

Gaaffiin silaa ummata Oromoo keessatti ka'uu male Qabsoo keenya maaltuu sakaale?, akkamitti kana keessaa bahuu dandeenya osoo tahuu qabu, dhugaa dabsanii akka dhibdee Oromoo irratti hin mari'atamne gochuudhaan Oromoo giddutti morka diigaa, baddu hin baddi malee eenyuutu ganda [gosa] akkasii gadi jira jedhu dagaagsan. Waldorgommiin tahaa jiru Oromoof irra hojjachuuf of kennuu fi of ijaaruu osoo hin taane wal-balleessuu irratti xiyyaafate. Akkaataan shaneen itti deemtu hedduu gaaga'aa tahuu ji'oota sadi dura xalaayaa Odaa xaseetiin barreeffamte dogoggoraan murna isaan wal ijaarree aangoo irraa fudhanna jedhan gahuu dha. Dubbiin isaa akkana ture. Akkuma gubbaatti kaase nu warri ganda kanaa of ijaarree dhaaba kana dhuunfanna, kan qabsoo irratti dhume ganda keenya, gandi akkasii loluu hin beekan gubbaa irra taa'uu malee olola jedhuun bobbaan jalqabame. Bobbaan kun babal'atee walqunnamtiin bakka hundatti diriire. Duula kana USA keessatti gaggeessa kan ture Odaa Xasee ti. Haala deemu irratti nama kanaadaa jiru [Yeddii]-dhaaf xalaa barreessa. Qabiyyee xalayaa tanaa keessaa kan nama qaanessuu fi murna shanee keessattis jeeqama uume yaada " Arsii fi Wallaga" wal haa nyaattuu nuti lafa jalaan sirriitti of ijaarree dhaaba dhuunfannaa kan jedhu keessatti argama. Yaadni kun haaraya tahuu dhabus kan rakkoo uume murna kaan isaan aangoo irraa mulquuf deeman dogoggooraan email ergame Denmark harka obboo Gannatii Gahuu dha. Erga guyyaa sanaatti hanga ar'aatti qaanyii irraa gadi bahee nama dubbisuu dadhabuu fi mana "paltalk" halkan guutuu irraa bookkisaa bulu irraa agabamfamuu dha. Murna isaa kan akka Tamaam Yuusuf faa hedduu akka dallansiisee fi hojii isaan bara dheeraa lafa jalaan hojjataa turan kan saaxil baasee dha.

Hunda caalaa sochii bifa kanaa tokkumaa Oromoo kan gaaga'u fi mooraa qabsoo keessatti kan ibidda qabsiisuu akkasumas wali irratti amantii kan hanqisuu dha.

Gama birootiin ammoo Murna Abbaa Caalaa fi Daud gidduu wal dhabbiin cimtuun akka deemtu himama. Sababni isaan jarreen kun lameenuu maadheen isaan qaban ganda irratti [Horroo fi naannoo dhihaa horroo ala] kan hundaa'e tahuu, erga walitti murna jijjiiramaa waliin waldhabbiin dhalate booda hooggana tokko [Daud Ibsaa] jalatti humni kun lameenii dhuunfatamuu dadhabuu fi karaa siyaasatiin dhaaba keessatti murni Abbaa Caalaa humna dhablee taasifamuu dha. Keessatti namni Onnee jedhamu Itti gaafatamaa Murna Shanee Kutaa USA tahuu fi dabballootni Abbaaan Caalaa waggoota dheeraaf kunuunsa ture bakka dhabuun akkasuma, gosa ittiin qabachuuf jecha Dr. Taaddasaa dhiibuudhaan Tamaam Yuusuf bakka buusuub ibidda hin dhaamne qabsiise. Haalli kun akkanaan itti fufu fotoqa biraa akka uumu tilmaamuun nama hin dhibu. Hunda caalaa garuu murni Shanee kun aangoo irra turuuf shirri xaxaa ture lammiin Oromoo dhibdee qabsoo mudatte irratti haasa'uu akka lagatuu fi haawaasa Oromoo gara Somaalessuutti oofuu gaaga'ama dhaloota hedduu fudhachuu malee ummata Oromoo irratti haguuguu danda'a.

Kanaaf jaarmayoota Oromoo giddutti nagaa buusuu dadhabnus, wal-hubachuun ammaaf ulfaatus, wal irratt ablee qarachuun bu'aa namtokkee, kan murnaa fi kan sabaa guutuu akka gaaga'u hubatnee bakka jiruun qabsoo Oromoo hacuucamte ukkaamama keessaa baasuu irratt fuula yoo deebifanne bu'a qabeessa.

Waaqni Oromoo nu waliin Haa dhaabbatu

Roobaa Bultum